Karoora hogganaa olaanaa Iraan ajjeesuu Israa'eliifi US irratti Putiin yaada kennan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin dhimma hogganaan olaanaa Iraan Ayaatoolaa Alii Kameenii ajjeefamuu maluu jedhurratti dubbachuun hin barbaachisu jedhan. Lammiileen biyyattii hooggansa Teehraan duuba hiriiruu qabus jechuun dubbatan.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu galmi haleellaa isaanii sirna Iraan keessa jiru jijiiruu bira akka gahu akeekaniiru.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ammoo yaada Kibxata darbe kennaniin US bakka Kameeniin dahatanii jiran akka beektu, ammoo ammatti akka hin ajjeefne ibsaniiru.
Putiin Israa'el deeggarsa US irraa argattuun Kameenii yoo ajjeefte deebiin keessan maal ta'a jedhamanii yoo gaafataman ''Kuni ta'uu danda'a jedhee irratti dubbachuu hin barbaadu. Hin barbaadu,'' jedhan.
Yaadni Kameenii ajjeesuu ilaallatu kennamuu quba qabaachuu himanii, waayee kanaa cirumaa dubbachuu akka hin barbaanne himan.
Putiin gaaffiifi deebii ejensii oduu biyyattii waliin taasisan keessatti ''Iraan rakkoo keessoo walxaxaa keessa jiraatteeyyuu uummatni hooggansa siyaasaa biyyattii jabeeffatee jira,'' jedhan.
Qaamni waraana kana keessatti hirmaachaa jiru waraana akka dhaabuufi mirga Iraan nikuleera waan nagaa qabuuf itti fayyadamuuf qabdu akka kabajamuu qabu dubbataniiru. Israa'elis nageenyishee mirkanaa'uu qaba jedhaniiru.
Haasaan Putiin kun kan dhgaahame Tiraamp uummatni Iraan magaalaa Tehraan gadhiisee akka bahu gaafachuu hordofee, US Israa'elirra goruun Iraan haleeluurratti ni hirmaatti mooo akkam ta'a yaadni jedhu gaaffii wayita ta'ettidha.
Putiin Tiraampiifi Netaaniyahuu waliin dubbachuufi dhibdee jiru furuu irratti ejjennoo Mooskoo ibsuufii isaanii dubbataniiru.
Yaadni furmataa isaanii Iraan niikulara dhimma naga-qabeessa ta'eef (anniisaaf) akka fayyadamtu hayyamuu jala sarara.
Putiin waayee sagantaa nikuleeraa Iraan wayita dubbatan ''buufatni gabbisa yuraaniyeemii lafa jalaa biiyyattii hin tuqamne'' jedhaniiru.
''Warshaaleen lafa jalaa kunniin, ni jiru, homtuu isaanirra hin geenye.''
Kanneen dhibdee kana keessa jiran dhukaasa dhaabuutu itti jira kan jedhan Putiin, ''akka ilaalcha kootti walumaagalatti furmaatni waliigalteerraan gahu argamuu danda'a'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan Iraan haleellaa irratti raawwatamaa jiru ofirra akka qolattu meeshaa waraana ni ergitiifii jechuun kan gaafataman Putiin, waliigaltee michummaa tarsiimoorratti hundaa'e biyyootni lamana raawwatn meeshaa waraanaa walii kennuu akka hin dabalanne, ammattis Iraan gaaffii hiyeessite akka hin qabne ibsan.
Itti aanaan Ministira Haajaa Alaa Raashiyaa Sarjee Riyaabikoov Roobii kaleessaa yaada USf kennaniin US Iraaniin akka hin rukunne, yoo rukutte ammoo naannoon Baha Giduugaleessaa akka goolamuu malu ibsan.
Dubbii himtuun Ministeera Haajaa Alaa biyyattii Israa'el buufataalee niikuleeraa Iraan haleeluun balaa niikuleeera qaba jechuun akeekkachiisanii turan.
Raashiyaan ogeeyyii gabbisa niikuleera Iraanirratti hirmaatan buufata Basheehr jedhamurraa qabdi. Nageenya lammiileeshee kanaa ilaalchisee Israa'elirraa mirkaneeffannaa nageenya isaanii argachuu ibsiteetti.
Putiin Moskoofi Iraan michummaa gaarii qabaachuu himanii, fedhii Iraan anniisaa nikularaa irratti qabdu akka jabeessan dubbataniiru.
Raashiyaan amma dura yuraaniyeemii gabbifamee anniisaa niikuleraaf oolu Iraan irraa akka fudhattu godhamee beeka.
Putiin ''fedhiini Iraan anniisaa niikuleeraarratti qabdu akka milkaahu gochuun ni danda'ama. Haaluma walfakkaatunis, yaadoo nageenyaa Israa'el kaarraa qabdu hambisuunis ni danda'ama'' jedhan.
Kuni akkamiin akka raawwatu yaada qabnu michoota keenya USA, Iraa'eliifi Iraaniif dhiyeessineerra'' jedhan.
Odeessaalee ijoo addunyaa maraa argachuuf gara Marsariitii BBC Afaan Oromoo dhaqaa.
Akkasumas WhatsApp Chanaalii keenya, akkasumas Facebook keenyaa irratti nu hordofaa, odeessaalee guutuu argatu. Odeessaalee viidiyoon argachuuf ammoo YouTube BBC Afaan Oromoo irraa argachu dandeessu.












