Sochiin Israa'el Itoophiyaaf abdiimoo yaaddoodha? Masriifoo?

Gaanfa Afrikaatti waan guddaa adeemaa yeroo jirutti biyyi guddoo Gaanfa Afrikaa, Itoophiyaan, callisuu filatte – hin toles, hin bades hin jenne.
Tibbana biyyi Giddugala Bahatti waraana guddaa ijaarteefi michuu jabduun Ameerikaa, Israa'el, bulchiinsa ollaa Itoophiyaaf beekamtii kenniteetti.
Israa'el bulchiinsa Somaalilaand Somaaliyaan qaama kiyya jettuuf biyya jalqabaa beekamtii kennite taatedha.
Sababa kanaan Somaalilaand keessa gammachuu, Somaaliyaa keessammoo mufiitu jira.
Biyyoonnifi dhaabbileen idiladdunyaa garaa gara garruu murtee Israa'el mormaafi balaaleeffataa jiru.
Pirezidantiin Somaaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud kuni Gaanfa Afrikaaf yaaddoodha jechuun ibsaniiru.
Faallaan, Pirezidantiin bulchiinsa Somaalilaand Abdurraahimaan Mohaammad Abdullaahi (Irroo) kuni ''seena qabeessa'' jechuun ibsan.
Waggaa lama dura ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti jedhamtee kan eegamte Itoophiyaaf maaliif riphxee callifte?
Israa'el Somaalilaandiif maaliif beekamtii kennite? Maaliif amma ta'e?
Sochiin Israa'el gama bahaan Somaalilaand kan daangessitu Itoophiyaaf maal jechuudha?
Gaanfa Afrikaafoo? Masriin maaliif sochii Israa'el maaliif cimsitee mormaa jirti? Odeessa kana keessa walumaan ilaalla.
Itoophiyaan maaliif callifte?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsi Somaalilaand waggoota 30 oliif ofiin of bulchaa, nagaafi dimookiraasii ofii tolfattus biyyi tokkollee beekamtii idil-addunyaa kenneef hin jiru ture.
Murtee Israa'el kana biyyoonni hedduu, Gamtaa Afrikaa, IGAD, Gamtaa Awuurooppaafi kaan ifatti mormaniiru.
Chaayinaan ''fedhii ofittummaa ofiif jecha biyyi kamuu humna fottoqaa biyya keessaa deeggaruu hin qabu,'' jechuun balaaleeffatte.
Ameerikaan ifatti waan jette hin qabdu. Garuu, Tiraamp dhimmicha ''qorachaa'' akka jiran dubbatuun gabaafameera.
Biyyoonni ollaa Itoophiyaafi fagoo jiranillee yeroo ejjennoo isaanii ibsaa jiranitti callisuun Itoophiyaa maaliifi?
Mootummaa qofa osoo hin taane miidiyaaleen mootummaas dhimmicha akka hin gabaasnetu gabaafame.
Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa waggaa lama dura Somaalilaand waliin waliigalteefii ija hin godhanne qabdi.
Waliigalteen suni dhimmi beekamtii bulchiinsa Somaalilaand akka addunyaatti guddatee mul'atuufi ijoo dubbii ta'us godheera.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa ammallee ijoo dubbii mootummaa Itoophiyaa ta'e yeroo jirutti Itoophiyaan callisuun maaliifi?
Xiinxalaa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Dr Nagaraa Guddataa callisuunu deebiidha jedhu.
''Inni kuni mataan isaayyuu ejjennoo ofii beeksisuudha jedheen kanan amanu,'' jechuun himu. Callisuu ishees akka waan gaaritti kaasu.
''Jalqaba waan ta'ef garamitti akka inni deemu callisanii hubachuun baay'ee barbaachisaadha.
''Ejjennoon Itoophiyaan yeroo ammaa ibsitu wanta fedhii biyyaalessaa, fedhii siyaasaafi dinagdee waliin waan wal dhiibu ta'udhaa hin qabu ,'' jechuun himu.
