Humni waraanaa Itoophiyaafi Masrii yeroo walbira qabamu

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan humna waraanaa faayidaa biyyaa kamuu kabachiisuu danda'uu fi biyyaaf waan yaaddoo tahuu kamiyyuu qolachuu danda'u ijaareera jette.
Dhiyeenya irra deddeebiin ibsa baasaa kan ture Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kan tahan qaama bishaanii lameen kabachiisuuf kan gahu humna akka qabdu ibsite.
Faayidaa biyyaalessaa Itophiyaan kaaste itti fayyadama bishaanii Hidha Haaromsaa fi Hulaa Gaalaanaa argachuuf gaaffii dhiyeesitedha.
Itoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee kamuu waraanaan nan kabachiisa jettee hin beektu. Garuu yaaddoo kan tahu jiraannaan humna waraanaa jabaa ijaaruu ibsite.
Masiriin tibbanumayyuu faayidaa bishaan ishee kabachiisuuf tarkaanfii kamiyyuu fudhachuu akka dandeessu ibsaa turte.
Tibbanas fooramii Aswaan taa'ame irratti waa'ee hulaa galaanaa bulchuu kaastee gaggeesitoota biyyoota adda addaa waliin mari'ateetti.
Somaaliyaa, Sudaanii fi biyyoota Arabaa irraa fooramicha irratti hirmaataniiru. Masiriin bulchiinsi Galaana Diimaa biyyoota karra ykn ulaa galaanatti bahu qofaan tahuu qaba jette.
Itoophiyaan ulaa galaanaa kan gaafatte yaaddoo nageenya biyyaalessaa dhufuu malu qolachuuf buufata waraanaa galaanarraa ijaaruu fi buufata doonii argachuufi.
Kun biyyoota akka Somaaliyaa, Eertiraa fi Masiriif yaaddoo taheera.
Humni waraanaa Masirii waggoota dheeraaf deeggarsa Ameerikaan ijaaramaa ture.
Bara 2024 keessas Masiriin xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ergiteen ‘’Masriin faayidaa ummatashee kabachiisuuf chaartara UN bu’uura gochuun tarkaanfii hunda fudhachuuf qophiidha,’’ jedha.
Barbaachi ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa kan walitti buuse yoo ta’u, eegasii Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne waliin michummaa cimsatteetti. Amma garuu hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa kan fooyya'e fakkaata.
Itoophiyaafi Masriin yeroo walbira qabaman

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Itoophiyaa waggoota muraasa darban waraana biyya keessaafi alaa keessatti qooda fudhateera.
Waggoota soddoma darban waraana Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas waggaa lama durammoo waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaateera.
Isaan ala waraanni Itoophiyaa biyyoota Afrikaa garagaraatti nagaa kabachiisuun qooda fudhateera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa lammiilee nagaafi qabeenyarra qofa osoo hin taane waraana Itoophiyaas hubuun isaa hin oolu.
Gama kaaniin walitti bu’iinsa hidhattoota waliin Naannoo Oromiyaa, Amaaraafi kaan keessattis qooda fudhachaa tureera.
Gama kaanin waraanni Masrii waggoota 40 darban waraana guddaadha jedhamu keessatti hin hirmaanne.
Ammoo biyyoota Lixaarraa deeggarsa waraanaa argataa ture.
Duulli waraanaa waraanni Masrii loltoota isaa kuma muraasa kan itti dhabe gammoojjii Sinaay keessatti gartuu Islaamik Isteet waliin lola seeneeni.
Waraana IS loltoota Masriirratti baneen bara 2013 eegalee loltoonniifi poolisoonni Masrii 3200 ta’an ajjeefamuu yeroo tokko Pirezidantiin Masrii dubbatanii turan.
Kanaan ala waraana guutuu keessa seene hinqabu.

