Dubartii Doonaald Tiraamp 'obboleessa isheetti heerumte' jechuun qeequ Ilhaan Omar eenyu?

Miseensa Koongireensii Ameerikaa Illaan Omar

Madda suuraa, Getty Images

''Ani Muslimaa fi dubartii gurraattiidha,'' jette Ilhaan Omar bara 2019. Kun ilaalcha addunyaa keessa akka galtu ishee taasiseera.

Dubartii jalqabaa hijaaba uffachuun Minesootaa bakka buute jedhamuunis hordoftoota amantaa Islaamaa biratti faarfamaa turte.

Seera Ameerikaa hijaaba uffachuun Kongireensii keessa taa'uu dhorku waggaa 139'f ture akka ka'u dubartii taasiftedha.

Akkasuma dubartii baqattuu jalqabaa Kongireensiif filamte tahuun galmoofte.

Ilhaan ija jabinaan dubbachuun beekamti. Hawwaasa Muslimaa fi baqattootaaf akkasumas biyya dhaloota ishee Somaaliyaaf dubbachuun beekamti.

Ijoollummaa isheetti fedhi siyaasaa ishee keessa bule. Akaakayyuun ishee wal gahii siyaasa adda addaa Minesootaa keessatti hirmaachuuf yeroo deeman waliin deemuun afaan hiikaafii akka turte ragaaleen himu.

Ilhaan Omar umurii waggaa 12'n erga maatii ishee waliin bara 1995 Ameerikaa galtee umurii ishee waggaa 17'n ture bara 2000 lammummaa biyyichaa kan argatte.

Erga barnoota sadarkaa lammaffaa bara 2001 xumurtee jaalallee ishee yeroo dheeraa Ahimed Abdisalan Hirsiitti heerumte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Cidhi isaanii akka amantaa islaamaatti gaggeeffame. Mucaa durbaa jalqabaa Israa Hirsii jedhamtu bara 2003 deesse. Bara sana barnoota waggaa lamaa Akkaawontiingiin barachuuf galmooftee xumuruu hin dandeenye.

Kunis dahumsa waliin wal qabateeti. Bara 2005 ammoo barnoota 'Biizinas administireshiniin' xumurte. Baruma sana ammoo ilma isee Adnaan Hirsii jedhamu deesse.

Haa tahu malee, bara 2008 abbaa warraa ishee waliin wal hiikan. Isa booda bara 2009 Ahmed Nur Said Elmi kan jedhamu waliin wal fuudhan. Odeeffannoon tokko tokko akka agarsiisutti Ahmed Nur Said Elmi Somaalee lammii Biriteen tahedha.

Garuu yeroo Ilhaan waliin wal fuudhan Ameerikaa galeera. Tiraamp Ilhaan Omaar lammummaa akka argataniif jecha obboleessa isheetti heerumte jedhee kan dubbatus kana tahuu himama.

Garuu isa waliin ragaan firas tahe obboleessa ishee tahuu agarsiisu homtuu hin argamne.

Dabalataan Ilhaan erga Ahmed Nur Said Elmi irraa bara 2017 adda baatees bara 2018 abbaa warraa ishee duraaniitti deebi'uun mucaa sadaffaa argataniiru. Garuu osoo hin turiin ammas bara 2019 adda bahan.

Bara 2020 ammoo gorsaa dhimma siyaasaa kan tahe Tiim Miineet jedhamutti heerumte.

Amma walumaan jiru. Ilhaan haati ijoollee sadii haala gaa'ilaa kana keessa darbuun Tiraampiin qeeqamti.

Ilhaan Omar eenyu?

Aadde Ilhaan Omaar maatii isheef mucaa quxisuudha. Ilhaan bara 1981 Somaaliyaa magaalaa Mooqaadiishootti dhalatte.

Harmeen ishee yeroo isheen daa'ima waggaa lamaa turte irraa duute.

Abbaa fi akaakayyuu isheetu ishee guddise. Waraana Walii Waliinii Somaaliyaa keessa yeroo sana tureen maatiin ishee baqatanii Keeniyaa kaampii baqattootaa galan.

Ilhaanii fi maatiin ishee waggaa afur kan tahuuf kaampii baqattootaa Keeniyaa keessa erga turanii bara 1995 maatii guutuu waliin Ameerikaa galan.

Yeroo sana umuriin ishee waggaa 12 ture. Yeroo sana afaan Ingiliffaayyuu dubbachuu kan hin dandeenye Illaan Ameerikaatti barachuun dubartii dhiibbaa uumtu taate.

Ilhaan Ameerikaatti Barnoota Sadarkaa Lammaffaa kan hordofte M/B Edisan jedhamutti ture.

Isaan booda Yuunvarsiitii Yuunvarsiitii Mootummaa Kaaba Daakootaatti Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa baratte.

Isaan booda barnoota irratti hjjechaa turte. Siyaasa tokko jettee kan jalqabde ammoo duula mana maree magaalaa Miniyapoliisiif gaggeessuu yeroo eegaltedha.

Namoota siyaasaa Minesootaaf gorsituu dhimma imaammataa tahuun hojjechaa turte.

Bara 2016 ammoo filannoo gaggeeffame irratti taa'uma mana maree argatte. Bara 2017 keessa BBCtti akka dubbatetti, dargaggoota ilaalchakoo, kaayyoon ani dhaabadheefitti amananii na jajjabeessantu akka dorgomu na taasise jette.

Ilhaan Omar namoota dargaggummaan dhiyeenya siyaasa Ameerikaatti makamuun ilaalcha siyaasaa addaa qabatanii dhiyaatan jedhaman keessaa tokko.

