Nama Ayaatolaa Kameenii bakka bu'u filachuuf qophii akkamiitu godhamaa jira?

Madda suuraa, EPA
Ayaatolaa Kameenii waggoota 30 oliif gaggeessaa olaanaa Iraan ta'uun tajaajilaa erga turanii booda, amma nama bakka isaan bu'u barbaadaa jiru, gabaasonni akka mul'isanitti.
Waggaa lama dura Ayaatolaan dureewwan amantii sadi filuun nama bakka isaan bu'u filatanii turan.
Keessumaa erga dhiyeenya Israa'el Ayaatolaa ajjeesuf jettee Tiraamp diduun dhagahamee as koreen abootii amantaa miseensa sadi of keessaa qabu kun nama Ayaatolaa bakka bu'u qopheessuf karoora qabate cimsee itti fufuu Rooyitars namoota shan dhimmicha keessa beekan dubbise jechuun gabaase.
Nama ganna 86 kan ta'an Ayaatolaa Kameenii nama bakka isaan bu'u qopheessuu irratti yeroo yeroon gabaasni koricha irraa akka isaan qaqqabu himu maddeen Rooyitars kun.
Ayaatolaa Kameenii garee Eedota Warraaqsaa leenjii cimaa qabaachun beekaman Vali-ye-Amir jedhamuun marfamanii dhoksaatti eegamaa jiraachuu hima qondaalli tikaa Iraan maddi oduu kun dubbise. Kunis Israa'el Ayaatolaarratti ajjeechaa raawwachuuf oduun jedhamu dhagahamuu hordofeeti.
Kanarraa ka'uun Ayaatolaa Kameenii kallattiin uummatatti erga mul'atanii bubbulaniiru.
Akka tasaa ta'ee Ayaatolaan kan ajjeefamu yoo ta'e, biyyattiitti tasgabbiin akka hin dhabamneefi sirni bulchiinsa Iraan akka itti fufuuf namni qophaa'e battalatti akka beekamsifamuudha maddeen kan himan.
Maddeen Ayaatolaatti dhiyeenya qabaniifi marii nama Ayatolaa bakka bu'u godhamu itti dhiyeenyan beekan akka jedhanitti, namni gaggeessaa Iraan bakka bu'u hanga yoonaa ebelu jedhamee adda hin baane.
Namni bakka bu'u erga adda bahee booda, siyaasafi akkaataa bulchiinsa Warraaqsa Rippaabilika Islaamaa Iraan sirriitti akka hubatu taasifama.
Gama biraan ammoo qondaalonni olaanon Iraan kaadhimamaa ilaalcha tarkaanfataa qabuufi haleellaa alaa biyyattiitti dhufuufi mormii keessodhaa ka'u dhaabuu danda'u eenyu ta'uu qaba kan jedhu yaadaa jiru.
Hanga ammaa namoonni lama kaadhimamoota ta'anii dhiyaataniiru: inni jalqabaa ilma Ayaatolaa Kameenii kan ta'e nama ganna 56 Mojtaabaa nama jedhamuudha; morkataan lammataa ammoo akaakayuu Ruhoollaa Kameenii kan ta'e Hasan Kameenidha.
Ruhollaa Kameenii abbaa Warraaqsa Islaamaa Iraan jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, sirni gonfoo Iraan bara 1979tti yeroo kufu aangoo kan qabate Ruhollaa Kameenii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Du'uu Ruhoollaa booda Ayaatolaa Kameenii bara 1989tti aangoo qabachuun Gaggeessaa Olaanaa ta'ee bulchuu itti fufan.
Hasan Kameenii garee warra Iraan keessatti ijjannoo tarkaanfataa qabanii deeggara jedhama. Garuummoo caasan bulchiinsa Iraan akka kabajamu ni deeggara.
Yeroo US buufata nikularaa Iraan haleeltu ifatti bahee dubbachuun Ayaatolaa Kameenif akka bitamuufi haleellaa kana qolachuuf waan Ayaatolaan ajajan fudhachuuf qophii ta'uu ibsee ture.
