'Bakkan hojjedhutti gaafa namni naaf gaddu imimmaantu narra bahuu gaha'

Aagee Yaadachuu Yuunvarsiitii Dambi Doolloo irraa eebbifamuun Buraayyuutti kophee qulqulleessaa jirti.

Madda suuraa, Aagee Yaadachuu

Aagee Yaadachuu jedhamti. Godina Wallagga Lixaa aanaa Boojjii Coqorsaatti dhalattee guddatte. Barnootasheen Yunvarsiitii Dambidoolloo Irraa bara 2016 digirii jalqabaan eebbifamte.

Shamarreen kuni amma ogummaa barattee ittiin eebbifamte kanaan alatti magaala Buraayyuu iddoo Kattaa jedhamutti hojii kophee qulqulleessuu (Listiroo) hojjechuurratti argamti.

Aageen seenaashee fi maatiishee, dhimma hojii listiroo amma hojjechaa jirtuu fi mudannoosheerratti BBC waliin turii taasifteetti. itti dhihaadhaa.

BBC- Hojii Lestiroo kana akkamiin eegaluuf murteessite?

Aagee- Ijoollummaarraa kaasee hojii kamiyyuu nan hojjedhan ture. Haatikoo baayyee cimtuudha. Hojii isheerrattan bare. Isheen hojii daldalaa hojjetti. Anis ishee faana hojjechaan ture.

Ergan yunvarsiitii irraa eebbifamee gara Finfinnee dhufee hojii argachuuf yaaleen ture. Garuu hojii argachuu hin dandeenye. Eegasiin maalifan hojuma ta'e hojjedhee of hin danda'u jedheen yaade.

Hojiin ani hojjechuuf murteessemmoo hojii lestirooti. Hojii osoo hin tuffanne gadi ofqabee hojjechuun qaba jedheen murteeffadhe. Ergan hojii kana jalqabee amma ji'a afuri.

BBC- Hoijii Lestiroo kana dura muxannoo qabda turee?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aagee- Muuxannoosaa hin qabu. Ijoolluma biratti ilaaleen bare. Mucaa Lestiroo hojjetu tokkon meeshaa maal maaltu akka nabarbaachisu gaafadhe. Eessaa akkan argadhu waliin natti hime.

Eegasii baasii birrii kuma sadii hin caalleen waan hojii kana jalqabuuf nabarbaachisu hunda Markaatoodhaa bitadheen jalqabe.

Guyyaa jalqabaa sana kophee yoo qulqulleessan hidhaansaa akka irraa baafamu hin beekun ture. Calliseeman akkuma jirutti qulqulleessa. Maamilootni tokko tokko natti kolfan. Kaanimmoo akkanatti miti akkana godhama jedhanii kan nagorsanis turaniiru.

BBC- Guyyaa jalqabaaf Lestiroo hojjechuuf baate miira akkamii sitti dhagahame?

Aagee- Dhugaa dubbachuuf guyyaan yeroo jalqabaaf meeshaa lestiroo kiyya qabadhee hojiif bahe miira ulfaataatu natti dhagahamee ture. Shamarra taatee gaafa hojii akkanaa hojjechuuf karaatti baatu namni baayyeen siif gadda.

Animmoo gaafa namootni akkas, akkas jedhanii naaf gaddan nattin tolu ture. Gaafa namni waa'eekoo yaadee naaf gaddu imimmaantu narra bahuuf gaha ture. Garuu san hundumaa dandamadheen amma miirri sodas badee ofitti amanamummaan hojjechaan jira.

Guyyaa jalqabaa sana namootni bakka hojiikoo kanatti na argan kaan ' Nisobda malee dhuguma hojii kana hojjettaa' kan naan jedhanfaatu ture. Kaanimmoo 'hojiin kuni siif hin malu' naan jedhu.

