Hawaasni Diruuz sabaan ala gaa'ila dhaabbachuu dhorkuufi tibbana Sooriyaa keessatti haleellaan irratti baname eenyu?

Poolisiin Daangaa Israa’el yeroo Diruuz Israa’el daangaa qaxxaamuree miseensota maatii isaanii Sooriyaa keessa jiran sakatta’uuf dhaabbatan.

Madda suuraa, Reuters

Walitti bu'iinsa tibbana humnoota mootummaa Sooriyaa fi loltoota Diruuz gidduutti magaalaa Diruuz Suweedaa keessatti kan deebii'e eegale guyyaa Roobii erga dhukkaasa dhaabuun labsamee sa'aatiiwwan booda ture.

Waraanni Israa'el ammas waraana Sooriyaa irratti haleellaa raawwachuun hawaasa Diruuz kanneen bulchiinsa Suweedaa bakka walitti bu'iinsi dhiheenya keessatti itti uumamu keessa jiraatan bakka bu'uun gidduu seenuuf dhaadateera.

Gareen mirga namoomaa UK keessa buufate, 'Observatory for Human Rights' Sooriyaa (SOHR) akka jedhetti, erga Dilbataatii kaasee lola "gareewwan Diruuz fi hidhattoota Bedo'uun" gidduutti geggeeffameen namoonni 248 ajjeefamaniiru.

Dhaabbatichi akka jedhutti, namoota du'an keessaa namoota nagaa 21 tarkaanfii humnoonni mootummaa seeratti osoo hin dhiyeessine fudhataniin ajjeeffaman.

Mootummaan haaraan Sooriyaa Bitooteessa 29 bara 2025 hundeeffames gareewwan milishootaa hidhannoo hiikkachuu fi hawaasa Sooriyaa sabaa fi amantii hedduu qabuu irraa amantaa argachuuf yaalaa jira.

Diruuz dabalatee, hawaasni bicuu hedduun, mootummaa yeroo Pirezidanti Ahmad al-Shaaraa mirgasaanii eegsiisuuf waadaa galurreen shakkii qabu. Hanga ammaatti bulchiinsi kibbaa Suweedaa bal'inaan milishoota loltoota Diruuz kanneen waamicha humna nageenyaatti makamuuf godhame morman jala turte.

Ummanni Diruuz Libaanos, Israa'el, Golaan dhuunfatamtee fi Sooriyaa gidduutti qoodamaniiru.

Guyyoota dhiheenya keessa Israa'el humnoota mootummaa Sooriyaa naannoo Suweedaatti boombii darbachuu ibsiteetti. Isaanis walitti bu'iinsa gareewwanii dhaabuuf gara bulchiinsa kanaatti ergamne jedhan.

Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuun mootummaan ''Diruuz irratti [isaan] fayyadamuuf waan yaadeef'' humnootaa fi meeshaalee waraanaa naannoo sana jiran irratti haleellaa akka raawwatamu ajaje jedhan. Sooriyaan ammoo hirmaannaa Israa'el kana balaaleffatteetti.

Diruuz eenyuudha?

fi amantaa addaa mataasaanii kan qabaniifi amantiin isaanii damee Islaamummaa Shi'aa irraa kandhufe ta'uu ibsu.

Diruuz jedhamuun beekamus isaan garuu 'al-Muwahhidun', Ummata Tokkummaa jedhanii of waamu. Amantiin isaanii tokkummaa Waaqayyoo irratti kan hundaa'edha – inni kan hin beekamne, kan hin ibsamnee fi guutuu kan ta'edha jedhu.

Hawaasni kunis hawaasa Baha Giddu Galeessaa durii keessaa tokko akka ta'etti kan ilaalamu ummanni Diruuz, jaarraa hedduuf eenyummaasaanii eeguu danda'aniiru.

Eenyullee isaan jijjiiruu hin danda'u, kanneen amantaasaanii dhiisanii deeman immoo gonkumaa deebi'uu hin danda'an. Hawaasa isaanitiin ala gaa'ila dhaabbachuun dhorkaadha.