"Ani namni xiqqaafi tajaajilaa uummata Iraan ta'e kuni gadi of deebisee bakka isin itti na ergatinatti argamee ergama koo bahuuf qophiidha," jechuun dubbatee ture.
Namoonni shanan Rooyitars Iraan irraa dubbise akka jedhanitti, keessumaa erga Iraan USfi Iraan wajjin lolatti galtee as caalmatti mul'achuu akka eegaleefi ilma Ayaatolaa Kameenii kan ta'e Mojtaabaa caalaa nama filatamaa ta'ee dhiyaachuuf karoora qaba.
Gama biraan ammoo ilmi Ayaatolaa Kameenii, abbaasaatti dhiyoo ta'uurraa kan amala leellisummaa abbaasaa akka hordofutu himama. Maddeen kun akka jedhanitti, kaadhimatoota kanneen lamaan keessaa eenyu bakka Ayaatolaa bakka akka bu'u ykn kaadhimtoonni kan biraa sichi dhiyaatuu waanti adda bahe in jiru.
Walitti bu'iinsa Iraanifi Israa'el irraa kan ka'e Ayaatolaa Kameenii salphaatti nama biraan bakka buusun rakkisaa ta'uu danda'a.
"Kameenii ajjeesun salphaadha"- Tiraamp
Ayaatolaa Kameenii umuriin dulloomuufi rakkoo fayyaa yeroo dheeraa qabaachurraa kan ka'e nama isaan bakka bu'u irratti hojjatamuun erga eegalee bubbuluu ibsa gabaasni Rooyitars kun.
Keessumaa bara darbe ji'a Fulbaanaa keessa gaggeessaa Hezbollaafi michuu cimaa Ayaatolaa kan ta'e Hasan Nasrallaa haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu booda , Ayaatolaanis ajjeefamuu mala sodaa jedhuun namni bakka bu'u akka qophaa'uuf hojiin saffisuu eegale.
Israa'eliifi US buufataalee nikularaa Iraan haleelun ammoo caalmatti hojiin Ayatolaa nama bakka bu'u barbaaduu akka saffisu godhamuu himu maddeen keessa beekan.
"Gaggeessaa Olaanaa Iraan namni jedhamu eessa akka dhokate sirriitti beekna," jechuun pirezidaantiin US Doonaald Tiraam fuula X gubbaatti barreessee ture.
Dabaluunis, "[Isa] Ayaatolaa ajjeesuun salphaadha," kan jedhus barreessee ture Tiraamp.

Madda suuraa, Getty Images
Ayaatolaan eenyu yoo isaan bakka bu'e gaarii akka ta'e ifatti hin beeksifne. Maddeen akka jedhanitti yaada ilmisaanii akka bakkasaanii bu'u dhiyaatef irra deddeebin fudhachuu didaniiru. Sababni ammoo aangoon akka sirna gonfoo abbaarraa ilmatti darbuu akka hin qabnee, sirni gonfoo bara 1979 warraaqsa uummataan kufe deebi'ee akka hin uumamne sodaa qabanirraa kan ka'eedha.
Warraaqsa uummataa sirna gonfoo Iraan kuffise booda biiron Gaggeessaa Olaanaa jedhu hundaa'un abbaan amantii gaggeessaa biyyattii ta'ee filamu biyyattiirratti aangoo isa dhumaa akka qabaatufi pirezidaantii biyyattii akka karaa agarsiisu ta'e.
Xinxaaltonni akka jedhanitti, Rippaabilikni Islaamaa kana booda jirtu akka isa kana duraa akka hin taane kaasu.
"Rippaabilikni islaamaa itti yoo kan dandamatu ta'e, kana duraa irraa kan addaa ta'a. Sababni isaa haalli bulchiinsicha keessa ture amma guutummaan jijjiirameera waan ta'eef," jedha xinxaalan siyaasa Iraan Landan jiru Hoseen Raasam.
Iraan gara kallaattii haaratti geessudhaaf namni Ayaatolaa bakka bu'uuf ulaagaa guutu, akaakayyuu Ruhoollaa Kameenii kan ta'e, Hasan Kameenii akka ta'e amana Hoseen Raasam.
