Iraan meeshaa nukilaaraa mataashee akka qabaattu maaliif hin hayyamamu?

Madda suuraa, Getty Images
Isheen haaluus amanuus baattu, Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa qabdi jedhamee amanama.
Iraan yeroo hunda sagantaan nukilaraashee guutummaan guutuutti misooma naga qabeessadha malee meeshaa waraanaa nukilaraa hojjechuuf gonkumaa yaada hin qabu jetti.
Haata'u malee, qorannoon wagga kudhan fudhate dhaabbata addunyaa kana qoratu Ejensiin Humna Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA)tiin gaggeeffame Iraan akka meeshaa nukilaraa gabbifachaa jirtu raga argachuu hime.
Iraan bara 1980ootaa hanga 2003tti "sochiiwwan bal'aa meeshaa meeshaa nukilara dhohu waliin walqabatu misoomsaa turteetti" jedhe dhaabbanni kun.
Iraan hanga bara 2009 yeroo biyyoonni Lixaa ijaarsa dhaabbata itti nukilara gabbisan Fodo jedhamu lafa jalatti gaggeeffamu saaxilanitti itti fufutee hojjechaa turte. Haata'u malee, ergasanaa nukilara gabbifataa akka jritu "ragaan qabatamaa agarsiisu hin jiru".
Bara 2015 keessa, sochii nukilaraa gootu dhaabuun qorattoonni IAEA cimsanii akka sakatta'aniif hayyamuuf, kana gochuusheetiif ammoo qoqqobbiin barootaaf irra turee ishee laamshesse akka irraa ka'uuf biyyoota Lixaa ja'a waliin waliigalteerra geessee turte.
Haata'u malee, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp yeroo bulchiinsa isaa marsaa jalqabaa bara 2018, Iraan boombii nukilaraa hojjechuuaarraa dhaabuurratti waan guddaa hin hojjenne jechuun waliigalticha diiguun qoqqobbii US itti deebise.
Iraan ammoo gamasheetiin daagaa gabbisuu duraan keessee turte kaasuun iti cimsuun haaloo bahuutti deebite. Uraaniyeemii %60 gabbisuun wiirtuu gabbisaa Fordo deebistee jalqabde.

Madda suuraa, Reuters / Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaaltonni Ameerikaa fi Iraan sagantaa nuukilaraa walxaxaa Iraan ilaalchisuun waliigaltee haaraa irra ga'uuf kaayyeffatee magaalaa guddoo Omaan, Maskaat keessatti fuulaa fuulatti marii gaggeessan.
Kanaan dura Iraaniifi humnoota addunyaa gidduutti waliigaltee nukilaraa mallattaa'ee ture, garuu bara 2018 keessa Doonaald Tiraamp Ameerikaan waliigaltee kana keessaa akka baatu kan beeksisan yoo ta'u, qoqqobbii dinagdee Iraanirra kaa'uudhaan ifatti Tehraan aarseera.
Pirezidaant Tiraamp erga aangoo marsaa lamaffaa qabatanii booda, Iraan waliin waliigaltee nukilaraa haaraa irratti marii kan jalqaban yoo ta'u, mariin kun milkaa'inaan yoo hin xumuramne tarkaanfiin waraanaabiyyattiirratti ni fudhatama jechuun akeekkachiisan.
Iraan sagantaa nukilaraashee kaayyoo nagaatiif akka ta'e cimsitee dubbachuu itti fufteetti.
Meeshaa nukilaraa hojjechuuf akka hin barbaanne cimsitee kan dubbattu Iraan, biyyoonni hedduun fi dhaabbati nukilaraa idil-addunyaa eegu, Ejensii Humna Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) garuu hin amanan.
Akeeka Iraan qabdurratti shakkiin bara 2002 yeroo biyyattiin dhaabbilee nukilaraa dhoksaa akka qabdu bira gahame ture.
Kana jechuun ammoo Waliigaltee Nukilaraa Babal'isuu Dhabuu (NPT) jedhamu kan Iraan fi biyyoonni biroo hundi jechuun ni danda'ama mallatteessan cabsuu jechuudha.
NPTn biyyoonni teeknooloojii nukilaraa kaayyoo waraanaaf hin taane kan akka qorichaa, qonnaafi anniisaaf akka fayyadaman kan hayyamu yoo ta'u, meeshaa nukilaraa garuu akka hojjetamu hin hayyamu.

