Itoophiyaan dorgommii Gaanfa Afrikaatti cime akkamiin irra aanti?

Pirezidantii UAE Sheek Mohaammad Bin Zayiid Al Naahiyaan (bitaa), Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (gidduu) fi Ilma Mootii Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan (mirga)
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii UAE Sheek Mohaammad Bin Zayiid Al Naahiyaan (bitaa), Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (gidduu) fi Ilma Mootii Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan (mirga)

Yunaayitid Arab Emireetii (UAE) fi Sa'udi Arabiyaan Yaman fi Sudaan keessaa wal dhabaa jiru.

Dirreen itti aananii wal falman Itoophiyaa ta'uu mala jechuun xinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad yaaddoo himate.

Gaanfa Afrikaatti yeroo ammaa yeroo kamuu caalaa muddamni jabaan cimee jira.

Muddamni kunimmoo erga Israa'el biyya jalqabaa bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaaliyaan qaama kiyya jettutti beekamtii kennite taatee hammaate.

Adeemsi Israa'el kana biyyoonni, dhaabbileen danuu mormaniiru. Kan as bahee deeggare ammatti hin jiru.

Galaana Diimaa qarqara to'achuuf biyyoonni humna walakkaa (middle powers) jedhaman dorgommii cimsaniiru.

Kunneenis, UAE, Sa'udi Arabiyaa, Turkii, Kataar fa'idha.

Biyyi guddoo Gaanfa Afrikaa, Itoophiyaan, fedhii biyyaalessaa ishee milkeessuuf sosso'aa jirti.

Itoophiyaa galaana diimaatti bahu barbaaddummoo biyyoonni morman jiru. Itoophiyaan muddama kana akkamiin keessa baati? Maal gochuu qabdi?

Daandii Itoophiyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaanfi Afrikaa Giddugala Bahaatti aanee iddoo muddamni itti jabaatudha.

Booda kanammoo biyyoonni dinagdeen cimaa dhufan Gaanfa Afrikaatti olaantummaa gonfachuuf dorgommii cimaa keessa jiru.

Xinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahu ni deeggara. Haa ta'u malee, adeemsa mootummaan hin milkaa'u yaada jedhu qaba.

Itoophiyaan waggaa lama dura waliigalteen ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand waliin taasifte Somaaliyaa mufachiisee muddama guddaa uumee ture.

Eegasii waliigalteen suni rarra'ee Waliigalteen Ankaaraa Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu mallattaa'e. Waliigalteen kuni Somaaliyaan Itoophiyaaf ulaa akka kennitu ibsa.

Ta'us, kuni akka hin milkoofne Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Suleeyimaan Daddafoo BBC'tti himaniiru.

Maalirra gahe jechuun gaaffi BBC'n gaafateef ''Homarra hin geenye akkuma argitu kana'' jechuun deebisan.

Ta'us ammallee Itoophiyaan ''karaa nagaan'' galaanatti bahuuf sochii akka cimsitu irra deddeebiin ibsaa jirti.

Kuni osoo kanaan jiruuti muddamni cimaan Sa'udi Arabiyaafi UAE gidduu kan adeemuu eegale.

Gaanfa Afrikaatti dur olaantummaa kan qaban biyyoota jajjaboo kanneen akka US, Chaayinaafi Raashiyaa turan.

Waggoota muraasa darbanimmoo biyyoonni irree jabeeffachuu eegalan dhiibbaa isaanii cimsuuf Galaana Diimaarratti wal morkataa jiru.

''Hirmaannaan isaanii erga biyyoota kana gooluu eegale bubbuleera. Ammammoo hammaachaa deemaa jira,'' jedha Jawaar.

Eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan Hidha Haaromsaa yeroo eebbisiistu dureewwan biyyoota Baha Afrikaa kanneen akka Somaaliyaa, Jibuutii, Keeniyaafi kaan argamaniiru

Itoophiyaan muddama Gaanfa Afrikaatti cime kana akkamiin irra aanti?

Biyyoota waliin hariiroo yoo tolfannu waan sadii irraa fayyadamuufi jedha Jawaar; misooma, nageenyaafi ijaarsa dimookiraasiirratti akka nu tumsan.

Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii hariiroon Itoophiyaafi UAE waliin haalaan cimeera.