Ummanni Diruuz hawaasa sabaa fi amantii afaan Arabaa dubbatan yoo ta'an, aadaa

Kitaaboota qulqulluu qabu, haata'u malee sababii sirna namoonni Diruuz muraasni qofti amantaa keessatti akka hirmaatan hayyamamuuf argachuun daangeffamaadha.

Gadi fageenya amantaa ykn adeemsa amantii isaanii warra kaaniif hin qoodan. Sababa kanaatiif, yeroo baay'ee akka hawaasa dhoksaa ta'etti ilaalamu. Aadaa, afaaniifi gosaan akka Arabaatti ilaalamu. Haata'u malee, irra caalaan dursa akka Diruuztti, itti aansee akka Arabaatti of ibsu.

Suuraa gubbaa magaalaa Suweedaa Sooriyaa kan gamoo lafa olka'aa irratti argamuu fi gamoo hedduu fageenya irraa agarsiisu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suweedaa, bakka cimaa hawaasa xiqqaa Diruuz Sooriyaa keessatti

Eess jiraatuu?

Addunyaa kanarra ummanni Diruuz naannoo miliyoona 1.5 ta'an kan jiran yoo ta'u, irra caalaasaanii Sooriyaa dabalatee biyyoota afur keessatti faca'anii jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Addunyaa kanarra ummanni Diruuz naannoo miliyoona 1.5 ta'an kan jiran yoo ta'u, irra caalaasaanii Sooriyaa dabalatee biyyoota afur keessatti faca'anii jiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Addunyaa guutuutti ummanni Diruuz gara miliyoona 1.5 ta'an kan jiran yoo ta'u hawaasni kun irra caalaa biyyoota afur: Sooriyaa, Libaanos, Israa'elii fi Joordaan keessatti argamu.

Ummata Diruuz keessaa kan gara walakkaa ta'u; gari 700,000, Sooriyaa keessa jiraatu. Bakki isaan baay'inaan keessa jiraatan ammoo bulchiinsa Suweedaa kan jedhamtu, bulchiinsa kibba Damaasqootti kan argamtu keessaadha.

Naannoon kun, yeroo ta'e akka "Jaabaal al-Diruuz," Gaara Diruuz jedhamuun kan beekamu har'as akka lafa jidduugala eenyummaa saba kanaatti fudhatama.

Bara 1923 keessa sararri daangaa Biriteen fi Faransaayiin kaaʼaniin gaarri kun bakka lamatti qoodame. Warri Diruuz kibba Suweedaa jiraatan gama Joordaaniitti citan. Ammattis ummanni Diruuz gara 30,000 ta'an baadiyyaa naannoo magaalaa guddoo Ammaan keessa jiraatu.

Sooriyaatti aansee ammoo Libaanos ummata Diruuz baayyee qabaachuun sadarkaa lammaffaa irratti kan argamtu yoo ta'u, tilmaamaan ummata Diruuz300,000 qaba.

Irra caalaan isaaniis gaarreen 'Chouf', bulchiinsa Metn fi gammoojjii Teeym keessa jiraatu. Libaanos keessatti Diruuz akka garee amantiitti ifatti beekamtii kan argatan yoo ta'u, paarlaamaa keessattis teessoo murtaa'e qabu.

Ummanni Diruuziif barri 1967 yeroo jijjiirama biraa ture. Bara sanatti ture Israa'el kan Gaarree Goolaan kan Sooriyaa ture kan qabatte.

Hawaasni Diruuz naannichaa halkan tokkotti addaan ba'e, kaansaanii gama Sooriyaatiin yoo hafan, kaan ammoo to'annoo Israa'el jala galan. Har'as, irra caalaan ummata kanaa gandoota Israa'eliin to'atame keessa jiraatan, ammallee miira eenyummaa cimaa Sooriyaa wajjin qabaniitu itti dhaga'ama.

Guutummaa Israa'el keessatti, Gaarreen Goolaan (Golan Heights) dabalatee, gara ummanta Diruuz 150,000 ta'utu jiru. Israa'el keessatti Diruuz kunneen garee Arabaa tajaajila waraanaatiif dirqamaa jala jiraniidha.