Madda suuraa, AP
Sagantaan nukilaraa Iraan hangam deemeera?
Ameerikaan bara 2018 waliigaltee nukilaraa amma jiru kan Karoora Hojii Waliigalaa (JCPOA) jedhamuun beekamu keessaa erga baatee as, Iraan dirqama irraa eegamu diddee itti fufuun qoqqobbiin irraa ka'e akka itti deebiyu gooteetti.
Yuuraaniyeemii JCPOAn dhorkame gabbisuudhaaf seentiriifiyuujiiwwan ammayyaa (maashinii qulqulleessu) kumaatamaan lakkaa'aman dhaabbatteetti.
Meeshaa nukilaraa hojjechuuf Yuuraaniyeemii hanga %90tti gabbifametu barbaachisa. JCPOA jalatti garuu Iraan yuuraaniyeemii hanga %3.67 gabbate kan hanga kiiloo giraama 300 qofa ta'u akka kuufattu hayyamamaaf – kun humna nukilaraa siiviiliifi qorannoof gahaadha, garuu boombii nukilaraatiif hin ta'u.
Haata'u malee, Bitootessa bara 2025 irraa eegalee Iraan Yuuraaniyeemii tilmaamaan kiiloo giraama 275 akka qabduufi gara %60tti akka gabbifatte IAEAn beeksiseera.
Iraan Yuuraaniyeemii yoo caalaa gabbisuu itti fufte, meeshaa waraanaa ja'aa hanga torbaa hojjechuuf ishee gaha jedhamee yaadama.
Qondaaltonni Ameerikaa Iraan torbee tokko qofa keessatti Yuuraaniyeemii kana gara meeshaa boombii tokkoof gahaa ta'etti jijjiiruu dandeessi jedhanii amanu jedhan.
Kanuma waliin Iraan meeshaa nukilaraa hojjechuuf ji'a tokkoo hanga ji'a 18 akka fudhatu cimsanii dubbataniiru.
Ogeeyyiin tokko tokko boombiin "salphaa" ji'a ja'aa fi isaa gadi keessatti hojjetamuu akka danda'u dubbatu.

Madda suuraa, EPA
Tiraamp waliigaltee nukilaraa keessaa maaliif ba'e?
Bara 2010 irraa eegalee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa sagantaa nukilaraashee boombii hojjechuuf itti fayyadamaa jirti jechuun shakkii qabaniin qoqqobbii dinagdee cimaa Iraanirra kaa'aniiru.
Sababa qoqqobbii kanaan boba'aa Iraan gabaa idil-addunyaatti ergitu addaan kuteera, qabeenyi biyyattii biyya alaa jiru Doolaara biiliyoona 100tti tilmaamamu jalaa qabameera. Sababa kanaan diinagdeenshee gaaga'amee, maallaqnishee laafee sadarkaa gadaanaarra gahe, qaala'iinsi jireenyaas ol ka'eera.
Bara 2015 Iraaniifi biyyoonni ja'a - Ameerikaa, Chaayinaa, Faransaay, Raashiyaa, Jarmaniifi Yunaayitid Kingidam - marii waggoota dheeraa booda waliigaltee JCPOA mallatteessaniiru.
Waliigalteen kun sochii Iraan sagantaa nukilaraashee waliin walqabatu daangessuu bira darbee IAEAn dhaabbilee nukilaraa Iraan hunda seenee naannoo shakkisiisaa ta'e akka sakatta'u taasiseera.
Yoo kun ta'e ammoo biyyoonni kunneen qoqqobbii Iraanirra kaa'ame kaasuuf waliigalan ture.
JCPOA waggoota 15f hojiirra ooluu qaba ture, sana booda qoqqobbii ni kaafama.
Tiraamp waliigaltee kana ''waliigaltee badaadha'' jedha, sababnisaas dhaabbataa waan hin taaneef, dhimmoota baayyee gochuu qabu keessaa sagantaa balistik misaa'elii Iraan kan ilallatu ta'uu qaba ture garuu kana hin kaasne.
Traamp imaammata Iraan waliigaltee haaraa caalaa bal'aa ta'e akka fudhattu dirqisiisuuf "dhiibbaa guddaa gochuu" jedhuun qoqqobbii US irra deebi'ee kaa'eera.