Aangawoonni mootummaa hariiroon kuni Itoophiyaa haalaan fayyaduu ibsu. Qoodni invastimantii UAE illee Itoophiyaatti dabalaa jiraachuu gabaafama.

Xinxalaan siyaasaa bulchiinsa Ministira Muummee Abiy qeequun beekamu Jawaar Mohaammad garuu hariiroon Itoophiyaan UAE waliin tolfatte gama sadiinuu faayidaa hin buufne jedha.

Waggoota MM Abiy aangootti dhufan booda hariiroon UAE waliin tolfame ''hariiroo hirkattummaaati'' jechuun ibsa.

Inumaa dhimma nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru warri UAE ''ni hammeessan'' jechuun himata.

Itoophiyaan UAE waliin hariiroo isheen gama dinagdeefi sirna dimookiraasii ijaaruurratti osoo xiyyeeffachuu qabduu, gama nageenyaan cimsite jedha.

Kunis, ''wal waraansa Itoophiyaa keessa kan hammeessaa'' dhufe.

'Carraa Itoophiyaa miliqe'

Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf jalqaba Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin waliigalte.

Ta'us, waliigalteen suni ija hin godhanne. Eegasii Israa'el biyya jalqabaa Somaalilaandiif beekamtii kennite taateetti.

Israa'elitti aansuun biyyi beekamtii keennite hin jirtu. Somaalilaand garuu biyyoonni fedhii qaban akka jiran ibsaa jirti.

Jawaar bara bulchinsa MM duraanii Mallas Zenaawwii, Itoophiyaan imaammata dursinee beekamtii hin kenninu, garuu kaanitti aannee kennina jedhu qabdi jedha.

Itoophiyaan Israa'elitti aantee Somaalilaandiif beekamtii kennuu dandeessii?

Jawaar aangawoonni Itoophiyaa 'dubbii balleessani' yaada jedhu qaba.

''Yookiin jalqaba waliigaltee sana [kan Somaalilaand] keessa seenuu hin qaban turani. Erga seenanimmoo cichanii itti deemuu qaban turani,'' jechuun ibsa.

Amma erga Israa'el kenniteefi kaanis kennu jedhanii eegaa jiranitti akka duraa '' waan Itoophiyaan gaafatte kennuudhaaf hagas mara fedhii waan qaban natti hin fakkaatu,'' jedha.

Ministira Muummee Abiy fi Pirezidantii duraanii Somaalilaand Musee Bihii

Madda suuraa, OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaafi bulchiinsa Somaalilaand, Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu muddama uumeera

Waliigaltee waggaa lama dura taasifame keessaa Itoophiyaan ''baate'' kan jedhu Jawaar, kunis aangawoota Somaalilaand bira ''ni ganamne'' jedhu fide jechuun hima.

Sababa kanaaf ''Itoophiyaa amananii garaa of kennuurratti rakkoo qabu. Lammaffaa warri Somaalilaand nama [biyya] dura beekamtii isaaniii kennu kadhachaa turan…

''Amma kan duraas ta'u hin dandeenye, kan lammataa taate itti deemudhaaf warri Somaalilaand waan silaa waggaa lamaan har'aa kennan san kennuudhaaf wanti isaan dirqu hin jiru.

''Maaliif biyyoonni biraas jiru waan ta'ef [beekamtii kennuuf]. Kanaaf humni Itoophiyaan mari'attee dantaaa ishii naannoo sanatti mirkaneeffachuudhaa qabdu baay'ee laaffate.''

Durumaa adeemsa Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigalte kanneen qeeqan keessaa tokko Jawaaridha.

Waliigalteen suni ''balaaa guddaadha fide,'' kan jedhu Jawaar ''warra Turkiifi Masrii fiddee Somaaliyaa keessa seensise, Jibuutiis keessa seensise.

''Ertiraas fide, gama Sudaanis fide. Marfama keessa akka nu galchu nu godhe.

''Kanaaf, humni Itoophiyaa kan waggaa lamaan har'aatirra gadi laaffatee akka jiru hubatu warri Somaalilaand.

''Ammas beekamtii Itoophiyaa hin [ni] barbaadu garuu beekamtii sana argachuudhaaf wanti isaan kennan kan silaa waggaa lamaan duraa kennani gadii ta'a jechuudha.''