Animmoo hojiin hin tuffatamu ani itti yaadee sammuukoo amansiiseen jalqabe jedhaaniin ture. Karaa biraammoo namootni 'jabaadhu' jedhanii na jajjabeessanis jiru.

BBC- Maatiinkee hojii lestiroo jalqabuukee yoo dhagahan maal jedhan?

Aagee- Tibban dura jalqabe itti hin himne dhokseen ture. Abbaankoo gaafa dhagahe xiqqoo itti hin tolle ture. Haatikoommoo duriyyuu 'Leestirooyuu haa ta'u hojii hojjechuu qabdu nuun jechaa nuguddiste' waan ta'eef isheen homaan jenne. Jabaadhu naan jetti.

Abbaankoos erga Haatikoo hojjechuu qabdi, hojii tuffachuun hin barbacahisu jettee amansiistee homaa naan hin jedhu. Amma hundumti maatii baraniiru najajjabeessaa jiru.

Maatiin kamiyyuu ijoolleesaa gaafa barsiisu hojii argatee ji'a ji'aan mindaa nama argatu akka ta'u barbaada. Garuummoo qaxaramanii hojjechuurra hojii ofii uummatanii hojjechuun irra wayyaadha.

BBC- Ammarra taatee hojii mootummaa qacaramuumoo isa amma hojjettu wayya jettee yaadda?

Aagee-Hojii lestiroo kana namni ilaalcha gadi aantummaatin ilaala. Garuu ilaalcha malee hojiin kamuu hin tuffatamu. Hojii lestiroo Kanaan eegalanii sadarkaa guddaa namoonni gahan jiru.

Hojiin kuni hojii gaariidha. Hojii kana hojjedhee ji'aan walitti qabadhee baasii nabarbaachisu keessaa baasee ofdanda'ee jiraadhee irraas nan qusadha. Ji'atti kanin qusadhuyyuu hamma mindaa namni qaxaramaan tokko hojjetee argatu nitaha jedheen yaada.

Osoon yeroon hojii mootummaa barbaadu sana argadheera ta'ee baayyee akkan rakkachuu danda'utu natti dhagahama. Dura hojii mootummaa baayyee barbaadaan ture. Bakkan amma hojjedhu kanattis namootni 'bakka akkanaatti qacaramuu barbaaddaa?' jedhanii nadubbisan jiru.

Ani Garuu amma waliigala fedhiin qacaramanii hojjechuu nakeessaa badeera. Amma dubartoonni diddibatanii bareedanii boorsaa qabatanii bahan kan nabiraalleen dhufanii nadubbisan jiru. 'Galiinkoo hammana, baasiinkoo hangana. Homaa qusannaa hin qabu' jedhanii natti himu.

Yeroo isaan akkasittiin uffatanii bareedanii deeman ofiikoo yaadeen miirri wayii natti dhagahama ture. Amma miira akkasii hin qabu. Hojii kana keessattan hafa osoo hin taane nan darbee deema jedheen amana.

BBC- Karoorrikee gara fuuladuraa maali?

Aagee- Hojii kana amma ganama sa'aatii tokkoo hanga galgala sa'aatii 12ttin hojjedha. Hojii kiyyammoo baayyee gammachuudhaanin hojjechaa jira.

Hojii kana jabaadhee hojjedhee hangan danda'e qusadhee sadarkaa kan biraatti nan darba. Boru nama guddaa akkan ta'u nan amana. Fuuladuraatti dhaabbata mataa kiyyaa nan qabaadha jedheen amana.

Bakkan yaadu sana gahuufimmoo hojii xiqqoodha jedhee tuffachuu hin qabu kanumaan eegalanii namni bakka guddaa gahe hedduudha.

Akka yaada kiyyaatti asirraa ka'ee kaaffee xiqqaa wayii banachuun yaada. Isumarraan ammoo guddachaa deemee dhaabbata guddaa tokko nan qabaadha jedheen mul'ata qaba.