Itoophiyaaf maal akeeka?
Murteen Israa'el yeroo sochiin Masrii Gaanfa Afrikaatti cimee jiruufi Itoophiyaanis karaatti ulaa galaanatti baatu cimsiitee jirtutti mudate.
Torban dura miidiyaan buufati isaa UAE godhate, Masriin buufata doonii Jibuutiifi buufata Asab misoomsuuf waliigalte jedhee gabaaseera.
Dhimma kana BBC'n adda baasuu baatus, Masriin hariiroo jabaa biyyoota kanaa waliin akka tolfatte ifa jira.
Buufata doonii Jibuutii misoomsuufis waliigaltee raawwatteetti.
Waggaa lama dura Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessite gama Itoophiyaan guddoo abdatamee ture.
Gama Somaaliyaan garuu mufii jabaa kaasee Somaaliyaan 'diinota' Itoophiyaa kanneen akka Masriifi Ertiraa waliin hariiroo akka cimsattu taasiseera.

Madda suuraa, OBN
Akkaataa waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin taasisteen Somaalilaand qarqara galaanaa 20km dheeratu biyya ulaa galaanaa hin qabne Itoophiyaan buufata dooniifi waraanaaf kenniti.
Faallaan, Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti. Kuni ifatti Itoophiyaadhaan hin mirkanoofne.
Waliigalteen guutuus ummataaf ifa hin taane.
Somaalilaand akka qaama ishiitti kan ilaaltu Somaaliyaan waliigaltee kana akka weeraraattin ilaala, birmadummaa kiyyas sarba jettee mormite.
Muddama waggaaf turee booda jaarsummaa Turkiin hanga araaramanitti biyyoonni lamaan waraana seenu jedhamee sodaatamaas ture.
Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuun Itoophiyaaf carraadha yaada jedhu qabu xiinxaltoonni.
Dr Nagaraan Itoophiyaan ''waliigaltee kanaan dura ture deebitee haaromsuu dandeessi'' jedhu.
Haa ta'u malee, Itoophiyaan daandii qaxxaamuraarra jirti yaada jedhu qabu.
''Yoo ejjennoo Israa'el deeggarte gaafa jaraatti deemtee waliigaltee duraan mallatteessan haaressitee Itoophiyaarratti dhiibbaa jabaa geessisuu dandeessi.
''Yoo immoo Israa'el mormite walitti dhufeenyi Itoophiyaaf Israa'el gidduu jiru walitti dhufeenya cimaadha. Waggoota hedduuf kan turedha.
''Karaa tokkoon Israa'eliinis mufachiisuu hin barbaaddu. Inni lammataan immoo callisuun ejjennoo walabaan wal fakkaata.
''Fedhii biyyaalessaashee eeggachuudha Itoophiyaan kan barbaaddu,'' jechuun himu.
Xiinxalaan Gaanfa Afrikaa Abdurraahimaan Sayiidis yaada kana deeeggaru.
Israa'el Somaalilaand maaliif barbaadde?
Murteen Israa'el hin eegamne Gaanfa Afrikaatti sochii guddaa dammaqseera.
Sochiin kuni siyaasaafi nageenya naannichaa waggoota kurna dhufaniif kallattii jijjiiruu mala jedhu xinxaltoonni.
Giddugalli Bahaa wiirtuu ijoo siyaasa addunyaati. Isatti aanee iddoon qalbiin biyyoota jajjaboo addunyaa harkisu Gaanfa Afrikaadha.
Sochiin Israa'el tibbanaa immoo kana ni cimsa jedhu xinxaltoonni.
Amma gaaffiin ijoo Israa'el maaliif Somaalilaandiif beekamtii kennite kan jedhudha.
Somaalilaandiinoo Israa'eliif maal kennitti? Yeroo walii galan wanti ibsame hin jiru.
Xinxaltoonni garuu dhimmootaa adda addaa kaasu. Tokko, nageenya biyyaalessaa Israa'el waliin walqabata jedhu.
Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahu biyyi isaanii ''mirga hiree ofii murteeffachuu'' Somaalilaandiif beekamtii kennuuf akka kana gootu himan.
Haa ta'u malee, xinxaltoonni sababi tarsiimawaa ta'eetu jira jedhu.
''Israa'el naannawa Galaaana Diimaa michuummaa kan barbaaddu sababoota tarsiimaawaa baaay'eefi,'' jechuun ibsa dhaabbati Israa'el Inistitiyuut of Naaashinaal Sekuritii Isteedis jedhamu.
''Kana keessaa duula gara fuulduraa Huutii irratti taasifamudha,'' jechuun ibsa dhaabbati kuni.
''Wal ta'iinsa kanaaf Somaalilaand filatamtu,'' akka ta'es eera.
Kunis, Israa'el Yamanittii akka ishee dhiheessu ibsuun.
Erga waraanni Gaazaa eegaleeti hidhattooti Huutii Yaman keessaa Israa'elitti dhukaasaa turan.
Kunis, Filisxeemota bira dhaabbachuuf akka ta'e ibsu.
Murtee Israa'el booda, Huutiin ibsa baaseen Israa'el akeekkachiiseera.
IIsraa'el Somaalilaand yoo seente, akka qoyyaafannoo waraanaatti ilaalla jedheera.
Kunis, Somaaliyaafi Yaman weerarutti ilaalama, nageenya naannichaafis yaaddoodha jedhe hogganaan garichaa Abdel Maaliik al Huutii, ibsa baheerratti.
Xinxalaan Afrikaa kana dura qondaala CIA kan turan Kaameron Haadisan, kaayyoon ijoo Israa'el dhiibbaa Iraan naannawa Galaana Diimaa qabdu hir'isuuf akka ta'e ibsu.

Madda suuraa, EPA
Yaada kanaan Dr Nagaraanis walii galu.
''Gochi Israa'el gootu fedhii biyyaalessaa isheen waan walqabatudha. Fedhii Israa'el diinotashee dursitee lafa qabattee ofirraa ittisuuf yaalii isheen gootu waliin waan walqabatudha.''
Israa'eel yeroo kanatti Somaalilaandiif beekamtii kan kennite ''Inni tokko Turkiin ykn Turkiyyeen walitti dhufeenya cimaa isheen Somaaliyaa waliin qabaaachaa deemtutu baay'ee Israa'eliin kan yaaddessudha.
''Turkiin biyya warra Arabaa keessumaa warra Musliim Biraazarhud biyya deeggartu waan taateef,'' jechuunis sababa biraa eeru.
''Somaaliyaammoo bakka misaa'elashee itti yaaltu waliigaltee garagaraa Somaaliyaa waliin mallatteessaa waan turteef,'' kunis akka Israa'el yaaddessu dubbatu.
''Qarqara galaana Somaaliyaatii boba'aa baasuuf waliigaltee guddaarra waan geesseef kuni Israa'eliin baay'ee yaaddessa.
''Kanaafuu Israa'el dursitee bakka qabachuu waan barbaaddeef kan ishiin dursitee beekamtii kana kennite,'' yaada jedhu qabu.
Sababi biraa ka'u, gabaasonni kana dura bahan Israa'el Filisxeemota Somaalilaanditti godaansisti jedhaniiru.
Dhaabbileen kana irra deebiin ibsanis jiru. Dhimma kana mirkaneessuun nama dhibuus, kana dura garuu aangawoonni Somaalilaand kana waakkataniiru.
Somaaliyaafi aangawoonni Filisxeem Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kan kennite, Filisxeemota Somaalilaanditti qubachiisuf akka ta'e eeraniiru.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud ''Somaaliyaan ummatni Filisxeem humnaan dachee isaaniirraa buqqaafamanii bakka biraa geeffamuu tasa hin fudhattu,'' jechuun parlaamaatti dubbatan.