Waliigaltee Itoophiyaan bulchiinsa Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin taasiste, Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaan 'diina kiyya' jettu waliin hariiroo akka cimsattu godheera.

'Sa'udiin Itoophiyaatti mufatteetti'

UAE fi Sa'udi Arabiyaan Liibiyaa, Sudaan, Yaman, Itoophiyaa, Somaaliyaa hanga Sooriyaatti ''wal dorgommii cimaa keessa jiran'' jedha Jawaar.

Yaman fi Sudaan keessa erga wal dhaban booda ''ammammoo Itoophiyaa irrattillee wal dura dhaabbachaa jiru,'' yaada jedhu qaba.

Jawaar mootummaan Itoophiyaa humnoota RSF kan waraana Sudaan lolaa jiraniif Naannoo Benishaangul Gumuuz keessa buufata waraanaa kennan jechuun himata.

Kunimmoo warra ''Sa'udi Arabiyaa hedduu dallansiisee jira'' jedha. BBC'n addatti mirkaneessuu baatus gabaasonni garagaraa waan kana kana dura dubbataa turan.

Xiinxalaan Afrikaa Kaameroon Haadsan dhimma kana BBC'n gaafate ammattii ''ragaan hin jiru'' jechuun BBC'tti hime.

Ajajoonni waraanaa Sudaan garuu Itoophiyaan hidhattoota RSF kan waraana biyyattii loluuf dahoo taate jechuun himataa turan.

Ajajaan waraana Sudaan Al – Burhaan dhihoo Turkii yeroo daawwatanitti biyya ''ollaa'' osoo maqaa hin dhahin akeekkachiisaniiru.

Itoophiyaan dhimma kanarratti homaa hin jenne.

Ajajaa Humna Addaa Sudaan Mohaammad Hamdaan Dagaaloo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaa Humna Addaa Sudaan Mohaammad Hamdaan Dagaaloo UAE irraa deeggarsa argatu jechuun himatamu, isaan ni waakkatu

Jawaar garuu Itoophiyaan RSF'f kaampii kennuun ''waan nama falmisiisu natti hin fakkaatu. Anis dhuunfaadhaan kanin mirkaneeffadhedha.

''Want ammatti ifa hin ta'in mooraan kuni mooraa leenjii qofa ta'amoo daangaa gama Wallaggaafi Benishaangul kanaan gara Sudaanitti lolli banama kan jedhu,'' jechuun dubbata.

Yoo akka Jawar jedhu lolli gama daangaa Itoophiyaan baname rakkoon jabaa mudachuu mala.

''Lolli Sudaan keessa godhamuufi lolli Itoophiyaa keessa godhamu walitti makamuu danda'a,'' jechuun ''gaaga'ama gudda fiduu daanda'a'' jedha.

Yoo gama Utoophiyaa keessaan gara waraana Sudaan lolli ka'e jedhe, waraanni Sudaan, Masrii, Somaaliyaa fi Ertiraan deeggarsa Sa'udiin gama tokkoon Itoophiyaa loluu malu jechuun hima.

Sudaan keessa humnoonni TPLF hidhatan akka jiiranis Jawaar dubbata, gabaasonni garagaraas kana dura dhimma kana dubbatanii beeku.

Humnoonni TPLF kuni humna waraana Sudaan wajjiin ta'uun RSF akka lolan gabaasonni garagaraa ibsaa turan.

Sa'udi Arabiyaan hariiroo jabaa waraana Sudaan waliin akka qabdu dubbatama.

Dhihoo Pirezidantiin Ertiraa yeroo Sa'udi daawwatan, qoodni Sa'udii siyaasa Gaanfa Afrikaa keessatti akka cimu gaafataniiru.

''UAE'n Itoophiyaa bitattee jirti''

Itoophiyaan Sa'udiis ta'e UAE waliin hariiroo cimaadha jedhamu tolfatteetti.

Biyyoonni lamaan maallaqa guddaas qabu, wal dorgommii guddaas keessa jiru.

Haa ta'u malee, morkiifi muddama Itoophiyaafi Ertiraa caalaa dorgommiin biyyoota jajjaboo lamaan cimaafi dhiibbaa olaanaa akka qabu dubbata.

Itoophiyaa akkam miidhuu danda'a?

