Adabbii fi dhorkaa cimsuun yakka gudeeddii hir'isuu danda'aa?

Dubartii fuulishee haguugame

Madda suuraa, Getty Images

Ministeerri Dubartootaa, Dargaggootaa fi Daa’immanii Itoophiyaa miidhaa saalaa hambisuuf qajeelfamoota beeksisuuf yaade keessaa, poolisii farra miidhaa saalaa hundeessuu fi sirna galmee biyyaalessaa namoota haleellaa qaqqabsiisanii diriirsuun warreen ijoo keessaati.

Sirni galmee biyyaalessaa namoota miidhaa saalaa qaqqabsiisanii, yakka kanaan himatamanii adabamanii fi yeroo turtii mana hidhaa xumuranii bahan, tooftaa teekinolojii fayyadamuun akka galmaa’u taasisa.

Kuni ''sirreeffamtoonni erga hidhaatii bahaniin booda tajaajilawwan hawaasummaa garagaraa akka hin arganne taasisa" jedhaniiru dubbii himaan ministeerichaa Obbo Adinew Abarraa.

Dhorkaan kun namoota miidhaa wal-fakkaatu qaqqabsiisuu danda’an ‘akeekkachiisuu’ fi ''Itoophiyaan biyya haleellaa dubartootaa fi daa’mmanii balfitu tahuu agarsiisuufi,’’ jedhan.

Warraaqsa mirga dubartootaa kabachiisuuf jaarmiyaa Yunivarsiitii Finifinneetti dhaabbate 'Yellow Movement' keessatti miseensa kan taate Ruut Yitbaarak, nama haleellaa raawwate galmeessuun sirrii dha jetti.

Sababiinsaas, ''yakka raawwateef maqaa waamuu fi qaanessuun barbaachisaaadha. Yeroo baay'ee dubartoota miidhamanitu akka qaana’an taasifama gatii taheef,’’ jetti.

Adabbii cimsuun gudeeddii hir'isuu danda'aa?

Adabbii fi dhorkaawwan cimsuun yakkoota haleellaa saalaa hir’isuuf hangam fayyada? Dhimmi kun furmaata waaraa akka argatuuf tarkaanfiiwwan akkasii ni gargaaruu?

Akliil Solomoon falmattuu mirga dubartootaa fi ogeettii seeraati.

Dubbii inni ijoon galmeen namoota kanaa akkamitti faayidaarra oolaa fi eenyutu itti fayyadama kan jedhudha jetti.

Namni tokko sirna haqaa keessa darbee gaafa bilisaan gadhiifamu yakka hojjeterraa sirreeffameera jedhameetu amanama gatii taheef, dhorkaawwan kun hangam irra turu kan jedhu of eeggannoon ilaalamuu qaba jetti.

Galmeen kun namooti miidhaan saalaa keessumaa ijoollee irratti raawwatan yeroo hidhaa isaanii xumuranii bahan, iddoo ijoolleen oolanitti akka hin argamne, manneetii barnootaa faa keessatti akka hin qacaramne gochuuf yoo tahe barbaachisaa dha jetti.

Muuxannoon biyyoota biroos kanuma agarsiisa jetti ogeettiin kun.

Haa tahu malee namoota yeroo sirreeffamaa xumuranii bahan hawaasa keessaa baasuu akka hin taanee fi adabbii irra deddeebii akka hin taane, xiyyeeffannoon taasifamuu qabas jetti.

Adabbii cimsuun hawaasni tokko yakka sanaaf madaallii kenne agarsiisa malee, yakka hir’isuu danda’a waan jedhuuf ragaan qabatamaa hin jiru jetti.

Namoonnis yeroo yakka hojjetan kun adabbiinsaa salphaa dha, sun immoo jabaataadha kan jedhu yaadanii miti. Inumaayyuu homaa hin tahu nan miliqa jedhanii waan yaadaniifi sirni haqaas nuuf looga jedhanii waan yaadniifis jetti.

Haqni akka yakki fi yakkamaan akka sirraa’uufi malee, yakkamaan yaadda’aa akka jiraatuufi miti. Sababiinsaa immoo ijaa yaadda’eef gocha sana raawwachuurra hambisuu dhiisuu danda’a jetti.

Maal gochuu wayya?

Namoota kanneeniif waa’ee eeyyamaa fi qunnamtii saalaa humnaan raawwachuu dhiisuu fa’i irratti leenjii kennuun, akka uummata tajaajilan hojjetamuu qaba.

Yakki gudeeddii ykn immoo haleellaa saalaa dimshaashumatti hambisuuf, madda isaarraatti hojjechuutu bu’aa qabeessadha jedhee amana jetti Akliil.

Madaallii aangoo dhiirotaa fi dubartoota gidduutti cabee jiru sirreessuuf hojjechuu, dhiiroti eeyyama maaliif hin gaafatan, haleellaawwan saalaa akkanaa maaliif irra deddeebiin mudatu kan jedhu burqaadhumarraa hubatanii hiikuun barbaachisa jetti.

Sirni seeraafi haqaallee wal-dubbisuufi gurmaa’uun irraa eegama, sababiinsaammoo akkanatti tajaajila si’ataafi faayidaa qabu kennuun danda’ama jetti.

Kanaaf galmeen kun hojiirra gaafa oolu ijoolleefi eegumsa fooyya’aa taasisuuf malee, nama yeroo adabbii raawwatee ba’e mirgootaa fi bilisummaa irraa hambisuuf tahuu hin qabu jetti ogeettiin seeraaa kun.