Diruuz Sooriyaa keessaa

Dubartii Diruuz Sooriyaa obboleettii ishee gama Israa'el jiruu waliin yeroo daangaan baname wal agarte

Madda suuraa, Reuters

Bulchiinsa pirezidantii duraanii Baashaar al-Asaad jalatti, ummanni Diruuz hedduun callisanii mootummaaf amanamummaa kan qaban yoo ta'u, mootummaa waliin hiriiruun wal waraansa Sooriyaa waggaa 13'f kutaalee biyyattii kaan keessatti badii olaanaa qaqabsiisee irraa isaan eega jedhanii abdatu ture.

Hawaasni harki caalaan tarree mormitoota sirnichaatti hin makamne, waldhabdee keessoo irraa of fageessuuf yaalii gochaa ture.

Haata'u malee, bara 2015tti kutaaleen Islaamummaa 'Jabhat al-Nusraan' durfaman naannoolee Daraa fi Golaanitti bu'aa argachuun buufata xiyyaaraa waraanaa mootummaa Thaala bulchiinsa Suweedaa keessatti argamu sodaachisaa kan turan yoo ta'u, Diruuz hedduun humnoota sirnichaa cinatti lola kana irratti hirmaatan.

Isaan milishaa mataasaanii kan naannoo isaanii haleellaa gareewwan finxaaleyyii Muslimoota Sunnii kanneen Diruuz akka gantootatti ilaalan irraa ittisu sochoosan. Humnoota deggersa Asaad ta'aniin ammoo kophaatti hafaniiru.

Haata'u malee, Asaad finciltoota Islaamummaa Sunniin durfamaniin kaafamee mootummaa yeroo ijaarameen booda, waliigalteen ifatti hin dubbatamne sun diigamee, Diruuz amma waraana Sooriyaan booda adda baafamuu fi irratti xiyyeeffatamuu akak danda'u yaaddoo keessa jiru.

Haleellaan dhiheenya kana milishoota Islaamaa kanneen haala laafaa ta'en mootummaa Damaasqoo waliin hidhata qabaniin hawaasa Diruuz irratti raawwatame, amantaa dhabiinsii mootummaa kanarratti qaban guddachaa dhufeera.

Abbaan taayitaa haaraan kun irra caalaa miseensota Haay'aat Taahriir al-Shaam (HTS) kan yeroo tokko Suweedaa irratti duule, yeroo sanatti hoggansa Ahmad al-Shaaraa jalatti 'Jabhat al-Nusra' jedhamuun beekamu, yeroo sana Abu Muhaammad al-Julaanii jedhamuun beekamu irraa ijaarame.

Baroota waldhabdeen ture keessatti, Diruuz gareewwan hidhate naannoo isaanii ijaaruun magaalotaa fi naannoo isaanii eeguu turan. Qabsaa'onni hidhannoo qaban kun Suweedaa to'achaa jiru.

Walitti bu'iinsa dhiheenyaafi haleellaa Israa'el

Aarri gurraacha fagootti Adooleessa 15, 2025 naannoo Suweedaa, Sooriyaatti ni dhangala'a

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waldhabdee garee Diruuz fi Bedo'un gidduutti tibbana uumameen namoonni 250 ol ajjeefamaniiru

Waldhabdeen dhuma baatii Eblaa keessa waraabbii sagalee miliqee bahee fi hogganaan amantii Diruuz Naabi Muhaammad arrabsuu agarsiisa jedhameen dubbiin eegale.

Hogganaan kun sagalee jedhame kan isaa ta'uu haalulleen, boodarra ministeerri biyya keessaa Sooriyaa waraabbii sun kan soba ta'uu isaa mirkaneessuus, miidhaa qaqqabsiisuu fi hawaasa guutuu biyyattii keessatti jeequmsa garee kaaseera.

Erga yeroo sanaatii kaasee, mootummaan Sooriyaa humnoonni nageenyaasaa nageenyaafi tasgabbii deebisuudhaaf oppareeshiinii adda addaa raawwachuu ibseera.

Gama biraatiin ammoo, waraanni Israa'el taankii mootummaa hedduu gara magaalaa Suweedaatti akka hin tarkaanfanneef haleellaa akka ture ibseera. Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatz haleellaan sun ''akeekkachiisa ifa bulchiinsa Sooriyaa'' ta'uu dubbataniiru.