Gabaasni haaraan dhimma waraana biyyoota Afrikaa, ga'uumsa waraana Itoophiyaarratti maal jedhe?

Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa agarsiisarra jiran, Fulbaana bara 2020

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa agarsiisarra jiran, Fulbaana bara 2020

Itoophiyaan bara 2025tti biyyoota Afrikaa keessaa biyyoota waraana humna guddaa qaban keessaa tokko ta'ushee maddi sadarkaa waranaa biyyoota addunyaa xinxalu tokko iftomse.

Marsariitiin Ameerikaa Global Firepower Network (GFP) jedhamuufi waggaa waggaan sadarkaa humna waraana biyyootaa baasu, tibbanas gabaasa baaseen Itoophiyaan biyyoota Afriikaa humna waraanaa guddaa qaban shan keessaa tokko ta'u ibseera.

Dhaabbatichi waliigalatti sadarkaa humna waraanaa biyyota 145 ifoomsera.

Dhabbatichi sadarkaa kana kan kennuu ulaagaawwaan 60 ol baasuun ga'uumsa biyyattii fi daandeetti waraanaa ishee madaalun akka ta'e ibseera.

Ulaagaawwaan eeraman keessaas akkataa guddina hidhannoo meeshaalee, humnaf baay'ina loltootaa, dandeettii, baajata waraanaa, teessuma lafaa fi dinagdee biyyatti irrattifaa hundaa'un.

Kana malees, guddina teeknolojii, gamtaa waraanaa, hariiroo dippilomaasii, loltoota humna eeggataa, xiyyaarota waraanaa, konkolaattotaa fi humna galaanaallee kan dabalatuudha.

Afrikaan ardii jaarraa hedduuf waraannii fi walitti bu'iinsa waliinii keessatti heddummatuudha.

Ammallee biyyota heddu keessatti waranni gaggeefamaa kan jiru yoo ta'u, dhumaatii fi baqannaa lammilee ardii Afrikaatiif sababa isa ijoodha.

Fonqolchi mootummaa, walitti bu'iinsi mootummaaleefi garee finciltoota, akkasumas shororkeessummaan biyyoota Afrika heddu keessatti kanneen mul'atan keessayi.

Kanaanis biyyoonni kanneen tasgabbii qabanis ta'ee waraana keessa jiran, gargaarsa humnoota alaatiinis ta'ee kan ofii isaanitiin kanneen humna waraanaa guddaa ijaarrataa jiran heddudha.

Biyyoota kanneen keessaa Itoophiyaan tokko.

Biyyoonni Afrikaa 2025tti waraana humna guddaa qaban shan kami fa'i?

Akka gabaasin GFP kun jedhutti, Itoohpiyaan biyyoota Afrikaa bara 2025 waraana humna guddaa qaban shan keessa ishee tokko.

Waggaa shan dura bara 2020 ga'uumsa waraanan Afrikarraa sadarkaa 7ffaa addunyarraa ammoo sadarkaa 60ffaa kan turte Itoophiyaan, bara 2025tti Afrikarraa 5ffaa Addunyarra ammoo sadarkaa 52ffaa irratti argamti jedheera maddi kun.

5. Itoophiyaa

Itoophiyaan biyyoota Afriikaa keessaa Masrii, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaafi Afriikaa Kibbaatti aanuudhaan biyya Afriikaa human waraanaa sadarkaa olaanaarratti argamtu qabdu ta'u kaa'eera marsariitiin kun.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa bara kana diroonii hidhate ummataaf ifa godheera

Madda suuraa, BAYKARTECH

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka marsariitiin Ameerikaa kun jedhutti, sadarkaan waraana Itoophiyaa yeroo dhiyoo kan biyyota kaan waliin yoo wal bira qabmee ilaalamu jijjirama guddaa kan agarsiisee ta'us hir'nni jiraachuu agarsiisa.

