Hawaasa Itoophiyaa baatiiwwaniif sooramuun furdinaan bara haaraasaanii kabajatan kannneen beektuu?

Hawaasa Itoophiyaa baatiif sooramuun furdinaan waggaa haaraasaanii kabajatan kannneen beektuu?

Madda suuraa, Tigabu Gorogi

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensoonni hawaasa kanaa baatiiwwaniif dhiigaafi aannan sooramuun bu'aa argamu adda baasuuf qorannoo barbaachisa jedhu qorataan

Namoonni ulfaatina qamaasanii dabaluun isaan yaaddeessu akkuma jiran kan furdachuuf ta'e jedhanii sooratanis jiru.

Itoophiyaa Godina Kibba Omootti kan argaman hawaasni Booddii bara haaraasanii kan kabajan sooramaa firdina dabaluun akka ta'e dhageessanii beektuu?

Hawaasni Booddii bara haaraasaanii uffata haaraa bitachuun ykn meeshaa haaraa jijjiruun osoo hin taane baatiiwwaniif sooramuudhaan.

Barri haaraan hawaasa Booddii 'Ka'eel'' jedhamuun beekama. Kun hikkaa addaa qaba. Bara haaraa ykn kabaja ayyaana addaa jechuudha.

Kabaja bara haaraa kanaafis kan qophaa'an baatii lama ykn sadii dursanii sooramuudhaani. Kana kan raawatan ammoo dargagoofi dhiiroota gaheessotadha.

Hawaasicha keessaa dargaggoofi dhiiroonni kunneenis baatii sadii fedhiisaanitiin qarqara lagaa ykn dahoo jalatti walitti qabamu ykn buufatu.

Isaan boodas nyaata kaan irraa of qusachuudhaan dhiiga looniifi aannan qofaa dhugaa guyyaa kaabaja bara haaraasaanii eeggatu.

Achiin booda guyyaa abbootiin hawaasichaa barri haaraa akka kabajamuuf itti murteessaniitti bakka buufatan keessaa harka wal qabatanii meeshaa muziiqaa aadaatiin dabaalamuun shubbisaa kabaja ayyaanichaa hoo'issu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhiroonni kunneen kan akkasiin sooraman guyyaa ayyaanaa shubbisuu qofaaf osoo hin taane dorgommii furdinaatiin injifaachuufis.

Dorgommii furdinaa kanaan injifataa kan isaan taasisu ammoo bu'aa dhumaati malee ejjannaa qaamaa soramuutiin dura ture hubannoo keessa hin galfamu.

Waan kana ta'ef, osoo gara qophii dursa kabaja ayyaanichaatti hin galiin dura ulfaatina qaamasaanii ni madaalama.

Dorgommichaan booda injifattoonnoo ulfaatina ykn furdina erga sooramana booda galmeessisaniinidha.Tiba sooramaa turaniin abbootiin hawaasichaa eenyu akka haala gaariidhaan furdataa adeemaa jru ni hordofu.

Sirna kabaja ayyaanichaarrattis yeroo sirbaniitti eenyu caalaa akka soorame beekuudhaaf mormasaanii gadii fi qaamni miilasaanii oliitti argamu funyoodhaan safaruudhaan kan injifate adda baafama.

Isaan boodas miseensi gosa namni isaan keessaa injifataa ta'e waamamuun ''abaluutu'' injifate jedhamee beeksiifama. Barrichis bara eebaluun itti furdate jedhamuun leellifama.

Dhalattoonnii fi aanga'oonni naannichaa aadaa hawaasa kanaa BBCtti himan akka jedhaniitti, beekkamtii nama dorgommicha injifatuuf kennamuun alatti badhaasinis ta'e aangoon argatamu hin jiru.

Qophii duree Ka'eel

Ayyaannichi osoo hin kabajamaniin dura sirnoonni aadaa garaa garaa ni raawatama. Isaan keessaayis inni tokko adeemsa sooruufi furdisuu dargaggootaati. Adeemsi sooraa kunis sirnaafi seera qaba.

