KALLATTIIN, Israa'el Beerut fi Teehraan haleelaa jirti, US 'humni abiddaa Iraan irratti haala diraamaa ta'een dabala' jette

Waraanni Israa'el namoonni akka baqatan ajaja dabarsuu hordofee Libaanos, magaalaa Beerut keessa dhohinsa dhaga'ama'aa jira. Hezboollaan ammoo lammileen Israa'e daangaatti dhiyoo jiran akka baqataniif ajaja dabarseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hezbollaan lammiileen daangaa Libaanositti dhiyoo jiran gadhiisanii akka bahan akeekkachiise

    Akeekkachiisa Hezbollaan baase

    Madda suuraa, Haaretz

    Lammiileen Israa'el daangaa Libaanositti dhiyoo jiran gadhiisanii akka bahaniif akeekkachiisa kenne.

    Akeekkachiisa afaan Hibruutiin baaseen, uummanni Israa'eel daangarra jiru, hanga km 5 naannoo dangaa Libaanos irraa fagaatanii akka bahan ajajeera.

    Haleellaa waraanni Israa'el uummata Libaanos irratti taasisa jira jechuun kan himate Hezbollaan, kanaaf deebii kennuuf kutannoo akka qabus ibse.

    Hezbollaan Iraan irra goruun haleellaa jalqabuu Israa'el ibsuun duula waraanaa qilleensarraafi lafoon gaggeessaa jirti.

    Gama biroon ammoo Israa'elis magaalaa Beeruut naannoo Hezbollaan deeggarsa cimaa itti qabu keessaa uummanni gadhiisee akka bahuuf akeekkachiiftee turte.

    Magaalaa Beerut dabalatee kibba biyyattii bakkeewwan buufata Hezbollaati jettutti haleellaa cimaa gaggeessaa akka jirtus ibsite.