Yewubdaar Li'ul: Shamarree tiyaatiraan eenyummaa Oromoo beeksisuuf hojjechaa jirtu

Madda suuraa, Yewubdar Li'ul
Yewubdaar Li'ul magaala Walisootti dhalattee, Guddinnii fi barnootnisheemmoo Magaala Sabbataatti.
Manneen barnootaa keessatti hirmaannaan hojiilee aartii keessatti taasiste fedhiin tiyaatiraa ijoollummaarraa akka ishee keessatti uumame dubbatti.
"Mana barumsaatti hojiilee aartii akka diraamaa irratti hirmaannaa gochaan ture. Hammuman guddachaa deemu fedhiinkoo garuma kanatti hafe. Gaafan Yunvarsiitii seenus filannoonkoo Tiyaatira ture"jetti.
Yewubdaar Yunvarsiitii Finfinnee irraa ogummaa tiyaatiraan Digirii jalqabaa, digirii lammaffaa ammoo Soosholojiin eebbifamte.
Erga ogummaa tiyaatiraan eebbifamtee Hojiiwwan aartii tiyaatiraa, diraamaa fi kitaabota barreessuu hedduu hojjechuus himti.
"Kitaabota lama bu'uurawwan tiyaatiraa fi Waadaa jedhaman barreessee gabaarra oolcheen jira. Diraamaa DSTV irratti darbaa ture Waadaa jedhamus barreessuu fi gargaartuu daayirektaraa ta'een hojjedhe"
"Fiilmii Afaan Oromoo 'Finnaaf' jedhurrattis gargaartuu daayirektaraa ta'ee hojjedheera. Amma ammoo Tiyaatira Afaan Oromoo 'Saddeeta' jedhu barreesseera" jetti.
Tiyaatira Saddeetaa
Tiyaatiri Afaan Oromoo Yewubdaar Barreessite 'Saddeeta' jedhu dhaabbanni bulchiinsa manneen Tiyaatiraa magaala Finfinnee karaa sadarkaa isaa eeggateen hojjechuun bara 2018 daawwattootaaf dhiheessuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saddeetni Tiyaatira Afaan Oromoo Yewubdaariin barreeffamee, Yidneqaachoo Warquu ammoo qopheessummaan hojjetu yoo ta'u, bara 2018 kanatti galma Tiyaatira Hagar Fiqiritti daawwattootaaf dhihaata.
"Xiyeeffannaa Mootummaa irraa dhufeen tiyaatiraa fi aadaa guddisuuf hojiiwwan daawwattoota hedduu qabu jedhaman keessaa tokko kan Afaan Oromooti. Kanaaf carraansaa nuuf kennamee ani barreessee waliigaltee gooneerra"jetti.
Tiyaatirri Saddeetaa hojiiwwan aartii, eenyummaa aadaa fi bulchiinsa sirna Gadaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu himti barreesituun kun.
"Sirna Gadaa keessatti fi hawaasa Oromoo biratti shoora dubartoonni qaban, bakka isaan qaban, kabajaa fi ulfina Hawaasni Oromoo dubartootaaf kennu irratti xiyyeeffata. Dubartoota jajjabeessuu, aadaa keenya beeksisuu fi kabajuu irratti xiyyeeffannaa kan godhe" jetti.
Tiyaatirri Hayilee Fidaa barreessan kan bara 1963 galma Tiyaatira Finfinneetti dhihaate Tiyaatira jalqabaa Afaan Oromootin dhihaaye ta'uutu himama. Eegasiis Tiyaatiroonni Afaan Oromoo lakkoofsaan muraasa ta'anis Galma Tiyaatira Hagar Fiqiritti dhihaachaa turaniiru.
Tiyaatira hojiiwwan aartii biroorraa wanti adda godhu hojiin isaa achuma daawwattoota duratti kallattiin kan hojjetamu waan ta'eef ofeeggannoo fi xiyyeeffannaa guddaa kan gaafatudha.
Tiyaatirri ayyaana guddaa qaba
Akka Yewubdaar jettutti,hojiiwwan aartii keessaa tiyaatirri ayyaana akka dhiistee deemuu hin dandeenye nama godhu qaba .
"Xiyyeeffannaa damee kanaaf kenname yoo laaltu, guddinasaa yoo laaltu waan ogummaa kana keessa nama tursiisu miti. Garuummoo Tiyaatirri ayyaana Guddaa qaba. Takkaa jaalattee jalqabdee jennaan ayyaana akka dhiistee deemuu hin dandeenye sigodhu qaba" jechuun ibsiti.
Kanaaf jechas hanga dhumaatti Ogummaa Tiyaatiraa kana keessaa bahuu akka hin barbaannee fi ogummaa Kanaan hawaasa Oromootiif gahee tokko gumaachee darbuun barbaada jechuun ibsiti.
"Digiriikoo lammataa gaafan sosholojii baradhus tiyaatiruma kanaaf akka nagargaarufi.Bu'aa bahii tiyaatirri Oromoo qabu kana darbee boru hawaasa kootif shoora mataakoo gumaachee darbuun barbaada. Ogummaan isaan ala jiraachuu hin barbaannedha" jetti.
Fakkeenyikoo Tsegaayee G/Madihini
Yewubdaar ogummaa Tiyaatiraa Kanaan eenyummaa oromoo sadarkaa adunyaatti beeksisuu, saba akkamii akka ta'e, duudhaa akkamii akka qabu haalan akka hubatamu gochuu akeekti.
"Fakkeenya guddaa kan naaf ta'e ogeessa fi barreessaa baayyee jaalannu Tsagaayee G/ Madini. Akka isaanii afaan garagaraatiin hojjechuun gaheekoo bahuun barbaada. Hojiiwwan gurguddoo seena qabeessa ta'anii fi dhaloota dhufuuf ta'u hojjedhee darbuun barbada" jetti.
Tiyaatira ishee lammaffaa kan ta'e 'Saddeeta' galma Tiyaatiraa Hagar Fiqiritti ilaalamuf gahuunis galma qabatte kanaaf tarkaanfii tokkoo fi abjuushee karaa jalqabuu waan agarsiisu ta'uu himti.
Dubartiin Gaafa Hojettu biyyi socho'aa jirti

Madda suuraa, Yewuubdaar
Yewubdaar, guddina biyyaatiif damee kamiinuu hirmaannaan dubartootaa haalan murteessaa ta'uu himti. Kanaafis jechama 'Gaafa Dubartoonni hojiira jiran biyyi socho'aa jirti jechuudha' jedhuun ibsiti.
Humni addaa dubartoota keessa jira jedheen amana kan jettu barreessituun kun, dubartoonni kennaa addaa xiyyeeffannaa kennuu waan qabaniif, ogummaa xiyyeeffannaa addaa barbaadu aartii keessattis dammaqinaan hirmaachuu qabu jechuun dhaamti.
"Kallattii garagraatiin dubartoonni keenya humna keenya agarsiisuu qabna. Dandeettii keessan baraa. Ofis argadhaan jedha. Isin hojjennaan biyyis hojjechaa jirti" jedheen dhaamaf jetti.












