Naayijeeriyaa: Gareen doktorootaa lakkuu walitti maxxananii dhalatan adda baasan

Gareen doktoroota Naayijeeriyaa 78 ta'an lakkuu walitti maxxananii dhalatan wallaansa baqaqsanii yaaluutiin gargar baasan.
Doktorri duree wallaansa baqaqsaniin yaaluu Dr. Imaanu'eel Ameeh BBC'tti akka himanitti, wallaansi Lapheefi garaa daa'imman lakkuu kanneen gargar baasuuf ji'a Sadaasa keessa raawwate. Obbolaan lamaanis amma nagaan gara manasaanii deemuuf fayyummaa guutuurratti argamu jedhu.
Dr. Imaanu'eel akka jedhanitti yaaliin isaanii kanattis baasiin birrii miiliyoonaa 1,650,000 kan itti baheefi wallaansicha xumuruufis sa'aatii 12 fudhateera jedhu.
Wallaansichis doktaroota garee lamaa kan miseensoota 78 qabu hirmaachise ture.
Ta'us malees, sababii maatiin daa'imman keanneen Miikaa'eel Edeeh fi Maariyaa Onyaa Maartiin kanfalticha raawwachuuf hindandeenyeefu, Hospitaalli Biyyaalessaa Abujaa baasii wallaansa obbolaawwaanii kanneenii maatiisaanii hin kaffalchiifne.
Madda galii jireenyaasaanii mindaa obbo Onyaa Maartiinis hojii halluu dibuun argatuudha.
Obbo Maartiinis fi Edeeh'n ijoolleesaanii akkuma dhalataniin ji'a Hagayya keessa gara hospitaalaa Abujaa geessaniin.
Ta'us garuu doktoroonni yeroo sanatti ijoollee haala gaariirraa waan hin turreef wallaansa baqaqsanii yaaluu hin taasifneef.

Madda suuraa, EMMANUEL AMEH
Obboleewwan kunneenis hospitaalaa mootummaa keessatti ji'oota 15 eega dursiifamanii booda wallaansa argachuuf abdii akka qaban itti himame.
Hospitaalichi waggoota 20 darbaniif lakkuuwwan walitti maxxaniin dhalatan 11 gargar baaseera. Lakkuuwwaan hundisanii ammoo kan garaa isaanii walitti waxxaneedha.
Daarektarri Meedikaala hospitaalichaa kan ta'an Jaff Momoh akka jedhanitti, yaaliin wallaansa kanaas wallaansa isa jalqabaa kan tiruu, lapheefi qaama lafee cinaachaafi foon isa gadii walitti qabu (diaphragm) irratti taasifameedha jedhu.
Obbo Maartiinis ijoolleesaa lubbuun jiraachuufi fayyaa ta'uusaanii akka isa gammachiise dubbata. Haati ijoollee hojjattoota hospitaalichaa isaan gargaaran galateeffachuudhaaf jecha hin qabu jette.
Ministirri Fayyaa biyyatti doktoroota wallaansa taasisaniifi maatii jajjabeessuuf hospitaalaa deemaniiru. Ministirri dhimmi dubartootaas haadha ijoolleetiif hojii kennuuf waadaa galaniiru.