Dargaggooni sirnicha keessatti hirmaachuuf fedhii qaban osoo bakka itti sooraman hin galiin dura qoricha aadaatiin garaa saanii qulleeffachuuf dhiqachu qabu.

Kanaafis qolli bunaa (shoforoon) baalawwan biraa waliin makamee erga danfisameen booda akka dhuganii garaansaanii dhiqamu taasifama. BBC waa'ee faayidaa ykn miidhaa baala kanneenii mirkanneeffachu baatulleen, hawaasichi baalli sun ilbisoota garaa keessatti argamu qulleessuun akka fayyadu amanu.

Adeemsa kanaan booda ammoo kanneen ulaagaa guutan adeemsa sooramuu keessa galu. Adeemsa kana keessa dubartoonni hin galan.

Ittigaafatamaan qajeelcha Turiziimiifi Aadaa godinichaa Obbo Taadassa Kaayaa BBCtti akka himaniitti, hawaasichi dubartoonni akka furdatan hin barbaadu. Dubartoonnis kanarratti ejjannoon qaban kan wal fakkaatuudha.

''Dubartoonni ofiisaanii balaarraa ittisuuf jecha furdachuu hin fedhan. Sababiinsaa yoo furdatan balaa isaan mudatu kamuu jalaa fiiganii bahu hin danda'an'' jedhu itti gaafatamaan kun.

Akka ibsa Obbo Taadasaatti, dubartoonni dorgommicha keessatti kan hin hirmaannee ejjannoo qaamasaanii eeggachuun turuufi balaarra of ittisuudhaaf.

Kanaafuu dubartoonni nyaataa dhiyeessuu fi kunuunsuu keessatti gahee qabu.

Dorgomtoonni yeroo kana keessatti hunda dhiiga loonii qofa aannaniin makanii dhugu.

Jaarsooliin naannichaa adeemsicha itti dhiyeenyaan hordofu. Hanga guyyaan ayyaanaa gahee kan sirriitti furdate adda baafamuutti ammoo garaa, tafaafi teessuumni isaanii ni safarama.

Adeemsicha keessa kan dhukkubbiin mudatu yoo jiraate adda akka kutu taasifama. ''Yeroo baayyee dorgommii waan ta'ef na gahe jedhee kan bahu hin jiru'' jedhu Obbo Taadasaan.

Miseensoota hawaasa Bodii ayyaanaaf furdatan

Madda suuraa, Tigabu Gorogi

Ka'eel

Barri haaraan hawaasa kanaa kan kabajamu waggaa waggaan baatii Waxabajjii keessa. Guyyaa itti ayyaanni kabajamuutti garuu kan murteeffamu jaarsoolii hawaasichaatiin.

Karaa miidiyaa hawaasaatiin suuraalee bareedaa umamaa fi aadaa hawwata tursiitii qooduudhaan kan beekamu Sayifagabri'eel Shifarraa, hawaasa Booddii ilaalchisee barreefama qoodeen, dargaggoonni bara haaraaf jecha sooraman guyyichatti faayaawwan aadaa hikkaa garaa garaa qabaniin bareechifamu.

Saqqii gogaa fi sibiilaa (Mudaal) hidhatu. Mudaal jechuun ammoo sabbata haadhaa jechuudha.

Gosa kamiifi hidda dhalootaa kam irraa akka ta'an agarsiisuuf ammoo gogaa haalluu adda adaaa qabu dugdasaanii irra godhatu.

Yeroo baayyees haallun gogaa kanaa adii, gurracha ykn dimaadiifi adii ta'a; ykn ammoo harka wal qabatanii bahuun sirbu. Miseensoonni hawaasichaa kaan ammoo isaan dabaalu.

'Joondee Saaruny' (Haadha adabaabaayii)

Dhiiroonni kunneenis waan baatiiwwaniif sooramaa turaniifi furdataniifuu sirbuun itti ulfaata.