Ga'uumsi waraana Itoophiyaa bara 2025 Afrikaaarraa sadarkaa 5ffaa, addunyaa irraa ammoo sadarkaa 52ffaa irratti argama jedhe.

Qormaanni diinagdee akkasumas walitti bu'iinsi hidhattotaa waliini jiraatus, Itoophiyaan waraana guddaa dhimma nageenya naannoo, keessattuu walitti bu'iinsa gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffate qabattee jirti.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeefamaa turefi ammallee walitti bu'iinsa hidhattoota waliin Naannoo Oromiyaa, Amaaraafi kaan keessattis adeemaa jiru dhiibbaa geessisuus biyyattiin sadarkaa waraana ishee fooyyeessuuf xiyyeeffannoo kennuufi baajata guddaa akka ramaddu ibsamaa ture.

Loltoonni Itoophiyaa Raashiyaafi Israa'el keessatti leenjii akka fudhatan kan Himamuuf ta'ullee, garuu waa'ee waraana OItoophiyaa ilaalchisee odeffannoo bal'aa argachuun rakkisaadha.

Loltootni Itoophiyaan ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa keessatti gumaacha guddaa kan qabdu yoo ta'u,biyyoota Afrikaa garagaraatti nagaa kabachiisuun qooda fudhatti.

Loltootni Itoophiyaa gara kuma 10 ta'an Somaaliyaa keessatti ergama nagaa kanbachiisuu irratti argamu.

Biyyattin loltoota waraana adda addaa keessatti hirmaatan, kanneen muuxannoo guddaa fi leenjii olaanaa qaban qabdi. Itoophiyaan biyyaa miseensa Gamtaa Afrikaa cimtuudhas.

Bara kana warshaan meeshalee waraanaa hanga taankii oomishuu fi dirooniwwaan teknolojiin ammayyaa hidhatani fi ajaja addaa raawwatan agarsiifamaa turaniiru.

4. Afrikaa Kibbaa

Konkolataa fi Loltuu Afrikaa Kibbaa

Madda suuraa, Public Domain / Wikimedia Commons

Ga'uumsi waraana Afrikaan Kibbaa akka Afrikaatti sadarkaa 4ffaa, addunyaa irratti ammoo sadarkaa 40ffaa irra jira

Industirii oomisha meeshalee waraanaa sadarkaa olaanaa qabuun kan beekamtu Afrikaan Kibbaa meeshaalee waraanaa ishee irra caalaa ofiif oomishti.

Haa ta'u malee, hanqinni baajataa waggoota dhiyoo asitti humnootni waraanaa ishee daran akka hin guddatne daangeessee jira.

Humnoota waraanaa 71,235 fi humna eeggataa 29,350 ol qabdi.

Afrikaan Kibbaa humna waraanaa lafoo cimaa kan qabdu yoo ta'u, taankii 195, konkolaattota hidhannoo 12,140, ​​ meeshaa waraanaa adda adda fi rookkeetiiwwan dabalatee hidhannoo guddaa kan qabduudha.

Humni Qilleensaa biyyattis xiyyaarota 194 kan qabu yoo ta'u, isaan keessaa xiyyaarota waraanaa, xiyyaara ergama addaa, xiyyaara geejjibaa waraanaa , xiyyaara leenjii fi helikooptaroota heddu qabdi.

Akkasumas Humni galaanaa Afrikaa Kibbaa dooniiwwan 47 kan qabu yoo ta'u, dooniiwwaan bishaan jalaa deeman muraasas qabdi.

Tilmaamni baajata Humna Waraanaa Biyyattiif ramadamuummoo naannoo doolaara biiliyoona 2.7 ta'a.

3. Naayijeeriyaa

Xiyyaarota Waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

Ga'uumsi waraanaa Naayijeeriyaa Afrikaarraa sadarkaa 3ffaa, addunyaa irratti ammoo sadarkaa 31ffaa irratti argama.

