Tiraamp karoora Iraan haleeluu mirkaneessanis garuu yoom akka tarkaanfii eegalan hin ibsine

Tiraamp karoora Iraan haleeluu mirkaneessan, ammas Iraan akka harka kennitu gaafatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp karoora Iraan haleeluu mirkaneessan, ammas Iraan akka harka kennitu gaafatan

Miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS akka gabaasetti pirezidanti Doonaald Tiraamp karoora Iraan haleeluu mirkaneessanis garuu tarkaanfii isa dhumaarra hin geenye.

CBS madda basaasaa US wabeeffachuun akka gabaasetti yoo Iraan sagantaa nukilaraa ishee dhiisuu irratti waliigalate Tiraamp murtee kana geeddaruu danda'u.

Tiraamp wiirtuu nukilaraa Iraan lafa jalatti ijaarte-Fordo haleeluurratti fuulleffatanii akka jirantu himamaa jira.

Hoogganaa olaanaa Iraan kan ta'an Ayaatollaah Ali Kameenii gaaffii Tiraamp biyyattiin haal-duree tokko malee akka harka kennitu gaafatan Roobii kaleessaa kuffisaniiru.

Pirezidanti Tiraamp Iraan akka harka kennituu fi obsa akka fixatan dubbataniiru.

Pirezidantichi Roobii kaleessaa (Waxabajjii 18, 2025) karoora US Iraan haleeluu irratti amma qabdu wayita gaafataman ''tarii gochuu ykn gochuu dhiisuus nan danda'a,'' deebii jedhu kennan.

Ayaatollaah Kameenii Iraan harka hin kennitu jedhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ayaatollaah Kameenii Iraan harka hin kennitu jedhan

Ayaatollaa Kameenii dhaadannoo fi akeekkachiisa Tiraamp irraa dhagahamaa jiraniif wayita deebii kennan ''hirmaannaan waraanaa US gosa kamuu yoo ta'e gatii guddaa baasisuuf deema,'' jedhan.

''Uummanni Iraan yoomuu harka hin kennu.''

Tiraamp hoogganaa olaanaan Iraan kun haala kanaan dura dhaabbachuutti baayyee mufatan, ''carraa gaarii,'' jedhaniin.

Ammoo karoorri isaanii maal akka ta'e ibsuurraa of qusataniiru. ''Jechuun, waanan gochuuf deemu namni tokkoyyuu hin beeku,'' jedhan.

''Haal-duree tokko malee harka kennuu- kana jechuun ammaan booda araaramni hin jiru jechuudha,'' jedhan Tiraamp.

Wayita Tiraamp yaadota kunneen daddarbatanitti Israa'el fi Iraan haleellaa walirratti cimsaniiru.

Israa'el buufataalee nukilaraa fi misaa'elaa Iraan haleeluurraa duubatti hin jenne. Iraan misaa'eloota haayiparsoonik ta'an gara Israa'elitti dhukaasuu ibsiti.

Erga Jimaata darbe Israa'el haleellaa eegaltee Ayaatollaah Kameenii yeroo jalqabaaf yaada kennuusaaniiti.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu'aan Iraan dubbii Tiraampitti qoosuun yaadasaanii X gubbaatti barreessaniiru.

''Qondaalli Iraan gara Waayit Haawus deemee miillatti kufee kadhatu hin jiru,'' jedhan.

Haleellaan Israa'el hammaachuun wayita lammiileen Iraan magaalaa jiraattota miiliyoona 10 ta'an of keessaa qabdu, Tehiraan keessaa ba'uuf muddamaa jiranitti jechoota walitti dadarbachuun US fi Iraan gidduutti hammaateera.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Roobii kaleessaa qilleensa Tehraan to'achuu dubbatan.

Ministirri Ittisaa US Pete Hegseth Pentaagon ajaja Tiraamp irraa darbu hunda raawwachuuf qophii ta'uu koree Seenetiitti himan.

Wayita qondaalli waraanaa US kun yaada kana kennan loltoonni US Baha Giddugaleessaa bifa haaraan ijaaramaa turan.

Rogeeyyiin mirga namoomaa Waashingitan DC jiran akka jedhanitti Israa'el erga Jimaata darbe Iraan irratti haleellaa qilleensaa eegaltee as namoota 585 ajjeesteetti.

Kanneen keessaa 239 lammiilee nagaadha.

Ergasii Iraan haaloo ba'uuf hanga ammaatti misaa'eloota naannoo 400 ta'aniin Israa'el haleelteetti.

Kanaanis lammiilee nagaan 24 ajjeefamuu ibsan aanga'oonni Israa'el.