Haadholii lama daa'imman jaha, hospitaala tokko guyyaa tokkotti- taatee Arsii Muunessaatti uumame

Madda suuraa, Komunikeeshinii aanaa Muunessaa
Jiraattota aanaa Muunessaa kan ta'an Aadde Masarat Amanoo fi Aadde Sintaayyoo Meettaa seenaa addaa waliin qooddataniiru.
Aadde Sintaayyoo Meettaa guyyaa Roobii ALI Amajjii 6, 2018 ciniinsuun isaan qabe jennaan gara Hospitaala Magaalaa Qarsaa deeman. Haati tun ji'oota sagal darbaniif hospitaala kanatti hordoffii taasisaa turaniiru.
Dahumsi kun harmee kanaaf isa jalqabaa waan tureef Aadde Sintaayyoofi miseensota maatii biroof miira addaa kan qabu ture.
Yeroo walfakkaataatti haati ulfaa isaan biraa Aadde Masarat Amanoo beellama ogeeyyiin fayyaa kennaniif sababeeffachuun dahumsaaf hospitaalichatti argamaniiru.
Ciniinsuun Aadde Sintaayyoo dursee waan dhufeef ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa harmee tana gara kutaa dahumsaatti seensisuun baqaqsanii yaaluun daa'imman lakkuu sadi deessisan.
Daa'imman sadeenuu dubartoota yemmuu ta'an, tokkon tokkon isaaniis kilogiraama 1.4 akka ulfaatan Hospitaala Magaalaa Qarsaatti Ispeeshaalistii Ulfaafi Gadameessaa kan ta'an Dr. Jamaal Maarqos BBC'tti himaniiru.
Itti aansunis ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa Dr. Jamaalin durfaman harmee ishee biroo Aadde Masarat Amanoo deesisuutti ce'an.
Isaanis daa'imman lakkuu sadi, dubartoota lamafi dhiira tokko nagahaan dahan. Daa'imman Aadde Masaratis tokkon tokkonsaanii kilogiraama 1.8 akka ulfaatan ogeessichi himaniiru.
"Daa'imman sadi ciniinsuudhaan dahuun waan hin heeyyamamneef, daa'imman akka tasaa miidhamuu waan danda'aniif opireeshiniin dalagameef" kan jedhan Dr. Jamaal, haawwanis ta'e daa'imman jahanuu haala gaariirratti akka argaman himaniiru.
Haa ta'u malee daa'imman Aadde Sintaayyoo ulfaatinni isaanii xiqqaa waan ta'eef gara Asallaatti riifariin erguusaaniis dubbatan.
"Daa'imman Aadde Sintaayyoo ulfaatinni isaanii xiqqoo waan ta'aniif qofa riifarii goonee Asallaa jiru. Haala gaariirra akka jiranis odeeffannoo qaba" jedhan.
Gama biraatiin muddannoo isaanii ilaalchisee BBC'f yaadasaanii kan kennan Aadde Sintaayyoon, miirri gammachuu guddaan maatiisaanii keessa jiraachuu himan.
Kana malees maatii isaanii keessa daa'imman lakkuu baratamaa ta'uu himuun, "obboleewwan koo shan: dhiirri lamafi shamarran sadi kanaan dura lakkuu lama lama dahanii turan. Animmoo jahaffaan lakkuu sadi dahe" jechuun
Yaaddoo, gorsafi hordoffii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Aadde Sintaayyoo ofumaafin hordofaa ture" kan jedhan Dr. Jamaal, harmeen kun daa'imman sadi garaadhaa akka qaban jalqabumarraa itti himanii akka ture dubbatan.
Kanaafis hanga yeroo dahumsaa isaaniitti harmee tana jajjabeessaafi gorsa kennaafii akka turan himan.
"Daa'imman sadi baachuun cinqii guddaa qaba. Dhukkubbii baay'eetu itti dhagahama, ciisuunis ni rakkisa. Kanaaf sossobaa, dawaa adda addaa kennaafii hanga ammaa turan" jedhan.
Gama biraatiin Aadde Masarat kanaan dura ijoollee afur kan qaban yemmuu ta'u kuni dahumsa shanaffaati.
Haadholiin lachuu nagahaan erga dahanii boodas "gammachuu guddaa qabu" jechuun Dr. Jamaal himaniiru.
Gama biraatiin lakkuun haala adda addaatiin uumamuu akka danda'u kan himan ogeessichi, "yeroo tokko tokko firiin hormaataa dhiiraa yeroo hanqaaquu dubartii lamaan walargan ta'uu danda'a" jedhan.
Inni biraan immoo firiin hormaata dhiiraa tokkofin firii hormaataa dubartii tokkoon erga walarganii booda sanyiin uumamu iddoo garagaraatti yeroo adda bahu akka ta'e himaniiru.















