Dubartii Itoophiyaatti 'yeroo jalqabaaf' ji'ooloojiin PhD baratte Dr Baksaa Amantee eenyu?

Madda suuraa, Dr Baksaa Amantee
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
Dr Baksaa Amantee jedhamti. Barnoota muummee ji'ooloojiin [Sedimentology] Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf dubartii PhD argattedha.
Qofaa ishee barnoota PhD barachuun kan xumurte Dr Baksaa Amantee, yeroo digirii lammaffaa muummeedhuma ji'oolojii kanaan Yuunvarsiitii Finfinneetti barattes nama lama qofa tahuun akka baratanii xumuran BBCtti himte.
Dr Baksaa Amantee Kumsaa eenyu? Eessaa kaatee damee barnoota dubartoonni hedduun hin baranne kanaan milkaa'uu dandeesse?
Tibbana waraqaa qorannoo ishee yeroo dhiyeessitu dubbii ijoo miidiyaa hawwaasaa kan turte Dr Baksaa Amantee kophaa ishee barattee barnoota PhD Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii Finfinnee irraa xumuruu himte.
Mummee ji'ooloojiidhaan dubartii yeroo jalqabaaf PhD fudhatte tahuu BBCtti himte.
Muummee kanaan PhD yeroo xumurtu dubartootaaf qofa osoo hin taane dhiiraafis tahe dhalaaf nama jalqabaa tahuu himteetti.
Yeroo kana jennu Itoophiyaa keessatti barachuun jechuuf malee namoonni biyya alaa deemuun baratanii xumuran jiru.
Barsiisonni ishees tahan namoonni muummee Ji'ooloojiidhaan hanga PhD baratan biyya alaatti akka baratan kan himtu Dr Baksaa Amantee, yeroo digirii lammaffaa ishee barattus nama lama qofa tahanii baratanii akka xumuran himte.
Dubartummaa fi ji'ooloojii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'ooloojiin qalbii Dr Baksaa keessa kan seene ijoollummaatiin akka tahe himti.
Barattuu cimtuu kan turte Dr Baksaan, abbaan ishee Obbo Amanteen waajjira Albuudaa keessa waan hojjetaa turaniif waa'ee albuudaa irra deddeebiin akka isaan irraa dhagahaa guddatte himti.
Booda isheenis faana abbaa ishee hordofuun muummee ji'ooloojii galuun qabeenya lafa jala jiru qorachuufi barachuuf akka fedhi godhatte himti.
''Yeroon sadarkaa lammaffaa baradhu abbaankoo waajjira albuudaa fi inarjii keessa waan hojjetaa tureef waa'ee qabeenya uumamaa naannicha [Wallagga] keessa jiruu nan dhagaha ture.
Garuu ofiikoo muummee kana gala jedhee hin yaadne ture. Garuu kutaa 12 yeroo xumurree saayinsii uumamaa waan baradheef muummee kana galuu qaba jedheen murteesse. Abbaankoos akkan baradhu barbaada ture.
Ergan muummee kana seenee baay'eeman jaaladhe'' jette Dr Baksaan.
''Yeroo baay'ee gara waajjira isaa nan deema ture. Dhagaa adda addaa, albuudota nan arga ture. Yeroo sana waa'een qabeenya uumamaa qorachuu fi barachuu qalbii koo keessa galuu jalqabe. Kanaan anis muummee kana galuun qaba jedheen murteesse'' jette.
Qormaata seensa yuunvarsiitii kutaa 12ffaa yeroo xumurte Yuunvarsiitii Haramaayaa ture kan ishee gahe.
Garuu muummee kana yuunvarsiitichi akka qabu gaafannaan achitti argachuu hin dandeenye. Kanaaf Yuunvarsiitiin Wallaggaa waan muummee kana qabuuf garasitti akka jijjiirratte dubbatti.
Muummee kana galuun dubartootaaf salphaa akka hin taane kan himtu Dr Baksaan garuu irraa baqachuu hin qaban jetti.
''Barnoonni isaa gidduuma galeessadha. salphaallee miti. Ulfaataas miti. Garuu kan cimu dameewwaan hedduu qaba. Baay'ee dadhabsiisaadha.
Yeroo hojii qorannoo fi barnootaaf dirree baanu dubartoonni baay'ee dadhabanii kufan ture. Kanaaf dubartoonni baay'een hin filatan.''
'Lafaaf jaalala addaa qabna'
Dr Baksaa Amantee qorannoo ishee kan hojjette dhagaa boorallee [limestone] irrattidha.
Damee isheen qorannoo ishee irratti hojjette ammoo ishee irratti waan eegaleef qormaata guddaa keessa darbuu himte.
Gorsaa ykn waraqaalee qorannoo ishee gargaaran argachuuf rakkoo hedduu keessa darbiteetti.
''Namni ana dura damee kanaan barate biyya keessaa dhabuun qormaata tokko. qorannoo bal'aan irratti gaggeeffame hin jiru,'' jette.
Dhagaan irratti hojjedhe kun bal'inaan naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa jira. Gara sana deemeen qorannoo gaggeessaa ture,'' jette.