Jaarrolee fi dubartoonni hedduun osoon callisee taa'e barbaadu ture. Kanuma na gorsan jetti Illaan.

Ilhaan Omar dubartii siyaasa Ameerikaa keessatti wantoota dubartii jalqaba ishee taasisan baay'ee qabdi.

Inni jalqabaa dhalattuu Somaaliyaa Ameerikaatti Kongireensiitti filamtedha. Inni biraan dubartii jalqabaa Afrikaa dhalattee yeroo jalqabaaf miseensa Koongiraansii Ameerikaa taatedha.

Inni sadaffaan ammoo dubartii musiliimaa lama Kongiresnii Ameerikaatti filaman keessaa ishee tokkodha.

Ilhaan Omar haadha ijoollee sadiiti. Maatii isheef ammoo ijoollee torba keessaa mucaa ishee dhumaati.

Ilhaan OmarTiraampiin qofa osoo hin taane namoota siyaasaa Ameerika heduun qeeqamaa turte.

Yeroo jalqabaaf miseensa Koongireensii tahuun yeroo filamte Venezuweelaatti Ergamaa Addaa US yeroo sanaa waliin walitti bu'uun miiidiyaa hawwaasaa irratti ajandaa taateetti.

Tiraamp maaliif irra deddeebiin Ilhaan Omar morma?

Tiraamp Ilhaan Omaariin qeequu kan jalqabe amma miti. Yeroo jalqaba mana Maree Minesootaaf filamte bara 2016 keessadha.

Naansii Peelosii dabalatee kaanis ilaalcha ishee Israa'eliif qabduun qeeqaniiru.

Ilhaan Omaar erga bara 2019 as miseensa Koongiraansii Ameerikaa tahuun tajaajilaa jirti. Paartii Dimokiraatotaa irraa kan taate Illaan Omaar Tiraampiin qeequun beekamti.

Qeeqni Ilhaan Omaar irratti ka'aa ture biraan ammoo jibba warra Semetik qabdi kan jedhudha.

Siyaasa Ameerikaa keessatti musiliimonni bakka hedduu qabatanii hin beekan. Ilhaanis dubartii Musiliimaa jalqabaa Kongireensiitti filamtedha.

Kanaafidha barana Tiraamp kantiibaa magaalaa Niw Yoork tahuun kan filame Mamdan Zoohraniis kan morman.

Doonaald Tiraamp, Illaan Omaarii fi hawwaasa Somaaliyaa Ameerikaa jiraatanii fi akkasuma Somaaliyaa akka biyyaatti arrabasan.

''Ilhaan obboleessa isheetti heerumteeti sobaan Ameerikaa kan dhufte. Yaadaa osoon ani obboleettiikoo bareedduu kana fuudhee balaa narra gahuu malu'' jechuun Ilhaaniin irra deddeebiin qeeqan.

Ilhaan Omaar deebii yoo kennitu ''Haasaan jibbinsaa pirezidaantichi dubbati akak hawwaasni isa dhaggeeffatu tarkaanfii hin taane fudhatu taasisa,'' jette.

Tiraamp hawwaasa Somaalee Minesootaa jiraatan ''kosii'' jechuun waaman.

Tiraamp ''biyya isaanii ilaalaa, biyyi isaanii biyya akkamii yartuu akka taate ilaalaa. Inumaayyuu biyya hin jedhamu.

Uummatumatu asii fi achi deemuun wal ajjeesa, Poolisii hin qaban. Heera mootummaa fi paarlaamaa hin qaban,'' jechuun arrabsan.

Itti dabaluun ilaalaa, doolaara biliyoona meeqa gowwoomsaatiin akka biyya keenyaarraa fudhatan jechuun hawwaasa Somaaliyaa himatan.

Tiraamp haasaa kanaan hin dhaabne. Iyyata baqattummaa ykn immigireeshinii Somaaliyaa dabalatee biyyoota 18 irraa US galuuf dhiyaatu kamuu akka hin fudhanne murteessan.

Uummanni Somaaliyaa gara 100,000tti dhiyaatan Minesootaa jiraatan tarkaanfii amma Tiraamp akka fudhataniif ajajaniif saaxilamaa jiraachuu himameera.

Bulchaan Minesotaa Tiim Waalz mootummaan federaalaa qunnamtii fi beekamtii keenya malee tarkaanfiin lammiilee biyyattii irratti fudhataa jiru fudhatama hin qabu jedhan.

Ilhaan Omaris CBS irratti dhiyaachuun hawwaasa Minesootaaf falmaa turte.

Kantiibaan magaalaa Minesootaa Jaakob Fireey paarkiingii ykn dhaabbii konkolaataa fi gaaraajii humna oppireeshinii baqattoota irratti raawwachuuf federaala fi naannoo irraa dhufaniif dhorkaniiru.

''Warri inni kosii jedhee waamu kunneen lammiilee Ameerikaati'' jedhe.

Ilhaan Omar deebii yeroo kennitu, dubbii hamaan akka kanaa namummaa gadi xiqqeesu balaa guddaa qaba jette.

Tiraamp arrabso qofaan hin dhaabne. Somaalonni Ameerikaa keessa jiraatan gara biyya isaaniitti ergamuu qabu jedhan.

Ilhaan Omar yeroo marsaa jalqabaa Tiraamp akka aangoo irraa kaafamuuf himatamaa ture warra adda durummaan isa irratti ka'anii fi isa morman keessaati.