Dhorkaa qeensaa fi baallee ijaa namatolchee Taanzaaniyaa

Qeensa namtolchee

Jalqaba torbee kanaatti ture afayaa'iin paarlaamaa Taanzaaniyaa miseensonni dubaraa isaa qeensaa fi baallee ijaa namtolchee akka hin fayyadamne dhorkaa kan kaahe.

Rakkoo fayyaa qabaachuu mala jechuunis sababa dhorkaa kaahamee ibsan.

Yunivarsiitii Muhimbiiliitti barsiisaa Health and Allied science kan ta'an Fredrik Mashiniin wantootni qeensii fi baalleen ijaa kunniin irraa hojjetaman gariin namaattii alarjikii fidu jedhu.

Qulqullinnis yaaddoo biroo dha.

''Baalleen ijaa furdaa fi dheeraa waan ta'eef baakteeriyaa gara ijaatti galchuu malu'' jedhan.

Jiraattuu magaalaa Daresalaam kan taate Aminaa Jumaan garuu hanga yoonaattti rakkoon namudate hin jiru jetti.

''Waggootaaf itti fayyadamaan ture rakkoo tokko irratti hin argine kanaaf itti fayyadamuu hin dhiisu''

Baallee ijaa namtolchee

Qeensaa fi baallee ijaa namtolchee yoon fayyadamu waanan daran bareedee natti fakkata ofitti amanamummaan koo ni dabalaijji koos nama hawwata jetti Amiinaan.

Dubartotni kaan ammo itti fayyadama qeensaarra rakkoo qabaachuu baataniis baallee ijaa irratti yaaddoo qabu.

Qeensa sobaa fayyadamee beeka, baallee ijaa garuu hin fayyadamu, ija koo baayyeen jaaladha jetti Monikaa Shaayoon ammoo..

Miseensi paarlaamaa biyyattii Upeendaa Penezaan ammoo sakkata'aniit ol nu galchu moo akkami dubbiin isaa? kuni wanta hiika hin qabneedha.

Waan qeensa ykn baallee ijaa sobaa fayyadamteef qofa qabee paarlaamaa keessaa sibaasuu hin danda'u.