Dubartii Oromoo nyaata aadaatiin jalqabanii amma biliyeenara ta'an

Maqaan isaanii Roomaan Fiqaaduu Mokonnin jedhamu. Dhalatanii kan guddatan Godina Wallagga Lixaa magaala Gimbiitti.
Abbaan ishee Obbo Fiqaaduun Magaala Gimbiitti daldalaa Bunaa turan. Ijoollummaa irraa hojii daldalaa abbaa isaaniirraa hubataa kan Guddatan Aadde Roomaan, hojii xiqqaan eegalanii amma haadha qabeenyaa kaampaanii hedduu akkamiin akka ta'an muxannoo isaanii BBCf qoodaniiru.
Mana nyaata aadaa
Aadde Roomaan addunyaa daldalaa tokko jedhanii kan eegalan nyaata aadaa hojjechuuni.
"Fedhiinkoo hojuma daldalaa hojjechuu ture. Buraayyuutti mana nyaata aadaa 'Waan ofii' jedhamun bane. Xiqqoo hojjedheen damee lammaffaa Gimbiitti bane. Nyaata aadaa hojjechuu, aadaakoo mul'isuu baayyeen jaaladha" jedhu.
Manni nyaataa iddoo lamaanii maamila gaarii horatee sochiirra osoo jiran yaanni maamilli mana nyaata isaanii dhufan guyyaa tokko isaanitti kaasan garuu kallattii jireenya isaanii jijjiiruuf bu'uura ta'e.
"Maamiltoota kiyya tokkotu utuu Gimbiitti mana nyaataa kiyyaa nyaatanii yaada tokko natti kaasan. Beenishaangul Gumuz deemtee investimantii qonnaa maaf hin jalqabdu naan jedhan. Yeroo sana ani daheen ture" jedhu.
Hojiin inveestimantii qonnaa naannoo Beenishaangul Gumuz kuni qalbii isaanii waan hawwateef hojicha jalqabuuf daa'ima ji'a sadii dhiisanii gara Beenishaangulitti qajeelan.
"Barri isaa ALI 2006. Deemeen adeemsa inveestimantii kana jalqabe. Naaf mirkanaa'ee lafti qonnaa Hektaarri 428 naaf kenname. Isarratti baricha omisha adda addaa akka gaarittan qote" jedhan.
Aadde Roomaan Gaafa hojii kanaaf naannicha deeman waa'ee naannichaa fi hojiisaas muuxannoo hin qaban ture. Garuu 'hojii kanatti milkaa'uu akkan danda'u amaneen ture' jedhan.
Waggaa isaatti inveestaroota naannichatti qonnarratti bobba'an 600 caalan keessaa omishaan sadarkaa 2ffaa bahanii mootummaa naannichaarraa badhaasa argachuus himu.
"Bara sana hojjetaan akka garaatti jira. Sirrimatti qonne. Saliixa, boobee, atara, mishingaa fi barbaree qonne. Waaqayyo waggumasaatti namilkeesse" jedhan.
Hojiin qonnaa kuni milkaa'ina kan qabu ta'ulleen qorumsa kan hin qabne garuu hin turre jedhu Aadde Roomaan.
"Gaafan lafa bakka naaf kenname fudhachuuf deemu namoota 18 keessaa dubartiin ana qofaa ture. Sanuu reefun dahee ka'e. Bofatu as jira jedhu. Sooda qabaadhus garuu akkan milkaa'u beeka. 'Maali kun dubartiin akkasii naan jedhu' ture" jedhan.
Haadha Kaampaanii hedduu ta'eera
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Roomaan daldalli mana nyaata aadaa Buraayyuutti bananiin eegalan amma kaampaanii hedduutti guddateera.
Lafti hojii isaaniis Buraayyuu fi Gimbiirraa gara Beenishaangul, Arbaaminc, Hawaasaa, Finfinnee fi Bishooftuutti diriireera.
Isaniif naannoon Beenishaangul Gumuz garuu hidhata addaa qabu. Inveestimantiin isaanii irra hedduun ammayyuu naannicha keessa socho'a.
"Beenishaangul Bakka dhalootakootiin adda baasee hin ilaalu. Baayyeen jaaladha. Ofitti naqaban. Akka maatiitti waliin jiraanna.Inveestimantii kiyya akka qabeenya isaaniitti eegu. Waan akkanaan rakkadhe yoon jedhe oggasuma naaf furu. Najajjabeessu" jedhu.
