Walitti dhufeenyi Israa'eliifi Sooriyaa walakkaa jaarraa oliif maalif wal-xaxaa ta'e?

Ahmad al-Shaaraa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa

Sooriyaatti mootummaan haaran hidhattootan hogganamu mootummaa Bashiir al-Asaad humnaan aangorraa buusee aangoo qabatus keessoon biyyattii tasgabbii guutuu hin arganne.

Keessodhaa walitti bu'iinsi gosoota hidhatan gidduutti, hidhattoota gosaafi humnoota mootummaa gidduutti godhamu guutun hin dhaabbanne. Ollaadhaa ammoo Israa'el wajjin nagaan waaraan hin buune.

Israa'elifi Sooriyaa gidduutti mariin akka eegales miidiyaaleen garaa garaa gabaasaa jiru.

Sooriyaan bara bulchiinsa Bashiir al-Asaad Iraanifi Hezbollaa wajjin michummaa gaarii qabaachuun Israa'eliif gaarii hin turre. Hezbollaan deeggarsa meeshaalee waraanaafi waan isa barbaachisu karaa Sooriyaa Iraanirraa argata ture.

Bashiir Al-Adaad kufuun Israa'eliif hamma tokko haara galfii kan kenneef fakkaata- mootummaa Sooriyaa haaraa hundaa'e Iraanifis ta'ee Hezbollaaf kan mijatuu miti. Kuni ammoo Israa'el waliin marii gaggeessuuf balbala kan banuuf carraa gaarii ta'a.

Iraan bulchiinsa Asaad fayyadamuun Baha Giddu Galeessaa keessatti dhiibbaa geessisaa turte. Mootummaan Sooriyaa haaraan garuu mootummaa Iraanifis ta'ee hidhattoota Baha Giddu Galaa keessatti Iraan deeggartuuf kan mijatuu miti.

Mootummaan pirezidaant Ahmad al-Shaaraa garuu naannichattis ta'ee wal-tajjii idiladdunyaatti adeemsa bulchiinsi duraanii hordofaa ture sirreessaa akka jiru himuun fudhatama argachuuf tattaaffii gochaa jira.

Kanaaf ammoo US qoqqoobbii Sooriyaa irra keesse kaa'uunshee agarsiistuu cimaadha; biyyoonni Lixaa kaanis walitti dhufeenya Sooriyaa waliin qaban haaressuuf sochiitti jiru.

Kuni ammoo Sooriyaan atakaaroofi wal-gaarreffannaa Israa'elifi Sooriyaa gidduutti baroota lakkoofsise furuuf karaa saaqa jedhamee amanama.

Inumaayyuu giddu seentummaa Ameerikaatin, Israa'elifi Sooriyaa gidduutti waliigalteen nageenyaa ni mallattaa'a jedhamee abdatamaa akka jirus gabaafamaa jira.

Miidiyaalen tokko tokko akka gabaasanitti, pirezidaantii haaraan Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Fulbaana dhufu gaggeeffamurratti argamuuf yeroo gara US deemu, Israa'el waliin waliigaltee mallatteessuu danda'u.

Ministiirri Dhimma Alaa Sooriyaa Asaad Sheyibaaniifi bakka bu'oonni Israa'el biyyoota lamaan gidduutti muddamni akka hin hammaannefi Israa'el Kibba Sooriyaatti sochii waraanaa taasiftu akka dhaabduuf mariin godhamuuf akka jiru Maddi Oduu Sooriyaa gabaase.

Ministiirri Dhimma Alaa Sooriyaa garuu gabaasa kana dhara ta'uu ibsan.

Mootummaan Bashiir al-Asaad kufuun mootummaan haaraan Sooriyaatti hundaa'uu hordofee US qoqqobbii irraa kaasuun fuula gaarii itti agarsiisaa jirti.

Israa'eliifi Sooriyaa gidduus waliigalteen akka jiraatu gochuuf dhiibbaa gochaa akka jirtu gabaafamaa jira.

Ergamaa Addaa US kan ta'an Toom Baaraak biyyoota ollaa lamaan: Israa'eliifi Sooriyaa gidduu waliigalteen akka jiraatu, keessoo Sooriyaattis tasgabbiin akka jiraatu gochuuf kallattiin hirmaataa jiru jedhame.

Biyyi waggoota kudhanii oliif waraana waliinii keessa turtee deebitee akka tasgabboofuuf biyyoonni Galoo Galaanaafi Turkiin US waliin ta'uun tattaaffii gochaa jiru.

Dhiibbaan Iraan naannichatti qabdu, kufaatii Bashiir al-Asaad wajjin kufuunsaa gammachuu Israa'el qofa osoo hin taane kan biyyoota naannicha jiran hedduuti.

"Israa'el wajjin nagaa buusuf qormaanni mootummaa haaraa Sooriyaa mudatu maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexaan Turkey Today jedhamu akka gabaasetti Ameerikaafi Israa'el dhimma magaalaa kibba Sooriyaatti argamtuu kan dhiyeenya walitti bu'iinsi gosaa lubbuu heddu itti galaafatee iratti yaada haaraa dhiyeessun mootummaa Ahmad al-Shaaratiif qormaata ta'uu danda'a.

Yaadi Israa'elifi US dhiyeessan Israa'eliifi Suweeyidaa gidduu koridarri namoomaa akka jiraatu kan jedhuudha.

Akka gabaaa gaazexaa kanaatti, yaadi dhiyaate kun Sooriyaafi Israa'el gidduutti mariin akka eegaluuf jalqabbii gaarii ta'a jettee yaaddi US.

Israa'el ji'oota muraasan dura waajjira Ministiira Ittisaa Sooriyaa magaalaa Damaasqotti argamu haleeluu dura lamaansaanii gidduu wal-hubannaan gaariin akka turetu himama.

Michuu mootummaa Ahmad al-Shaaraa kan taate Turkiinis gochaa Israa'elirraa gammachuu qabaachuu baattus, Sooriyaafi Israa'el gidduu tasgabbiifi waliigalteen akka jiraatu ni barbaaddi.

Haa ta'u garuu yaada Israa'el dhiyeessiturratti keessoo Sooriyaatii tokkummaan dhaabuun qormaata mootummaa haaraa Sooriyaatti hundaa'ee ta'uu danda'a.

Gama biroon ammoo gareewwan Israa'el wajjin waliigalteen akka hin jiraanne barbaadan rakkoo dhabiinsa nageenyaa keessoo Sooriyaa jirutti fayyadamuu danda'u kan jedhus yaadoo bulchiinsa Ahmad al-Shaarati.