Itoophiyaa fi waraanni 'hiikkaa gaa'ilaa' raawwachuu qabu- Let Jen. Yohaannis G/Masqal

Madda suuraa, Letenal Jeneraal Yohaannis Gabremasqal
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
Itoophiyaa fi waraana- Gaa'ila Hiikkaa Barbaadu jechuun tibbana kitaaba isaanii kan maxxansiisan Let Jeneraal Yohaannis Gabremasqel Itoophiyaan seenaa ishee keessatti waraana malee jiraattee hin beektu jedhan.
Yeroo Zamana Masaafintii eegalee hanga ammaatti dhaloonni waraana malee jiraatee darbe hin jiru. Waraanni akka gootummaatti waan ilaalamuuf aadeffameera.
Hawwaasni biyyattii eebbisee gara dirree waraanaatti wla bobbaasuu wan bareef maraammartoo waraanaa keessaa bahuu hin dandeenye jedhan gaaffii fi deebii BBC waliin taasisan irratti.
''Yerootti aangoon karaa nagaa Itoophiyaa keessatti sirna tokkoo gara sirna biraatti darbe hin turre kan jedhan jeneraalichi biyyattiin waan dursa argachuu qabu boodatti dhiiste jedhan.
Jeneaal Yohaannis Itoophiyaa fi waraanni akkuma abbaa manaa fi haati manaa waliin jiraachuu dadhaban adda bahuu keenya wayya jedhanii walii galan akkasuma Itoophiyaa fi waraanni hiikkaa raawwachuu qabu jedhan.
Jeneraal Yohaannis akkasiin waan Itoophiyaa keessa darbite dubbatan.

Itoophiyaan biyya umurii waggoota kumaatamaa kan qabduu fi Gaanfa Afrikaa keessatti gidduugala qaroominaa taatus yeroon itti waraana irraa boqatte hin jiru.
Aksum, Jogol, Laalibelaa yoo ilaalte qaroomina uummata Itoophiyaa durii lafa irratti mul'atu argita.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasuma ammoo durii qabee kan nu waliin jiraateefi nurraa adda bahuu dide qabna. Innis waraana. Umurii nama tokkoo kan tahullee dhaloonni ykn labanni Itoophiyaa keessaa waraana malee jiraate hin jiru.
Garaagarummaa yaadaa fi siyaasaa kan hiikuuf yaalamaa ture seenaa Itoophiyaa keessatti waraana ykn qawweedhaan qofadha.
Biyyoota addunyaa kanaa yoo ilaalle waraana irraa gara mariitti dhufuun nagaa buusuun kan guddatan jiru.
Itoophiyaa keessatti ammoo kana hin argine. Waanti labataa labatatti darbe araada sitti taha. Waraannaa fi qawweedhaan injifachuuf yaaluun uummata Itoophiyaaf akka araadaa taheera.
Araada keessaa bahuuf jalqaba araada tahuu isaafi rakkoo tahuu isaa amanuu qabda. Yoo akkas goote karaatti keessaa baatu barbaadda.
Umuriikoo keessatti kanin arge nama waraana deemu yeroo eebbisanii, akka gootaatti faarsanii gaggeessanidha. Filannoon biraa rakkoo siyaasaa hiikuuf taa'eeru hin jiru.
Waraanni qabeenya, lubbuu nyaata. Dinagdee nyaata. Waraanni tokko dhume yoo jettu waraanni xumurame dhaloota saba biraa keessatti ammoo waraana biraa akka ulfaa'u godha.
Yeroo biraatti ammoo sabni waraanichaan miidhameera jedhu waraana biraaf qophaa'a. Haala kanaan osoo waraana keessaa hin bahiin hafne jedheen yaada jedhan.
Waraanni aadaa nuuf tahe
Let Jeneraal Yohaannis itti fufuun waraanaa fi Itoophiyaa yoo ibsan safartuun jalqabaa fi xumuraa (aalfaa fi omeegaa) gootummaa keenyaa warana ykn nama ajjeesuudha jedhan.
