Ameerikaan Sooriyaa keessatti haleellaa raawwachuu ibsite

Madda suuraa, US Central Command
US michuuwwan ishee waliin qindaa'uun haleellaa cimaa Sooriyaa keessatti raawwachuu ibsite.
Ajaji Giddugalaa (Central Command) US akka ibsite xiyyeeffannaan haleellaa kanaa dawoo IS ture.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ajaja haleellaa kana kan dabarsan Sambata kaleessaa (Amajjii 10, 2026) ture.
Ajaji kun qaama duula Operation Hawkeye Strike jedhamuuti. Kana jechuun haleellaa hamaa Mudde 13 IS loltoota US Sooriyaa jiran irratti raawwate haaloo ba'uuf oppireeshinii gaggeeffamuudha.
Ajaji Giddugaleessaa US haleellaan kun tattaaffii shororkeessummaa dura dhaabbachuu fi humnoota US fi michuuwwan naannawa sana keessa jiran baraaruuf raawwatame jedhe.
''Ergaan keenya jabaa, ejjennoon keenyas akkasuma jabaatee itti fufa. Yoo loltoota keenya miitan addunyaarraa bakka isin jirtanitti isin adamsinee isin ajjeesna,'' jedha ibsi Ajaj Giddugaleessaa.
Humnoonni US fi michuuwwan ishee meeshaalee waraanaa jajjaboo 90 ta'an iddoowwan qiyyaafannoo 35 irratti dhukaasaniiru.
Qondaalonni oppireeshinii kanaaf xiyyaarota waraanaa 20 akka fayyadaman miidiyaa US michuu BBC ta'e CBStti himaniiru.
Iddoon haleellaan kun itti raawwatee fi balaa kanaan lubbuun namoota meeqaa akka darbe ammatti ifa miti.
Ministirri Ittisaa US Peet Hegset tarkaanfii humnoota waraanaa ilaalchisuun ''nuti gonkumaa hin dagannu, tarkaanfiin keenyas salphaa hin ta'u,'' jechuun X irratti barreessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsi Tiraamp haleellaa kana yeroo jalqabaaf Mudde darbe ajajee ture. Kunis erga hidhattoonni IS giddugala Sooriyaa bakka Palmiiraa jedhamutti loltoota US lamaa fi lammii US kan afaan hiiku tokko ajjeesanii booda.
Hegset ji'a Muddee keessa wayita oppireeshinii kana labsan ''kun jalqabbii waraanaa miti. Oppireeshinii haaloo ba'uuti,'' jedhan.
''Bulchiinsa Tiraamp jalatti US lammiilee ishee tiksuuf duubatti hin jettu, tarkaanfiin ishees jabaadha,'' jedhan qondaalli waraanaa Ameerikaa kun.
Haleellaa kana dura loltoonni US ergama 11 raawwachuun miseensota IS 25 qabuu ykn ajjeesuu ibse Ajaji Giddugaleessaa US.
Ergamni kunis qaama Operation Hawkeye Strike jedhamuu yoo ta'u, Mudde 20 hanga 29 gidduutti raawwate.
Oppireeshinii jalqaba Muddee 19 gaggeeffameen humnoonni US fi Jordaan ''haleellaa cimaa fi hedduu'' garee IS irratti raawwatan.
Oppireeshinii kanarratti jeettiiwwan waraanaa, helikooptaroota haleellaa raawwatan fi meeshaalee waraanaa dhukaafaman hedduu fayyadaman.
Ajaji Giddugaleessaa US akka jedhutti oppireeshinii kanaan giddugala Sooriyaatti iddoowwan gareen IS qubatan 70 ta'an haleelamaniiru.
Meeshaalee waraanaa dhukaafaman 100 ta'aniin kuusaawwan meeshaalee waraanaa fi bu'uuraalee misoomaa IS barbadeessuus ibse ajaji US kun.
Sooriyaan erga waraana waliinii waggaa 13 booda bulchaan ishee waggaa Bashaar al- Asaad Muddee 2024 aangoorraa ari'amuun biyyaa baafamee as goolama keessa jirti.
Erga hidhattoonni pirezidant Asaadiin aangoorraa ari'anii Ahmad al-Shaaraa, maqaa Abu Mohammad al- Jolani jedhamuunis kan beekamu, biyyattii bulchaa jira.
IS Sooriyaa keessatti laafeera, garuu ammallee kutaalee tokko tokko keessa ni socho'a. Bara 2025 kutaalee baha biyyattiitti humnoota Kurdiin durfaman irratti haleellaa raawwachaa ture.