Somaaliyaatti ambaasaaddarrii Itoophiyaa Suleeyimaan Daddafoo ''Nu karaa keenyaan proxy [bakka bu'umsa] waan ta'e hin barbaannu, itti hin amannu.

''Tokkotti ibidda qabaa fedhii keenya guuttachuu biyya tokko jeeqaa fedhi keenya guuttachuu kaayyoo akkasii hin qabnu, imaammata akkasiillee hin qabnu,'' jedhu.

Jawaarg ama isaan waggoota torbaan darbe UAE'n ''Itoophiyaa bitattee jirti'' jechuu dandeenya jechuunis ibsa dhiibbaa ishiin qabdu yoo himu.

''Itoophiyaaf balaa guddaadha. Balaan kunimmoo mul'ataa jira. Yeroo ammaa Itoophiyaa hirkattuu Yunaayitid Arab Emireet (UAE) taatee jirti.

''Funyaan qabdee oofaa jirti jechuu dandeenya mootummaa Itoophiyaa. Kuni warra Sa'udi Arabiyaa hedduu dallansiisa.

''Rakkoo keessa seenee jira mootummaan amma jiru kuni,'' jechuunis hima.

Ministira Muummee Abiy fi Pirezidantii UAE

Madda suuraa, Office of the PM Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin UAE MM Abiy waliin hariiroo cimaa qabu

Gama dinagdeen Sa'udi Arabiyaan Itoophiyaa keessa invastimantii garagaraa keessatti bobba'aniiru.

Gama nageenyaan immoo hariiroon guddaa warra Emireet waliin qabna jedha.

''Turee bulee lamaan keessaa filachuufillee dirqamna. Irraa jireessaan warra Emireetitti haa dhihaannu malee warra Sa'udis qaqqabachaa sossobannee deemuuf yaalamaa ture.

''Amma garuu wal dura dhaabbannaan isaaniitis kan lafa jalaarra darbee ifatti walitti bobba'aa waan jiraniif odoo hedduu hin turiin Itoophiyaan gama Sa'udiitiin dhiibbaa guddaa jala akka seentu natti mul'ata.

''Kunimmoo dirqama Sa'udi ofirraa muranii gara Emireetitti galuu ykn Emireet ofirraa murruu dirqisiisa. Kuni, rakkoo hamaa qabatee dhufa.''

Itoophiyaan akkamiin ulaa argachuu qabdi?

Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahu fedhii biyyaalessaa ishee ta'u ifatti labsiteetti.

Waraanni Itoophiyaas karoora kana galmaan gahuuf qophii ta'uu kana dura ibsaa ture.

Itoophiyaan akkamiin ulaatti baati? Adeemsa amma jiruun mootummaan milkaa'uu danda'aa?

Itoophiyaaf galaanni diimaa ni barbaachisa kan jedhu Jawaar, ulaatti kan bahan garuu yookiin humnaani yookiin dippilomasiini jechuun hima.

''Wanti guddaan garuu humni ni jiraayidha,'' jechuun dubbi aangawootaa eeruun faallessa.

Angawoonni Itoophiyaa waraanaafi meeshaa waraanaa jabaa ijaaruu dubbatu.

Biyya keessattis meeshaa waraanaa caalaatti oomishuun akka eegalame kana dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbataniiru.

Jawaar garuu kana ni shakka. ''Ammatti Itoophiyaan rakkoo xaxamaa guguddaa keessa jirti,'' jedha.

''Gama dippilomasiitinis gama waraanaatinis gara siiyaasa keessootinis gara tasgabbii keessootinis haalli qabatamaa amma jiru Itoophiyaan humnaaan deemtee lafa tokko qabattee san booda dhimma itti bahuudhaaf gaaga'ama amma seente kana hammeessaa kan deemudha. ''

Buufata doonii Jibuutii

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan buufata doonii al ergiif gara caalu buufata doonii Jibuutiirratti hirkatti

Muddamni Gaanfa Afrikaa kuni fedhiifi wal faallessuu biyyoota Baha Jiddugaleessa kanaani kan dhiibamaa jiru yaada jedhus qaba.

''Dhimmi Asabis kan wal xaxe Emireet achirraa turte deebitee qabachuu barbaaddi, warri Sa'udiimmoo dhufaa jiru.''

