Dargaggoon aappii farra arrabsoo fi doorsisa intarneetiirraa hojjete badhaafame

Sadaat Raahmaan wayita badhaasa fudhatu haasawa taasiseera

Madda suuraa, Reuters

Dargaggoon ganna 17 lammii Baangilaadesh Sadaat Raahiman waa’ee arrabsoo fi doorsisa intarneetiirraa ijoollee barsiisuuf tattaafachuusaaf Badhaasa Nagaa Ijoollee Addunyaa mo’ateera.

Saadaat aappiisaa kana hojjechuuf kan murteesse shamarreen ganna 15 tokko doorsisaa fi haleellaa irra gaheen of ajjeesuusheetiin ture.

Dargaggoonni naannoosaa 1800 amma appii kana fayyadamaa jiru.

Shamarreen kana dura Nobeelii nagaa badhaafamte Maalaalaa Yoosaafzaay, ’’kan nama jajjabeessu’’ jechuun isa ibsiteetti.

‘’Dargaggoonni dooorsisa karaa onlaayinii godhan akka dhaabanii fi hiriyyoota isaanii dhukkuba sammuu qaban akka gargaaran gaafachaa jira, Saadaat nama jijjiiramaati,’’ jetteetti.

Badhaasni 'International Children's Peace Prize' jedhamu waggaa waggaatti dargaggoota mirgi ijoollee akka eegamu hojii hojjetaniif kennama.

Kana dura rogeettii kunuunsa naannoo Gireettaa Tanbarg badhaasicha mo’atteetti.

Appiin Saadaat ijoollee fi dargaggoonnii doorsisa karaa onlaayiniin irra gahu icciitiidhaan garee tola ooltotaa poolisii wajjin hojjetanitti akka gabaasan gargaara.

Kana malees akkamiin haleellaa onlaayiniirraa akka of eeggatan ni barsiisa.

Erga appiin kun jalqabamee ijoolleen 300 yakki onlaayinii irra gahe deeggaramaniiru. Namooti saddeet immoo ijoolleerra qoccollaa saalaa qaqqabsiisan to’annoo jala oolaniiru.

Dargaggoon kun badhaasa doolaara 100,000 appiisaa biyya keessatti babal’isuu fi akka addunyaatti immoo fakkeenya tahuuf akka fayyadamu AFPtti himeera.

Saadaat dargaggoota Baangilaadesh intarneetii fayyadaman keessaa walakkaan yakka irra gahuuf sodaa fi hanqina beekumsaarraan kan ka’e hin gabaasani jedheera.

‘’Hubannoo, waan tokko akka dhimma ofitti ilaaluu, gorsaa fi tarkaanfii fudhachuun dhimma kana ittisuuf ijoo dha,’’ jedheera. Waraan kanarratti ani loltuu dha, namoonni yoo na gargaaran immoo waliim mo’anna jedheera