Daa’imman lakkuu buqqee mataasaanii ogeeyyiin adda baasan Paakistaanitti deebi’an

The twins play at home in Pakistan

Daa’imman lakkuun mataan isaanii walqabatee dhalatan bara darbe wal’aansa baqaqsanii yaaluun adda baafaman, Landan irraa gara biyya dhaloota isaanii Paakistaanitti deebi’an.

Daa’immaan maqaan isaanii Safaa fi Marwaa Bibii jedhaman gartuu ogeeyyii fayyaa hospitaala Ormaand Istiriit Landanitti argamuun wal’aansa sa’aatiin 50 fudhateen adda baafaman.

Haatii isaanii Zayinabaa Bibii BBC tti akka himtetti, ijoollee ishee lakkuu maatii isheetti deebistee dabaluutti hedduu gammaddeetti.

‘’Ijooolleen lachuu gaarii jiru, Marwaan jijjiirama guddaa agarsiifteetti kanaafuu deeggarsa xiqqaa qofa barbaaddi,’’ jette.

‘’Safa ni hordofna, ishee sirnaan kunuunsina, fedha rabbii yoo ta’e lachuu deemuu ni jalqabu,’’

Tokkotu lama tahe

Daa’immaan lakkuun walitti qabatanii kan dhalatan darbee darbeeti. Daa’imman lakkuu dhalatan 20 keessaa tokko irratti buqqee mataan walitti qabatanii haala kanaan dhalachuun mudachuu mala.

Ta’iin akkasii lakkuu Kiraayinopagas (craniopagus twins) jedhaniitu ogeeyyiin waamu.

Harka caalaan ijoollee akkanatttiin dhalatanii garuu ijoolluummaa keessaa otoo hin darbiin du’u.

Daa’imman walitti qabatanii dhalatan kana gartuu namoota 100 of keessaa qabutu hospitaala Gireet Ormaand Istiriit jedhamu Landanitti kunuunsaa ture.

Ijoolleen lakkuun kun Guraandhala, bara 2019 addaan baasuun kan danda’ame wayita ta’u, erga yeroo sanaatii haadha fi eessuma isaanii wajjin Landan jiraatan.

Safa and Marwa with their family in Pakistan

Baasiin wal’aansaa fi kan biroo doolara Ameerikaa miliyoona tokko ol nama dhuunfaatu arjoomeefi, lammii Paakistaan hojii biizinasii hojjatu Murtazaa Lakanii namticha jedhamudha.

Ijoolleen durbaa lakkuun adda baafaman kun amma umriin isaanii ganna sadii fi baatii jaha guutera.

Idileen sochii qaamaa ogeeyyiin deeggarame qabu, kunis akka deemuu danda’an deeggaruufi.

Kana malees daa’immaan kun waan haaraa baruuf rakkaatu.

Haati daa’imman kanaa gartuu ogeeyyii baqaqsanii yaaluun adda isaan baasaniin gootota jettee leellifte.

Itti dabaluunis ijoolleeen torba Paakistaanitti horattee obbolaan isaanii ijoollee lakkuu kana kunuunsuuf hawwiin eegaa akka jiraniillee dubbatteetti.

Gartuun wal’aansa baqaqsanii suphuun daa’imman kana adda baasan kan dursan Aab Owasi Jeelanii, ogeeyyiin gartuu sana keessatti hirmaatan maatiin kanaaf ‘’baay’ee gammadneerra’’ jedhan. Ta’uus bu’aa argameerratti shakkii qabu ture.

''Marwaan foyya’iinsa guddaa mul’iste, maatii akka waliigalattii yoo ilaalu waan ta’uu qabu dalagne, garuu Safa irratti akka dhuunfaaatti garuu shakkiin qaba,’’ jedhe.

Aab Jeelan ogeessa niwuroo sarjinii muuxannoo jabaa qabudha.

Murtoo baqaqsanii suphuu cimaa

Sammuun daa’immaan lakkuu lamaan ujummoo dhiigaa akkataa walxaxaa ta’een walitti hidhame qabu.

Daa’imman lakkuu kana keessaa tokkootu ujummoo dhiiga murteessoo akka fudhattu taasifame. Isheenis Marwaadha, lakkuu ishee laaftuu taateef dhalatteef kenname.

Sababii kanaan Safa sammuu ishee keessatti dhangala'uu dhiigaa mudate booda sammuun ishees waan miidhameef tarii deemuu dadhabuu dandeessi ta’a jedhan.

Twins pictured as they prepare to return home

Aab Jeeylan sababa kanaan murtoo kenneetti yeroo tokko tokkoo akka jeeqamu dubbateera.

Otoo daa’imman kun jalqabarratti wayita dhalatan adda baafamanii caala gaarii akka ta’ullee dubbateera. Baasii maallaqaa wal’aansaa fi kan biroo isaan barbaachisu walitti qabuun yeroo dheeraas fudhatee ture.

Kunis Aab Jeeyilaan fi ogeessi wajjin hojjatan pirofesaar Deevid Dunaway dhaabbata gargaarsaa Gemini Untwined jedhamuun hundeessuun waa’ee daa’imman walitti qabatanii dhalatanirratti hubannoo uumuu fi fandii maallaqa wal’aansaaf barbaachisu kaffaluufin akkaataa danda’amurratti akka hojjatan taasiseera.

Gartuun ogeeyyii kunis sana booda ijoollee dhiira Tarkii buqqeen mataa walitti qabatee dhalatan bara 2020ttis haala milkaa’aa ta’een adda baasaniiru.

Daaa’imman kun waggaa lama otoo hin guutiin gara biyya isaaniiitti deebifamiiru.