Dhugaa darbe yoo ilaaalle yeroo warana Tigiraayillee namoota gama mootummaan hiriiranis tahe garee TPLF kan jiran yeroo eebbisanii bobbasan argamaa ture.
Abbootiin amanta fi jaarsoliin biyyaa eebbisanii waraanatti yeroo ergaa turan mula'ataa ture.
Jeneraal Yohaannis kitaaba isaanii keessatti akkasumas BBC walin turtii taasisan irratti waraanni safartuu gootummaa isa jalqabaa fi dhumaa tahee ilaalauun kan baramedha jedhu.
Akka nama dhuunfaattis kan nama ajjeese akka gootaatti ilaalama. Adunyaa irratti namni nama ajjeese goota jedhamee faarfamu hin jiru. Bara ''Zemene Masafintii'' keessa akka gootummaatti ilaalama ture. Yeroo sana ammoo barnoota kan qabu waan hin jirreef hubannaan uummanni qabu xiqqaa ture.
Haadha manaa Fuudhuufis, finciltee fuudhachuufis yoo ajjeestedha akka gootaatti kan ilaalamtu.
Sirbi keenyayyuu ajjeesaa [gadayin wedalew] nan jaaladha kan jedhudha.
Akka nama dhuunfaattis tahe akka sabaatti waraanni guddataa dhufuun hanga mo'attutti waraanatti amanuun jira.
Waraana keessa qaamni mo'atu tokkoyyuu hin jiru. Qaamoleen lamaanuu mo'amoodha.
Haayilesillaasee, Dargii eegalee hanga warana Tigiraay fi isaan booda ammoo haala naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiru yoo ilaalte guddina dinagdee fi uummataa hudhee kan qabe waraanumadha.
Maatiin Ijoolleesaa barsiifachuu, hojjetanii guddachuu fi akka biyyaatti tokkummaa qabaattee guddachuuf waraanni danqaa itti taheera.
Uummanni kun kana hundaa argachuuf waraana irraa boqachuu qaba. Ijoollee keenyaaf dhalaatota dhufuuf yaaduuf waraanni dhaabbachuu qaba.
Dhaloonni darbe kun mirga kana sarbameera. Seenaa keenya durii yeroo himannuufi dhugaan nuyi itti jiraannu wal adda jedhan Jeneraal Yohaannis.
Eenyummaa keenya isa dhugaa dhoksinee akka jiraannu Baahiluu Girmaa ibsee ture.
Eenyummaa lama qabna. Waa'ee waraanaa hubatee barreesse. Waa'ee eenuyummaa keenyaa, seenaa keenyaa yeroo odeessinu eenyummaa keenya isa dhugaa dhoksuuni jedhee ture.
Innis sababuma dhibamuu nagaan sirna yeroo sanaan lubbuun isaa darbite.
Itoophiyaa keessa dhaloonni biyya keessaa hanga biyya alaatti baratee biyya isaa jijjiiruuf warraaqsa adda addaa fiduuf gara biyyaa galan waraanaan nyaatamaniiru.
Anis dhaloota Haayile sillaasee fi Dargii keessa turan keessaati. Dargii keessa dhaloota barate tokkotu nyaatame. Dhaloonni kan isa qajeelchuu fi gorsu barbaada. Hangafooni siyaasaa keenya Dargii keessa nyaataman.
Kun qaawwa guddaa uumeera. Kana yoo ilaaltu maaliif waraana keessaa hin baanu jetta. Dhaloonni dhufus maal argata kan jedhu hin yaadamne.
Dhaloonni barate lubbuun hafe ammoo carraa biyya keessatti bilisa tahee hojjechuu hin arganne.
Seenaa kana seenessa dhugaadhaan walitti himnee keessaa bahuu dadhabne.