Humna waraanaa biyyootaa gamaaggamuun sadarkaa kan kennu dhaabbanni ‘Global Fire Power’, bara 2024 keessatti baay’ina waraanaa hanga hidhannoo isaaniitti sakatta’uun sadarkaa kenneera.
Qorannoo humna waraanaa biyyoota 145 taasisu kanaaf qabxiilee 60 hordofa.
Madaalliin kuni kutaa waraanaa biyyoonni qaban, meeshaa waraanaa waraanni hidhate, bajata waggaa waraanaaf ramadamu, dhiheessii gahaafi yeroon gahuu isaa, qabeenya uumamaafi teessuma lafaa biyyoonni qabanis ilaalcha keessa galcha.
Akkaataa xiinxala ‘Global Fire Power’tti humni waraanaa Masrii Itoophiyaa fagootti caala.
Dhaabbati kuni biyyoota 145 keessaa Itoophiyaa 49ffaarraa yoo kaa’u, Masrii immoo 15ffaarra kaa’e.
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 54 keessaa sadarkaa 5ffaarra yoo teessu, kan dursaa jirtummoo Masriidha.
Waraanni Masrii baay’ina waraanaa humna qilleensaa, lafoofi galaanaan Itoophiyaa waliin yeroo madaalamu kan Masriitu baay’inaan caala jedha dhaabbati kuni.
Baay'ina waraanaa
Baay’inni ummataa Itoophiyaafi Masrii walitti dhihaatus, baay’ina waraanaan garuu garaagarummaa guddaatu biyyoota lamaan gidduu jira.
Akka dhaabbatni kuni jedhutti, Itoophiyaan waraana 162,000 qabdi. Masriin immoo waraana 440,000 qabdi jedha.
Kanaan ala Masriin humna eeggataa walakkaa miiliyoona gahu fi humna dafee dhaqqabu 300,000 qabdi jedha.
Dhaabbatni kuni garuu Itoophiyaan waraana eeggataafi dafee dhaqqabu hin qabdu jechuun ibse.
Dhimma kanarratti dhaabbata biraarraa odeeffannoon argame hin jiru. Itoophiyaa keessatti dhimma waraanaa odeeffannoo argachuunis ni rakkisa.
Humna qilleensaa, humna lafoo fi humna galaanaa
Masriin walumaa galatti xiyyaara waraanaa 1080 kan qabdu yoo ta'u, Itoophiyaan ammoo 91 qabdi.
Xiyyaarota waraanaa Masrii 1080 keessaa 238 jeettiwwan waraanaa lolaa oolani. Itoophiyaan jeettiwwan waraanaa 23 qabdi.
Lakkoofsa helikooptarootaa yoo ilaalle Masriin 338 yoo qabdi, Humni Qilleensaa Itoophiyaammoo helikooptaroota 31 qaba.
Xiyyaara fe’umsaa waraanaa, leenjii fi xiyyaara ergama addaatiif oolan Masriin Itoophiyaa caalaa qabdi.
Humna lafaa yoo ilaalle Masriin taankota 5,300 ol kan qabdu yoo ta’u, Itoophiyaan ammoo taankii 680 qabdi.
Itoophiyaan konkolaattota waraana sibiilaa 10,000 ol kan qabdu yoo ta’u ; Masriin konkolaattota sibiila uffatan 77,000 ol qabdi.
Gabaasa dhaabbata Fire power bara 2024 keessatti eeramuu baatus Itiyoophiyaan diroonii Turkii, Chaayinaa fi Iraan hojjatan xiqqaa hin taane qabdi.
Masriin gama isheetiin diroonii lolan kan qabdu yoo ta’u, guutummaan guutuutti biyya keessaa kan oomishamanidha.
Baha jiddugaleessaa fi Afrikaa keessatti humna galaanaa guddaa kan ijaarte Masriin dooniiwwan guddinaan wal caalanii fi fayidaa adda addaaf oolan 140 kan qabdu yoo ta’u, irra caalaan isaanii kan Ameerikaa, Faransaay, Jarmanii fi Xaaliyaanii tolchanidha.
Itoophiyaan ulaa galaanaa kan hin qabne yoo taatu, humna galaanaa ishee deebistee ijaaraa jirtu ibsamullee ammaatti doonii humna galaanaarraa waraanaaf oolu hin qabdu.
Humna Namaa, Faayinaansii fi Loojistikii
Humna namaa , faayinaansii fi loojistikii biyya tokkoo bu'aa waraana yeroo dheeraa keessatti gahee guddaa qaba.
Global Fire Power akka jedhutti, waantonni akka rasaasa, uffata dambii, meeshaalee jijjirraa oolan, qoricha, nyaataa fa’aa humni biyya keessatti oomishu murteessaadha jedha.
Gama kanaan Itoophiyaan humna namaa ummata miliyoona 10 Masrii caalaa qabdi.
Akka gabaasa kanaatti Itoophiyaan dandeettii waraanaatiin kan caaltu baay’ina humna namaa dirqamaaf hiiriru danda’u Masrii caalaa qabaachuudhaani.
Baasii waraanaa Masriin ramaddu kan Itoophiyaa dachaa hedduun caala.
Baajanni waggaa waraana Masrii doolaara biiliyoona 9.4 yoo ta’u, kan Itoophiyaa Doolaara miiliyoona 888 dha. Kanaanis, kan Masrii dachaa 10’n caalmaa qaba.
Bara 1980moota irraa eegalee fedhii Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessa qabdurratti qooda guddaa kan qabdu Masriin, gargaarsa dinagdee fi waraanaa gara doolaara biiliyoona 50 argattetti.
Haa ta'u malee, Itoophiyaa fi Masriin kallattiin wal- waraanuuf carraan jiru xiqqaadha.
Waldhabdeen al-kallattiin biyyoonni dandeettii waraanaa qaban hundatti akka fayyadaman hin dirqisiisu.
Kanarraa kan darbe, gabaasa Global Firepower keessatti eeramuu baatus, haleellaan qilleensaa daangaa qilleensaa biyyoota ollaa qaxxaamuru raawwatamu yoo jiraatef ammoo biyyoonni lamaan sirna ittisa haleellaa qilleensaa ammayyaa akka qabanitu himama.