Ulaa galaanaatti bahu qabaachuun nageenyaafi dinagdeef ni barbaachisa, garuu waan lama hambisuun ni barbaachisa jechuun ibsa.

''Odoo humna hin qabaatiin keessattuu biyyoota ollaatti dhaadachuun diina ofitti hammeessuudha,'' jedha.

Kunis, biyyoota diina Itoophiyaa jedhaman ''akka Masrii harka galan kunimmoo rakkoo keessootiifi biyyoota ollaatiifis akka nu saaxilu godha.

''Inni biraammoo ajandaa keenya ta'ee deemuu qaba malee ajandaa ormaa tarkaanfachiisuu hin qabnu.

''Amma hawaasa dippilomasii keessattis ta'e biyyoota ollaa keessatti akkaataa Itoophiyaan dhimma galaanaa itti dhiibaa jirtu akka ajandaa isiititti osoo hin ta'in akka ajandaa Emireet ta'etti kan fudhatamaa jiru.

''Maaliifimmoo kuni kan jedhamu? Emireet Galaana Diimaa as aanu keessatti hirmaachuu barbaaddi. Maaliif Sa'udi keessa dorgommii keessa waan jirtuuf.

''Kanammoo kallattiidhaan mootummaa Ertiraatirraa argachuu waan hin dandeenyeef gama Itoophiyaatiin to'achuu barbaaddi kan jedhu kuni shakkii guddaa uumee jira. ''

Shakkiin kunis warra Itoophiyaafi Emireet faallessan ''guuza [daboo] bahanii Itoophiyaa biyyoota ollaa wajjiin akkasumas keessoo ishiitti nageenyiifi tasgabbiin akka hin dhufne hammeessaa akka deemaniif carraa kan saaqudha.''

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuurratti ''gama dippilomasii itti qophaa'uu'' barbaachisa jechuun dubbata.

''Karaa wal taa'insa naannoo akkaataa Ertiraas Somaaliyaas fayyaduun'' itti deemamu qaba jechuun dhaama.

Haalli amma itti deemamaa jiru ''saaxilamummaa Itoophiyaa hedduu dabale faayidaa argannu caalaa miidhaan isaa guyya guyyaan akka dabalaa deemu kan argaa jirru.''

Gurri Itoophiyaa guddatemoo xiqqaate?

Mootumaan Itoophiyaa dhageettiifi dhiibbaan Itoophiyaa keessumaa ijaarsi Hidha Abbayyaa xumuruufi kaaniin cimuu dubbata.

Yaa'ii Jijjiirama Qilleensaa akka qopheessitu filamuu, misensummaa BRICS fi kaan eeruun dhageettiin cimuu hima.

Ministirri Muummee Abiy Itoophiyaan ''bayyanachaa'' jirti jechuun ibsu.

Faallaan Jawaar dippilomasiin Itoophiyaan hin kusuuse, boquu cabse jechuun falma.

Waggoota tora darban humni waraanaafi humni tikaa Itoophiyaa ''sababa wal waraanaaan laamsha'ee jira. Waan wal falmannu miti'' jedha.

Kunis dinagdee Itoophiyaa ''daakee jira,'' jedha Jawaar.

Biyyoonni gara caalu nageenya naannoo tasgabbeessuuf akkasumas invastimantiif Itoophiyaa barbaadu jechuun hima.

''Dhageettiin biyya tokko kan madaalamu humna waraanaa cimaa qabaachuufi dinagdee dimaa qabaachuudha.

San booda hariiroo dippilomasii qabaachuudha.

''Gama hundaanuu yoo madaalte yeroo ammaatitti humni dippilomasii Itoophiyaa, dhageettiin dippilomasii Itoophiyaa baay'ee baay'ee hir'aateera,'' jechuun falma.

Bara bulchiinsa Mootii H/Sillaaseefi MM duraanii Mallas Zenaawwii Itoophiyaan humna waraanaan cimaa turte jedha.

Bara bulchiinsa ADWUI Itoophiyaan gama nageenyaan ''utubaa naannoo kanaa (anchor state)'' jedhamtee waamamti.

Amma garuu ''madda rakkoo nageenyaa taateeti kaan ilaalamaa jirtu,'' jechuun ibsa.

''Osoo humna hin qabaatin siyaasni lolaan gaggeessinu gama dippilomasiinis hedduu nu xiqqeessee jira.''