Murteen Tiraamp kun michoota Ameerikaa naannicha keessa jiran, keessattuu Israa'elirraa dhiibbaan dhiibbaan irratti taasifameera.
Israa'el Iraan ammallee sagantaa nukilaraa dhoksaa gaggeeffataa akka jirtu kan himtu yoo ta'u, Iraan dandeettii waraanaashee cimsuuf qoqqobbiirraa bilisa yo taate doolaara biliyoonaan lakkaa'amu meeshaa waraanaasheef oolfachuu akka dandeessu akeekkachiifteetti.
US fi Israa'el amma maal barbaadu?
Ibsi Tiraamp marii Iraan waliin taasisan ilaalchisee kenne Israa'el ajaa'ibsiiseera. Yeroo dheeraaf waliigaltee JCPOA "caalaa foyya'aa" akka ta'u dubbatus, Iraan hanga ammaatti waliigaltee kana fooyyessuu diddeetti.
Traamp kanaan dura Iraan waliigaltee haaraa yoo hin mallatteessine ''boombiin akka rukutamtu'' akeekkachiisee ture.
Gorsaan nageenya biyyaalessaasaa Maayik Waaltiz, Tiraamp sagantaa nukilaraa Iraan ''guutumaan guututti akka barbaadaa'u'' kan barbaadu yoo ta'u, kunis ''gabbisa[nukilaraa], meeshaa waraanaa fi tarsiimoo sagantaa misaa'elashee kan dabalatudha'' jedhan.
Iraan qoqqobbii salphisuuf jecha sagantaa nukilaraashee daangessuuf, garuu guutummaatti osoo hin dhaabiin waliigalteen kun akka taasifamu abdii qabdi.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arakchii, "Kaayyoon keenya waliigaltee haqa ta'e haala walqixa ta'een irra ga'uudha" jedhan.
Tiraamp "marii kallattiin ni taasifama'' jedhus, Arakchii mariin Omaan kallattiin akka hin taane kan dubbate yoo ta'u, yeroo isaan deemanitti haasawa gabaabaa isaanii fi Ambaasaaddara Ameerikaa Istiiv Wiitkoof gidduutti taasifame qofa.
Arakchiin Iraan Ameerikaa waliin mari'achuuf qophii ta'uushee himuun, Tiraamp garuu jalqaba ''furmaanni waraanaan'' akka hin jirre irratti walii galuu qaba jedhe.
Ibsa Tiraamp booda, muummichi ministeera Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigalteen fudhatama qabu kan mallattaa'u yeroo Iraan sagantaa nukilaraashee guutummaatti diiguuf waliigalte qofa ta'uu cimsee dubbateera.
Akkasitti ibseera: " supperviizhiniifi to'annoo Ameerikaa jalatti seenee dhaabbilee sana dhoosnee hunda isaanii barbaadeessina."
Yaaddoon Israa'el guddaan, Tiraamp waliigaltee guutummaatti Iraan harka kennachiisu osoo hin taane, akka injifannoo dippilomaasii ta'ee dhiyaachuu danda'urratti waliigaluu danda'a kan jedhudha.
Waliigaltee Meeshaa Nukilaraa Hin Babal'isne (Nuclear Non-Proliferation Treaty) kan hin mallatteessine Israa'el, meeshaa nukilaraa akka qabdu amanama, isheen garuu hin mirkaneessitus, hin haaltus.
Iraan kan mirga Israa'el addunyaa kanarra jiraachuuf qabduuf beekamtii hin kennine, meeshaa nukilaraa qabachuun ykn hidhachuun balaa guddaadha jettee amanti.

US fi Israa'el waliin Iraan irratti duuluu danda'uu?
Ameerikaafi Israa'el lamaan isaaniiyyuu bu'uuraalee nukilaraa Iraan barbadeessuuf dandeettii waraanaa kan qaban yoo ta'u, oppereeshiniin akkanaa garuu rakkisaafi balaa guddaa kan qabuufi wanti hordofsiisuu danda'us bal'aa ta'uu mala.
Dhaabbileen nukilaraa gurguddoon Iraan lafa jala kan awwaalaman yoo ta'an, boombii lafa jalaa humna guddaa qabu qofatu isaan bira gaʼuu dandaʼa. Ameerikaan boombii akkanaa kan qabdu yoo ta'u, Israa'el garuu qabaachuufi dhiisuunshee hin beekamu.