Karaa aadaatiin milasaanii kaasanii sirbuun hafee, deemuun mataansaa itti ulfaata. Dhalataan naannichaa fi ittigaafatamaan qajeelcha Ispoortii fi Dargaggoota Godina Omoo Kibbaa Obbo Xigaabuu Goorabii BBCtti akka himaniitti, kan tokko tokko qaamni teessummaa, kaan laphee fi garaansaanii ni baqaqa.

Yeroo kanatti ammoo kanneen isaan kunuunsaa turanii fi dubartiin miseensa maatii sirbarratti isaan dabaalan daaraa qabatan isaan hordofuudhaan kutaa qaamsaanii baqaquu irratti naqu.

Akkasumas dafqasaanii haxaa'uun, kennaa callee kennuu fi aannan saawwaa dhiyeessuun jaalala qabaniif agarsiisuuf.

Dubartoonni kunneenis afaan Booddiin 'Joondee Saaruuny' jedhamu. Kunis haadha adabaabaayii jechuudha.

Hawaasni horsiisee bulaa kun haala kanaan kan waggaa haaraasaanii kabajan waggaa darbe kan rakkoo hin qabnee fi yeroo oomishin gaariin itti argame ta'u akkarsiisuuf akkasumas waggaa dhufaan haaluma walfakkaatuun gaarii akka ta'uf hawwii qaban ibsuuf akka ta'e dubbatu Obbo Xigaabuun.

hanga qabeenyaasaanii agarsiisuufis ni fayyadamu. Dargaggoonniifi hiiroonni godorgommoo kanarratti hirmaatan kan loon baayyee qabaniidha.

Kan soramanis qabeenyaadhuma mataasaanitiin. Qabeenyaa baayyee yoo hin qabaannee fi sooramuuf aannan barbaachisu yoo hin qabaanne akkasumas dhiiga dhiyeessuuf kan hin dandeenye ta'e hirmaachu hin danda'an.

Kana malees yoo ayyaana waggaa hin kabajiin dabarsan dhibeen ni mudata amantaa jedhutu jira.

Kanaafiidha haaluma aadaasaanitti qophii baatiiwwan raawwachuun bara haaraasaanii kan kabajatan.

Dhiiroonni sooraman guyyaa qophichaa harka wal qabatanii sirbu

Madda suuraa, Seifegebreil Shifferaw

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni ofiisaanii balaarra ittisuuf jecha ejjannoo qaamsaanii eeggachuuf dorgommicha irratti hin hirmaatan

'Kan dhohee du'e akka jiru himama'

Aanga'oonni naannichaa akka jedhaniitti, sababii jaarsolii naannichaatiin hordoffiin taasifamuuf rakkoon irra deddebiin qaqabe hin jiru.

Dhiiroonni sooraman ayyaanichaan booda gara sirna sooratasaanii durii fi haala jireenya barameetti waan deebii'aniif furdinnisaanii hir'ataa adeema.

Haata'u malee, waggaa shaniin dura namni soorame tokko bakka taa'ee ka'uuf wayita yaaluutti 'garaansaa dhohee'' du'u Obbo Taadasaan BBCtti himaniiru.

Ofii baatiiwwaniifi dhiigaafi aannan qofaa yoo sorannu maaltu qaama keenya mudata?

Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa kutaa barnoota sirna nyaataa fi madaallii kan ta'an Pirofesar Qaala'ab Baayyuu, dhooroonni kunneen tibba sooramuu kanatti kan argatan irra caalaa pirootiiniifi comaa qofaadha jedhu.

Qabiyyeewwan dhiigaa fi aannan keessa jiran kan argatan ta'ulleen, kanneen annisaa kennan, ashaakiltii fi kuduraalee akkasuma kanneen biraa ni dhabu.

Baatiiwwaniif gosa nyaata murtaa'aa qofaa soorataa turuun dhiibbaa qabaatu dubbachuuf kan qorannoofi hordofii gaafatuudha jedhan.

Dhimma kanarratti ibsa oggummaa kennuun dura haala jireenya hawaaichaa fi sirna soorata isaanii qorachuun barbaachisaa ta'u kaasu.