Dhiirota sagal, miidhamtuu tokko: Yakka butii Arsii Lixaafi Baalee keessa fulla'e

Madda suuraa, Mana Murtii Aanaa Diinshoo/ Facebook
Himatamtoonni Abdulhaakim Mohaammad fi waahillansaa saddeet, ALI Adoolessa 28, 2017 ture halkan dahoo godhachuun gara Godina Baalee Aanaa Diinshoo gara ganda baadiyyaa Ayyiddaatti kan imalan.
Yeroon himatamtoonni kun yakka kana raawwachuuf gara mana miidhamtuu dhuunfaa itti deemanis halkan keessaa naannoo sa'aatii 6:00 akka ta'e ragaan Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Diinshoo agarsiisa.
Himatamtoonni sagal kun Godina Arsii Lixaatti jiraattota aanaa Adaabbaa yemmuu ta'an, walakkeessa halkanii mana miidhamtuu erga gahanii booda balbala manichaa dirqiidhaan bansiisan.
"Haati miidhamtuu kanaa mana keessa osoo jirtuu ishee dirqiidhaan irraa qabanii mucayyoo biraa qabatanii bahan" jedhan dhimmicha ilaalchisee BBC'f yaada kan kennaniifi Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Diinshootti Abbaa Adeemsaa Yakkoota Adda Addaa kan ta'an Kadir Mahaammad.
Waqtii yakki kuni raawwatamu ga'eessi manicha keessa jiru harmee miidhamtuu dhuunfaa qofa akka ta'anis himan.
Himatamtoonni kun halkan daheeffachuun yakka butii erga raawwatanii booda gara magaalaa Diinshootti imala lafoo sa'aatiiwwan fudhate eegalan.
Magaalicha yemmuu gahanittis miidhamtuu dhuunfaa umriinshee waggaa 20 ta'u konkolaataa fe'umsa ummataa keessa galchuun gara aanaa irraa dhufan Aanaa Adaabbaatti imala eegalan.
Haa ta'u malee imalli himatamtootaa kun Aanaa Diinshoo bira darbuu hindandeenye.
"Halkan keessaa sa'aatii 9:00 yeroo ta'u Aanaa Diinshoo bakka addaa Keellaa jedhamutti qaamoleen seeraa shakkiidhaan konkolaataa kana qabanii gaafa sakatta'an himatamtoonni saglan kun miidhamtuu dhuunfaa kana qabanii osoo deeman qabaman" jedhan Abbaan Alangaa.
Adeemsa qorannoofi murtee kenname
Himatamtoonni yakka nama butuun shakkaman sagal kunneen Waajjira Poolisii Aanaa Diinshootti geeffamuun qorannoon irratti adeemsifamuu eegale.
"Gareen qorannoo Waajjira Abbaa Alangaafi Poolisii waliin ta'un qorachaa wayita turanitti dhimmi kun butii ta'uunsaa irra gahame" jedhu Abbaan Alangaa.
Itti aansuun Abbaan Alangaa Aanaa Diinshoo Mana Murtii aanichaatti himata kan hundeesse yemmuu ta'u, miidhamtuu dhuunfaa, harmee miidhamtuu akkasumas miseensonni Poolisii keellaarratti eegumsarra turan jecha ragummaa kennan. Ragaan qorannoo mana yaalaas dhiyaate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himatamaa tokkoffaakan ta'efi miidhamtuu dhuunfaa waliin gaa'ela godhachuuf yakka butii kan raawwate Abdulhakiim Mohaammad yakkicha raawwachuusaa yemmuu amanu himatamtoonni hafan saddeet garuu ni haalan.
"Himatamaa tokkoffaan, namni gaa'ilaaf fudhate kun gochi kun gochasaa ta'uusaa guutumatti amanee, himatamtoonni hafan immoo ragaa Abbaa Alangaa akka ofirraa ittisan ajajni darbe" jedhan Abbaa Alangaa Kadir.
Haa ta'u malee himatamtoonni yakkicha haalan saddeet jecha ragaalee Abbaa Alangaa ofirraa ittisuu hindandeenye.
Manni Murtii Aanaa Diinshoos dhaddacha Wiixata ALI Fulbaana 5, 2018 ooleen tokkon tokkon himatamtootaarratti hidhaa cimaa waggaa 3 murteesse.
Keewwatni himatamtoonni kunneen ittiin himataman hidhaa cimaa waggaa 3 hanga 10 akka adabsiisu kan himan Abbaan Alangaa, Manni Murtii adabbii ka'umsaa kan ta'e hidhaa cimaa waggaa 3 murteessuu himan.
Yakkichi halkan raawwatamuunsaa akka yaada adabbii cimsutti gama Abbaa Alangaatiin ka'uu kan himan Abbaa Alangaa Kadir, Manni Murtii himatamaa tokkoffaan yakkicha raawwachuu amanuusaa, miidhamtuurra miidhaan qaqqabe hinjiru kan jedhuufi maatii lamaan gidduutti araarri bu'uusaa ragaan dhiyaachuusaa murtee kennameef ka'umsa akka ta'e manni murtiichaa himuusaa kaaasaniiru.
Gama biraatiin hubannoo seeraa gandoota baadiyyaarratti hojjetamu ka'umsa godhachuun yakki butii xiqqaachuusaa kan himan Abbaan Alangaa, "guutumaan guutuutti dhabameera jechuun garuu hindanda'amu" jedhaniiru.