Hiyyummaa keessaa bahuuf waraana keessaa bahuu qabna
AWDUI yeroo aangoo irra ture waraana seenaa goona kan jedhu ture kan jedhan jeneraalichi garuu dursi hin kennamneef jedhu.
Waraanni hamaan waraana walii waliiniiti. Rakkoon keenya hiyyummaadha, godaansadha jechaa turre. Isaan kan baqataniif ykn hiyyoomaniif warana baqachuunidha.
Kanaaf warana aadaa ykn barsiifata godhanne kana keessaa maaliif hin baane jennee dhugaa irra dhaabbannee of hin ilaale jedhan.
Waraana keessa teenyee maaliif hin hiyyoomnu, maaliif uummanni hin godaanu, warana walii wlaiinii keessa teenyee maaliif haloo walirratti hin qabanu jennee madaalaa hin turre.
Waraana gaggeessaa turreef sababa adda addaa kennaa turre. Kun ammoo qaam fayyadu qaba. Biyyi garuu miidhamaadha.
Fakkeenyaaf gabaan gurraachi addunyaa irratti akka babal'atu kan godhuw araanaa fi hokkara biyya tokko keessa jirudha.
Namoonni siyaasaa kufaniiru. Uummanni labataa labatatti miidhamaa taheera. Silaa beekumsii fi yaadni furmaataa kan argamu hayyoota irraati.
Haa tahu malee akka carraa tahee biyya keenya keessatti hayyoonni waan lamaaf saaxilamaniiru.
Kaan ajjeefamaniiru ykn hidhamaniiru. Kaan ammoo biyyaa baqataniiru. Kaan ammoo sirnuma biyyicha keessa jiruuf harka kennanii nagaan jiraachuu naaf wayya jedhanii callisaniiru.
Silaa isaantu hawwaasa qajeelcha ture. Waraanaa fi hookkara adda baasnee kaa'uun frmaata barbaaduu qabna.
Seenessa dhugaatu qoricha...
Itoophiyaan maaliif waraana keessaa bahuu dadhabde? Godaannisa waraanaa darbe irraa fayyuun maaliif fuulduratti tarkaanfachuu dadhabde?
Let Jeneraal Yohaannis Gabremasqal rakkoon keenya, waan hin qabne qabna jechaa, seenaa darbe osoo hin amaniin akkamiin waraana keessaa bahuu dandeenya jedhu.
Bara Mallas fa'aa keessa wraana seenaa goona kan jedhutu ture. Godaansa hanbisuu fi hiyyuummaa balleessuuf hojjechuun dura waan qabeenya nyaatu, waan lammiilee biyyaa baasu waraana tahuu isaa amannee dursa itti kennuun hojjechuutu barbaachisa ture jedhan.
Kunis kara guutuu tahe gaggeeffamuu dhabuun isaa har'as Itoophiyaan maraammartoo waraanaa keessaa akka hin baane godheera jedhan.
Ofii TPLF waliin loluun Dargii kan kuffisan jeneraal Yohaannis har'a haadholiin Oromiyaa, Amaaraa fi Tigiraay keessaa maal keessa jiru? Qabsoo hidhannoo bu'uura kan godhatu baadiyaa keessa kan jedhan jeneraalichi dinagdeenis kan miidhaman isaan jedhu.
Waraanni Itoophiyaa keessaa adunyaa waliin akka hin tarkaanfanne taasiseera.
Yeroo dhaloonni barachuu qabutti manni barumsaa gubachuun, barsiisaan ajjeefamuun duubatti deebi'uu mitii?
Waraanni walii waliinii Ameerikaa, Veetinaamii fi kan biyyoota kaani barnoota irraa fudhachuun seenaa dhugaa lafa'a kaa'anii irratti walii galuun keessaa bahan.
Dhaloota barsiisan. Waraanni balaa uumamani sittu fiduu ol tahuu isaa baratan. Kanaaf waraana dhaabanii keessaa bahan.
Waa'ee waraanichaa ammoo karaa dhugaa taheen dhalootatti himanii keessaa bahan.