Dhagaan boorallee Itoophiyaa keessaa irra caalaa gara sulula laga Abbayyaa keessa jira.
Dabalataan gosti dhagaa kun naannoo Somaalee fi Tigiraay keessas bal'inaan jira. Oomisha simmintoo keessatti hedduu barbaadama. Oomishaa fi qonna keessattis dhagaa barbaadamudha.
Naannoo Oromiyaa fi Amaara keessaa bakka bal'aa keessa deddeebitee qorannoo gaggeessaa kan turte Dr Baksaan qormaata hedduu keessa darbuus himte.
Warshaaleen simmintoo hedduun kan ijaaraman naannoo dhagaan kun bal'inaan jiru keessattidha.
Shawaa Lixaa keessaa naannoo warshaan Simmintoo Daangotee jiru keessa bal'inaan jira. Dr Baksaanis naannicha dabalatee bakkeewan adda addaa deemuun qorannoo gaggeessaa turte.
Faayidaan dinagdee dhagaan kun qabu olaanaa tahuu kan himtu Dr Baksaan fuuldurattis qorannoo dabalataa osoo irratti gaggeeffame faayidaa guddaaf oolchuun danda'ama jette.
Warshaalee keessattis hedduu kan barbaadamuu tahuu kan himtu Dr Baksaan osoo qorannoo dabalataa irratti gaggeeffame bu'aa dinagdee guddaaf oolchuun danda'ama jette.
''Dacheef nuyi ilaalcha addaa qabna. Yeroo qorattee waa'ee dachee bartu akka jaalattu si godha. Akkatti lafti kun jijjiiramtee bifa amma qabdu kana qabatte yoo yaaddu, qabeenya uumamaa lafa keessa jiru yoo yaaddu, lafaaf jaalala addaa qabna,'' jette Dr Baksaan.
Waanti barbaachisu hunduu lafarra jira kan jettu Dr Baksaan Itoophiyaafillee qabeenyi uumamaa isheen qabdu abdii guddaa akka tahe himte.
Garuu qorannoo bal'aa akka isa gaafatu dubbatte. Isa qabnutti akka hin fayyadamne rakkoon adda addaa biyya keessa jiraachuu qofa osoo hin taane qorachuufilee wantooni gufuu tahan hedduu jiraachuu himte.
Gara fuula duraattis namoota kaan waliin tahuun qorannoo bal'aa qabeenya uumamaa kana irratti gaggeessuuf fedhii akka qabdullee itti dabaluun dubbatteerti.
Dabalataan dubartoonni osoo hin sodaatiin gara muummee kanaa dhufuu aka qaban dhaamti Dr Baksaan.
''Waan jaallannu tokko keessatti milkaa'uuf waa'ee koorniyaa keenyaa yaaduu hin qabnu. Ji'ooloojiin dadhabbii waan qabuuf dubartoonni galuu hin qaban ilaalchi jedhu jira. Damee kana jaalallannaan gatii barbaachisu kaffaluun ittiin milkaa'uun barbaachisa'' jette.
Faayidaan dhagaa booralee kun ijaarsa bu'uuraalee misoomaa hedduuf oola kan jettu Dr Baksaan gatii simmintoo dabalaa waan jiruuf bu'aan dinagdee dhagaa kanaa olaanaadha jette.
Ammatti amalootaa fi uumama dhagichaa irratti qorannoo gaggeessuu himte.
Dr Baksaa Amantee dhalattee kan guddatte Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti ture.
Maatiin keenya barumsatti hedduu waan amananiif deeggarsa guddaa naaf godhaniiru.
Mana keenyatti yoo qormaata dhabde haga dhabne adabbiin madaalu nuuf kennamu jira,'' kan jettu Dr Baksaan isheenis barattuu qaxalee turte.
Irra caalaa barumsa irratti kan jabaachaa fi xiyyaaffachaa deeme ergan yuunvarsiitii galeeti. Yuunvarsiitiii ergan seenee baay'ee nan dubbisa ture jette.
Yeroo damee kanaan xumurtus qabxii guddaa waan qabduuf carraa barsiisummaa Yuunvarsiitii Wallaggaatti argatte.
Erga waggaa tokkoof hojjettee carraa barnoota digirii lammaffaa argattee gara Yuunvarsiitii Finfinnee deemte.
Nama lama tahanii baratanii digirii lammaffaa isaanii xumuruun Yuunvarsiitii Wallaggaatti deebi'uun barsiisaa turte.
Waggaa lama akka hojjetteen carraa barnoota PhD argachuun Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii galte.
Yeroo sana qofaa barachuu ykn lama taanee barachuu itti bareera kan jettu Dr Baksaan yeroo PhD qofaa ishee barattes haaraa akka itti hin taane himte.
Barnoota PhD yeroo weerara koroonaa keessa jalqabde. Garuu sababa weerarichaan waggaa tokko osoo hin baratiin dabarsite. Jalqabdee xumuruuf waggaa jaha itti fudhachuu kan himte Dr Baksaan waliigalaan barnootaa fi qorannoo ishee waggoota shan keessatti xumuruu himte.