Hojii inveestimantii qonnaan eegalan dabalata inveestimantii Dhakaa Cilee baasuu, bakka hedduudhaas inveestimantii warqee baasuu, magaala Guddoo naannichaa keessattis warshaa zayitaa guddaa ijaaranii eebbisaniiru.
"Dhagaa cilee biyya keessaa yeroo jalqabaaf warshaa simintoo Mugariif anatu dhiheesse. Isa hojjechaanimmoo warqee baasuu iddoo gurguddaan qaba akkuma biyyaattuu. Waggaa darbemmoo warshaa zayitaa guyyaatti litira kuma 20 omishu ijaarera" jedhan.
Hojiiwwan olitti eeramaniin alatti warshaa bishaanii, hojii ijaarsaa adda addaa, inveestimantii hoteelaa irrattis hojjechuurratti argamu.
Magaala Itti dhalatan Gimbiittis Hoteela Abbaa Urjii afurii ijaarsaf adeemsarra jiru.
Waggaa tokkotti Birrii Miliyoona 30 caalu tola ooltummaaf
Dubartiin Oromoo kuni tattaaffii waggoota 13 keessatti godhaniin daldala xiqqaa irraa ka'uun amma Biliyeenaraa fi haadha dhaabbilee hedduu ta'an. Hojjettoota 300 caalanis qacaranii hojjechiisaa jiru.
Tibbana ammoo Hojii tola ooltummaa magaala Finfinnee keessatti waggaa tokko darbetti godhaniin Kantiibaa magaaal Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee irraa badhaasa argataniiru.
"Hojiin kiyya gara caalu Beenishaangulii fi naannolee biraa keessa malee ergan Finfinnee keessatti hojjechuu jalqabee reefu waggaa tokko. Ergan Finfinnee kanatti hojii jalqabee waan Kantiibaan kun hojjetan, jijjiirama isaan fiduuf dhama'an nan laala"
"Kanaaf hojii isaanii kana gargaaruun qaba jedheen yaade. Ijoollee karaarra jiraatan bakka gochuufii, Dubartoota hoji dhabeeyyiif carraa hojii uumuu, mana manguddootaa ijaaruuf waliigala waggaa tokkotti birrii miliyoona 30 gargaarsa kanaaf oolche" jedhan.

'Nyaata aadaa irratti sirritti hojjechuun yaada'
Hojii inveestimantii hoteela gurguddaa Magaalota bishooftuu, Gimbii fi Finfinneetti hojjechuuf jalqaban keessatti nyaata aadaa Oromoo haalan beeksisuun xiyyeeffannaa isaanii ta'uu himu.
"Nyaata aadaakoo baayyeen jaaladha. Ogummaa isaas sirrittan qaba. Barkumee irratti sagantaawwan turan irratti hunda kan dhiheesse ana. Miidiyaalee irratti yeroo sana nyaata aadaa dhihaatu hunda anatu hojjeta ture"
"Amma Hoteelota gurguddoon banuuf jedhu kana keessattis nyaanni aadaakoo bakka guddaa qabaatu. Sirritti irratti hojjechuun barbaada. Eessayyuu osoon gahee aadaakoo gatuu hin barbaadu" jedhan.
Muxannoo isaaniirraa Dubartiin jajjabaattee ofitti amanamummaan hojii hojjechuu qabdi jechuun dhaamu.
"Dubartiin lafa yaadde gahuuf wanti fedheyyuu ishee daangessuu hin qabu. Qormaanni hin dhibu. Qormaanni booddeetti harkisuunii hin qabu. Abdii qabaachuu qabdi. Hojii xiqqoon har'a eegalte boru guddachuun danda'a jedhanii mul'ata kaa'atte ilaalaa deemuu qabdi" jedhan.
Karoora Fuula duraa
Aadde Roomaan milkaa'ina hanga ammaa dhaqabaniif 'Gargaarsa waaqayyooti' jechuun ibsu. Isaan alatti deeggarsi Abbaa Warraa isaanii fi maatii kaanii qoodni qabu guddaa ta'uu himu.
"Dubartiin Oromoo hojii gurguddaa hojjetee asbahaa jiru baayyee miti. Animmoo sadarkaa dubartii daldalaan beekamtuu taate tokko geesse jedhamu gahuufin hawwii qaba. Biyyakootifii uummata kootif bu'aa guddaa fiduun yaada" jedhan.
Keessumaa dargaggootaa hojii hin qabneef carraa hojii uumuun akeeka isaanii ijoo ta'uu dubbatan.