Biyyattiin daangaa ishee keessatti fincilaafi shororkeessummaa ittisuuf humna waraanaa isheef baajata guddaa ramaddii

Humni Waraanaa Naayijeeriyaa loltoota baay'ee akkasumas konkolaattota hidhannoo fi xiyyaarota of keessaa qaba.

Bara 2024tti Humni Qilleensaa Naayijeeriyaa qofti loltoota kuma 18, meeshaa ittisa qilleensaa 179 akka qabu gabaafameera, kanneen keessaa xiyyaarota 117, helikooptaroota 55 fi xiyyaarota nama maleessa (UAV) torba keessatti argamu.

2. Aljeeriyaa

Xiyyaarota Waraanaa aLJEERIYAA

Madda suuraa, Getty Images

Aljeeriyaan Afrikaan sadarkaa 2ffaa, addunyaa irratti ammoo sadarkaa 26ffaa irra jirti.

Humna waraanaa ishee galii boba'aa guddaa irraa argamuun kan deeggaramu yoo ta'u, kunis meeshaa waraanaa sadarkaa olaanaa argachuu fi humna leenjii gaarii qabu akka qabaattu ishee dandeessiseera.

Aljeeriyaan humna qilleensaa fi humna waraanaa lafoo cimaa nageenya daangaa fi hojii farra shororkeessummaa ittin eeggattu ittirratti xiyyeeffatti.

1. Masrii

Humna Waraanaa Masrii

Madda suuraa, Getty Images

Masriin Afrikaa keessaa biyya humna waraanaan of geesse ta'uun kan himamuuf yoo ta'u, addunyaa irraa sadarkaa 19ffaa irratti argamti

Humni Waraanaa Masrii dameelee gurguddoo akka Humna Galaanaa, Humna Qilleensaa fi Humnoota Ittisaa lafoo of keessa qaba.

Biyyattiin meeshaalee waraanaa fi bu'uuraalee misoomaa ishee fooyyessuuf baajata guddaa kan ramaddu yoo ta'u, taankii, xiyyaarota, fi dooniiwwan galaanaa hedduu qabdi.

Masriin gargaarsa waraanaa biyya alaa guddaa irraas fayyadamti, waggaatti doolaara biiliyoona 1.85 Ameerikaa irraa qofa kan argattu.

Ameerikaan Masriin akka naannawa tasgabeessituuf gargaarsa waggaa waggaan gara Masrii ergiti.

Waraanni biyyatti Baha Giddu Galeessaa fi Kaaba Afrikaa keessatti tasgabbii eeguu keessatti gahee olaanaa qaba.

Humni Waraanaa biyyatti, waraana Biyya keessaa Kaaba Yaman fi Waraana Masrii fi Liibiyaa dabalatee hirmaachuun seena qaba.

Masriin biyyoota muraasa Baha Giddu Galeessaa saatalaayitii basaasaa qaban keessaa ishee tokkodha.

Humni galaanaa Masrii doonii haleellaa saffisaa guddaa kan qabu yoo ta'u,humni qilleensaa biyyattis xiyyarota waraanaa ammayyaa qabaachuun maqaa qaba.

Akkaa ragaa Global Firepower'tti Masriin waggoota hedduudhaaf walitti aansitee ardii Afrikarraa sadarkaa tokkoffaa qabattee turteetti.Kunis ragaa Global Firepower irraa kan calaqqisu yoo ta'u, bara 2006 irraa eegalee waggaa waggaan humna waraanaa waraana biyyoolessaa sadarkaa kaa'aa ture.

Masriin waggoota hedduudhaaf ardii kana irratti sadarkaa tokkoffaa qabattee jirti, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa fi Itiyoophiyaan itti aanan,

Morookoo, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi Angoolaanfaanis biyyoota Afrikaa humna waraana olaana aijaarrataa jiran keessaatti akka argaman dhabbatichi erera.