Ani Ameerikaa deemee baradheen ture. Jeneraalli tokko isteetota hunda irra deemuun waa'ee waraana walii waliinii yoo barsiisu dogogorreerra jechuun dargaggootatti himaa ture.
Waa'ee waraanichaa hubachiisuuf muuziyeemii ijaaruun seenaa dhugaa lafa kaa'an.
Waraanichi mo'ataa hin qabu ture. Dhaloonni kun itti fakkaatee waraanicha jalqabe. Garuu dogogora ture jedhanii barattoota barsiisu. Biyyoonni Awurooppaa akka Jarmaniis akkasuma jedhan.
Itoophiyaa keessa rakkoon tokko seenessi dhugaa dhibuu isaatu rakko tahuu eeru.
Sabni tokko midhamaa tahuu himachuu qofti waraana biraaf dhaloota qopheessa malee waraana keessaa nu hin baasu.
Kanaafidha Itoophiyaa fi waraanni hiikkaa gaa'ilaa raawwachuu qabu kanan jedhu.
Yaadatti amanuu, gatii kamiyyuu kaffaluun yaadatti kan amanu uumamuu qaba.
Mootummaa fi qaamoleen kaanis kutannoon gara kanatti galuu qabu jedhan.
Qaama tokko irraa eeguu osoo hin taane paartilee siyaasaa fi mootummaan ilaalcha kanatti amanuu barbaachisa.
Inni biraan ammoo hawwaasni biyya kanaa waraanni akka filannoo sirrii tahetti amanuu hin qabu. Qaama qawwee kaasu lafa kaa'i jechuu danda'uu qaba.
Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo sirna tokkoo gara sirna biraatti aangoon siyaasaa karaa nagaa darbu argamee hin beeku.
Qaamoleen biyya alaa kan isaan fincila biyya keenya keessatti babal'isuu barbaadaniif haala mijataa biyya keessatti waan isaaniif uumneefidha.
Itoophiyaan guddachuuf waraana keessaa bahuu qabdi. Fakkeenyaaf ilaalcha Masiriin Itoophiyaaf qabdu durii kaasee beekamaadha.
Osoo biyya keessaa nagaan jiraate Masirii bakkatti galchuun salphaadha kan jedhan jeneraalichi waraana keessaa baanaan dinagdeen guddachuun haala mijataa uuma jedhu.
Letenaal Jeneraal Yohaannis Naannoo Tigiraay naannoo Aduwaatti dhalatanii guddatan. Maatiin isaanii barnootaaf xiyyeeffannoo waan kennaniif ijoollummaan barnoota galuun akka xumuran kan himan jeneraalichi yeroo Sirna Dragii irratti qabsoo jabaatu filannoon qaban qabsoo hidhannootti makamuu akka the himan.
Bara 1968 TPLFtti makamuun qabsootti turan. Bara 1983 Finfinnee akka galan himan Jen Yohaannis sadarkaa hoggansa adda addaa irra hojjechaa turan.
1985 ammoo carraa barnootaaf Ameerikaa deemuun saayinsii waraanaa barataniiru.
Achii yeroo deei'anis sadarkaa hoggansa guddaarra hojjechaa turuu kan himan Jeneral Yohaannis ilaalcha bal'aa akka qabaadhu na gargaareera jedhan.
Waraana Itiyoo- Ertiraa irrattis hirmaataniiru. Sana booda Raayyaa Ittisa Biyyaatti itti gaafatamaa kutaa odeeffannoo tahuun hojjetaniiru.
MM duraanii Obbo Mallas boqachuu isaanii dura soorama akka bahu na godhan jedhan. Ajajaa waraanaa humna nagaa kabachiisaa tahuun Sudaan Abiy bakka jedhamuttis erga tajaajilanii Sudaan Kibbaa erga walabumma aishee argattees wagga alamaaf ajajaa humna nagaa kabachiisaa tahuun UN jalatti hojjetaniiru.