Hasan Kameenii qaamolee siyaasaa Iraan ilaalcha tarkaanfataafi biyyattii addunyaa waliin walitti fiduu barbaadan waliin hidhata cimaa qaba. Kuni ammoo qondaalota Iraan ilaalcha leellisummaa qabaniin Yaa'ii Expartootaa abbootii amantiirraa walitti baba'an bara 2016 gaggeeffame keessatti akka hin hirmaanne godhameera.
Koreen nama Ayaatolaa bakka bu'u qindeessan Hasan Kameenii warra ilaalcha leellisummaa qaban caalaa uummata Iraanitti akka dhiyaatu ni beeku.
Bara darbe sababa Hassan Kameenii sababa hiyyummaan "hawaasa keessatti mufiin jira" jechuun dubbatee ture.
Gama biraan ammoo morkataa biraati kan jedhamu ilma Ayaatolaa Kameenii kan ta'e Mojtaabaa Kameenii akkuma abbaasaa mormiiwwan biyya keessaa ukkaamsufi biyyoota faallaa Iraan ta'an irratti ijjannoo rincicaa qabaachun beekama.
Mojaataaban beekaa amantii sadarkaa giddu galeessa irra jiru yoo ta'u, magaalaa Qoom keessatti giddu galeessa jireenya Islaamaa lammiilee iraan keessaa tiyoolojii kan barsiisu yoo ta'u, siyaasa Iraan keessatti aangoo qabatee hin beeku. Garuummoo abbaasaa dudduuba taa'un dhiibbaa geessisuu shaakalaa jira.
Ameerikaan bara 2019 osoo ifatti hin muudamin Ayaatolaa bakka bu'eMojtaabaa irra qoqqobbii keessee turte.
Kaadhimamtoonni biroo du'aniifi moggaatti dhiibaman
Gaggeessaa Olaanaa Iraan Ayaatolaa Kameenii ni dhaalu jedhamanii kan yaadamaa turan kaadhimamtoonni biroo heddu du'aniiru.
Pirezidaantonni duraanii Iraan Hasheemii Rafsaanjaanii bara 2017 du'e, Pirezidaant Ibraahim Ra'iisii bara 2024 balaa helikoptaraan du'e, abbaan alangaa duraanii Mahaammud Hasheemii Shahruudii bara 2018 du'e.
Abbaan amantaa olaana biroo Saadeg Amoolii Larijaanii moggaatti dhiibame.
Namoonni biroo kanneen akka miseensa Yaa'ii Expartootaa kan ta'e Ayatolaa Alireezaa ammayyuu hin murteeffanne. Maddeen Iraan Rooyitarsitti himan akka jedhanitti, Ayaatolaa Alireezaa kaadhimatoota lamaan: Mojtaabaa Kameeniifi Hasan fa'aa waliin kaadhimamummaaf hin dhiyaanne.
Gama biraan ammoo namoota kana dura nama biratti heddu beekamtii hin qabnes gara fuulduraatti fiduun akka malu himu namoonni keessa beekan.
Kanas ta'e sana, kaadhimamtoota dhiyaatan kan mirkaneessufi ni ta'aafi hin ta'uu murtee dhumaa kennu Gaggeessaa Olaanaa Ayaatolaa Kameenidha.
Hundeessaa Rippaabilika Islaamaa kan ta'e Ruhoollaa Kameenii bara 1989tti erga du'een booda Ayaatolaa Kameenii ifatti nama gaggeessaa duraanii bakka bu'u jedhamuun labsaman.
Ayaatolaa Kameenii sana dura abbaa amantaa sadarkaa giddu galeessaa ta'anis, pirezidaantii ta'uun tajaajilanii ture. Yeroo sana abbootin amantaa olaanon inni Ruhoollaa Kameenii bakka bu'uu hin danda'u jedhanii falmanis garuu Ayaatolaan bakka bu'an.
Ergasiis waggoota hedduuf Iraan keessatti sirni warraaqsa Rippaabilika Iraan akka lafa qabatu gochuu bira darbee diinota alaa itti dhufaniifi keessaa itti ka'an hunda dandamachuun Iraan bulchaa turan.












