Daa'imman karaa haadhaa lakkuu ta'an lammaffaaf argaman

Madda suuraa, Queensland University of Technology
Dhimmi kun addunyaamarrattiyyuu yeroo lammaffaaf mul'ataa jira jedhu doktaroonni.
Daa'imman dhiiraa fi dhalaa karaa haadhasaanii lakkuu ta'anii, garuummoo sanyii abbaasaanii muraasa qooddatan.
Daa'imman kunneen amma waggaa 4 guutaniiru, Awustiraaliyaa, Birisbeen keessatti dhalatan.
Ogeeyyiin haalli kun darbee darbee mul'ata jedhu.
Micireen haala kanaan uumame yeroo baayyee daa'ima ta'ee lubbuudhaan hin turu jedhu.
Prof Nicholas Fisk, ka Hospitaal Dubartootaa Birisbeen keessa hojjetu lakkuuwwan akkanaa kunneen wayita ulfaa adda baafaman jedha.
Haala kanaan lakkuuwwan utuu garaa keessa jiranii adda baafamuun isa jalqabaati.
''Torbanoota ja'an jalqabaa keessatti haati kun daa'imman lakkuu akka garaa qabdu adda baasne. Torban 14 wayita geessu ammoo daa'imman kunneen dhiiraa fi dhalaa ta'uu adda baasne. Kunimmoo lakkuuwwan nagaan jiraachuuf waan hin yaadamneedha,'' jedha Prof Nicholas Fisk.
Akkamiin ta'e?
Lakkuun kan uumamu wayita wayita sanyiin kormaa/ispeermiin qeenxeen tokko hanqaaquu tokko bakka lamatti baasuudha.
Lakkuuwwan akkasiin uumaman saalaa fi qaama fiizikaalaa walfakkaataa qabaatu.
Lakkuuwwan waladdaa garuu kan uumaman wayita hanqaaquuwwan garaagaraa lama sanyii kormaa/ispeermii garaagaraa lamaan cabuudha.
Lakkuuwwan akkanaa saala walfakkaataa qabaachuus dhiisuus danda'u, garuu waliin dhalachuurraa kan hafe walfakkeenya biraa hin qaban.
Walitti dhufeenyi isaanii akkuma obboleessaa yookiin obboleettiiti.
Lakkuuwwan gariin walfakkaatoon ammoo kan uumaman wayita hanqaaquun tokko ispeermiiwwan lamaan utuu hin cabin achumatti fartilaayizeeshiniin uumamuudha.
Hanqaaquuun tokko sanyii kormaa/ispeermii lamaan yoo fartilaayizeeshiniii geggeesse kiromoozomoonni uumamuu qaban lama hafeetu, kiromoozomoonni sadi akka uumaman ta'a. Tokko haadharraa ,lamammoo abbaarraa.
Akka qorattoonni jedhanitti kiromoozomoozomii sadi qabaannaan daa'imni tokko carraa jiraachuu hin qabu. Lakkuuwwan kunneen garuu ammallee jiru.

Madda suuraa, Getty Images
'Haala addaa'
Daa'imman gar tokkeen lakkuu ta'anii dhalatan yeroo jalqabaaf bara 2007 US keessattidha.
Prof Fisk jedhutti haalli kun baayyee addadha, yeroo baayyee hin mudatu jedha.
Akka waahillan isaa waliin yeroo dheeraaf qorannoo geggeessanitti lakkuuwwan hedduu kanneen walfakkaatantu dhalatu, kan Kiromoozomii sadi irraa uumaman garuu baayye muraasa.