Iraan waan itti dhufu ofirraa ittisuuf kan dirqamtu yoo ta'u, buufataaleen US naannicha keessa jiran haleluu malti, gara Isra'elitti ammoo misaa'ela dhukaasti.
Hojii akkasii kanaaf Ameerikaan buufata waraanaashee Galoo Galaana Pershiyaa keessa jiru, akkasumas dooniiwwan xiyyaara waraanaa baatan fayyadamuu qabdi ta'a.
Haata'u malee, biyyoonni akka Qaataar buufata humna qilleensaa Ameerikaa guddaa kan keessummeessitu, sodaa haaloo ba'uurraa kan ka'e, Ameerikaan Iraaniin akka haleeltu gargaaruurratti waliigaluu dhiisuu dandeessi.
Biyyoonni meeshaa nukilaraa qaban muraasa qofa: UK, US, Raashiyaa, Chaayinaa, Faransaay, Indiyaa, Paakistaan fi Kooriyaa Kaabaa. Israa'el akka qabdu bal'inaan kan amanamu ta'us isheen garuu hin mirkaneessitus, hin haaltus.
Kanaaf, biyyoonni tokko tokko maaliif qabaachuu danda'u, kaan ammoo maaliif qabaachuu hin qaban?
Deebiin isaa waliigaltee bara 1968ti. Waliigaltee Meeshaa Nukilaraa Hin Babal'isne (NPT) jedhamuun beekama.
Biyyoonni sagantaa nukilaraa siiviilii qabaachuu danda'u, garuu biyyoonni meeshaa nukilaraa duraan qaban ammoo akka caalaa hin babal'ifne dubbata. NPT seeraan kan dirqisiisu yoo ta'u, biyyoonni harki caalan waliigaltee kana mallateessaniiru - Iraan dabalatee.
Haa ta'u malee, Israa'el, Indiyaa, Paakistaan fi Sudaan Kibbaa kan hin mallatteessine yoo ta'na, ergasii Kooriyaan Kaabaa keessaa baateetti.
Indiyaafi Paakistaan yeroo waliigaltichi jalqabu akka biyyoota meeshaa nukilaraa qabanitti beekamtii waan hin arganneef amma yoo itti makaman hiikkachuun isaanirraa eegama. Sudaan Kibbaa biyya haaraa sagantaa nukilaraa hin qabnedha.
Israa'el imaammata wal-xaxaa nukilaraa akka tooftaa diina ittiin ofirraa ittisuutti waan gargaaramtuuf dhaabbilee nukilaraashee akka sakatta'amuu waan hin hayyamneef hin mallatteessine.
Iraan, biyyoonni Arabaa fi kanneen biroo yeroo dheeraaf Israa'el meeshaa waraanaa hiikkachuu fi sagantaa nukilaraashee irratti iftoomina akka qabaattu dhiibbaan akka godhamu gaafachaa turan. Kan kan godhaniif ammoo meeshaa waraanaa Israa'el hidhattu akka madda waldhabdeefi balaa naannichaatti ilaalu.
Iraan yeroo hunda meeshaa nukilaraa hidhachuuf fedhuu kan haaltu yoo ta'u, tokkollee akka hin qabnetti dubbatti. Haa ta'u malee, biyyoonni hedduun Iraan yaada nukilara misooma nagaaf jedhu qabdi jetti hin amanne.
Bara 2002 sagantaa nukilaraa dhoksaa qabaachuun ishee kan hubatame yoo ta'u, kun ammoo NPT jalatti waan hin hayyamamneef rakkoo waggoota dheeraaf ture kan kaase yoo ta'u, kunis harka guddaan taateewwan har'aaf kan sababa ta'edha.
Odeessaalee ijoo addunyaa maraa argachuuf gara Marsariitii BBC Afaan Oromoo dhaqaa.
Akkasumas WhatsApp Chanaalii keenya, akkasumas Facebook keenyaa irratti nu hordofaa, odeessaalee guutuu argatu. Odeessaalee viidiyoon argachuuf ammoo YouTube BBC Afaan Oromoo irraa argachu dandeessu.












