Mootummaan ulaa galaanaa argachuuf 'kaka'uumsa ho'aa' amma jiruun akka itti fufu kallattiin kaa'ame

Madda suuraa, Office of the Prime Minister
Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa "mirga Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabdu mirkaneessuuf tattaaffii gochaa jiru cimsee akka itti fufu'' kallattii kaa'uu isaa beeksise.
Mootummaan hawaasni idil addunyaa Itiyoophiyaan "nagaa fi tasgabbii naannawaa mirkaneessuu keessatti shoora qabdu'' akka hubatan waamicha taasiseera.
Murteen mootummaa federaalaa kun kan ibsame marii Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa har'a, Roobii, Ebla 9, 2025 taasise hordofee ibsa Waajjirri Ministira muummee baaseeni.
Ibsichi marii Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi qondaaltonni olaanoo mootummaa federaalaa, Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Berhaanuu Juulaa dabalatee, kanneen biroo irratti hirmaatan kana irratti ''haala biyyaa, naannoo, fi addunyaa'' qarachuu isaani eera.
Dhimmoota Manni Marichaa waltajjii kana irratti "dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan" jedhee adda baase keessaa dhimma qaamolee daandii ''fedhii ofii humnaan kabachiisuu" fudhatan ilaallatu tokko ture.
"Dhaabbileen kunneen bifa adda addaa qabaachuu, naannoolee adda addaa fi biyya alaa keessatti argamu," kan jedha ibsi mana marichaa. "Shirri, kiyyoon, saamichi, ukkaamsuun, gara jabummaan, daldalli seeraan alaa fi humnaan fedhii rawwachiisuun mallattoo isaanii," ta'uu ibse.
Ibsi kun qaamoleen kunneen "diina Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiran waliin waltumsuunifi fi kanneen olola sobaa geggeessan" ta'uu himate.
Dhimmi manni marichaa "xiyeeffannoon" ilaale jedhame biraa "haala addunyaa fi naannoo" waliin walqabateedha.
Ibsi mana marichaa dhimmoonni walqabatan "dhiibbaa biyyattii irratti qabaachuu danda'an irratti bal'inaan mari'atameera" jechuun ibsa.
Dhimmoota Itoophiyaa irratti dhiibbaa uumuu danda'an keessaa "haala dinagdee addunyaa," "muddama hammaataa jiru, sochii shororkeessummaa" fi "daandiwwaan daldala idil-addunyaa jeeqan" jedhaman keessatti ni argamu.

Madda suuraa, Office of the Prime Minister
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimmoota "biyyoota diigamaa fi dadhabaa jiranii, haleellaa saayibarii dabalaa jiru, "walta'iinsa biyyota addunyaa diigamaa jiru, fi walta'iinsa addunyaa haaraa uumamuu '' waliin walqabatan irratti mariin bal'aan akka gaggeeffame ibsameera.
Biyyoota kamtu diigamaa fi dadhabaa jira kan jedhu garuu ibsa kan keesatti hin eeramne.
Manni marichaa dhimmoota kanneen irratti mari'achuu fi dhimmoota adda addaa irratti "kallattii" akka kaa'e ibsi kun kan eeru.
Dhimmi Manni Marichaa kallatti kaa'e keessa tokko dhimma gareewwan qabsoo hidhannoo gaggeessa jiran ilaallata.
Rakkoolee naannolee adda addaa keessa jiran karaa nagaa, marii siyaasaatiin furuuf yaaliin eegalame firii buusaa jira'' kan jedhu ibischi, ''mala aadaa dabalatee daandiiwwan nagaa hunda fayyadamuun yaalii godhamu caalmaatti galmaan gahuu danda'a'' jedheera.
Gama kaaniin daandiiwwan naga ahudna cufanii fudha isaanii humnaan raawwachuuf gareelee socho'an irratti hojii seera kabachiisuu cimsee itti fufuun barbaachisaa ta'uu mirkaneesseera.
''Diinota Itoophiyaarraa ergama fudhachuun biyya keessatti warra rakkoo uumuuf yaalan hanga ciruma badanitti seera kabachiisuufi daandii nagaa fayyadamuun akka itti fufus ibseera.

Madda suuraa, Wajjira Ministira Muummee
Ibsi Mana Maree nageenyaa biyyaalessaa kun injifannoowwan dippiloomasii dhageettii Itoophiyaa idila addunyaatti dabalan galmaahaniiru'' jedha.
Hojiilee milkaahina kunnneen fidan daran babal'isuufi jabeessuun dantaa biyyaalessaa sadarkaa addunyaatti kabachiisuun barbaachisaadha jedheera.
Manni maree kun ibsa isaa keessatti tattaaffii ulaa galaanaa argachuurratti godhamu ilaalchisee qajeelfama kenneera.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad ji'a darbe Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti dhiyaachuun ibsa wayita kennan dhimmi ulaa galanaa argachuu Itoophiyaaf dhimma jiraachuu akka ta'e ibsanii ture.
Amma dura dhimmicharratti ejjennoon Itoophiyaa ifa akka hin turre kaasanii, amma garuu waayee ''fedha ulaa galaanaa qabaachuu dubbachuun saalfii hin qabu'' jedhaniiru.
''Addunyaarratti biyya guddoo ta'ee kan ulaa galaanaa hin qabne hin jiru, kanaafiyyuu qajeeltoo kennanii fudhachuutiin ta'uu qaba'' jechuunis dubbatanii turan.
Ibsi Mana Maree Nageneyaa ammoo tattaaffiin mootummaan ulaa galaanaa argachuuf taasisu ''kaka'umsa ho'aa amma jiruun akka itti fufu'' qajeeltoo dandeessisu kaahuu ibseera.
''Mirga Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuu kabachiisuuf hojiin dippiloomasii, seeraawaafi naga qabeessa bu'uura godhachuun eegalame kaka'uumsa ho'aa jiruun akka itti fufu qajeelfamni kaahameera'' jedha.
Haala siyaasaa fi dinagdee amma jiruun Itoophiyaan birmadummaa imaammata ofii eegsisuun, dantaashee kabachiisuun gahee irraa eegamu bahachaa jirtii jedha ibsichi.
Akkuma kanammoo hawaasni idila addunyaa gama ''nagaafi tasgabbii eegsisuun'' gahee Itoophiyaan naannichaafi ardittii keessatti bahachaa turteefi itti jirtu hubachuun deeggrsa godhuuf akka jabeessee akka itti fufus waamicha godheera.












