Nama achi buutee biiliyeenara Taanzaaniyaa eereef maatiin badhaasa qopheessan

Madda suuraa, AFP
Nama achi buutee biiliyeenara umurii xiqqaa Afrikaa lammii Taanzaaniyaa, Mohaammad Deewjii kan Kamisa darbe ukkaamfamee fudhatamee eereef maatiin Shilingii Taanzaaniyaa biiliyoona tokko badhaasna jedhan.
Dureessi umurii xiqqaa Afrikaa kun kamisa darbe magaalaa guddoo Taanzaaniyaa Daareesalaam keessatti hidhattoota of golganiin butaman.
Poolisiin namoota gocha kana waliin hariiroo qabu jedhee shakke 20 to'annoo jala oolcheera.
Kaayyoon itti dureessi kun ukkaamfamaniifi eessa akka geeffaman wanti beekame hin jiru.
Poolisiin biyyattii namoonni adiin lama butamuu nama kanaa duba jiru jedhee amana.
Nama butuun Taanzaaniyaa keessatti waan baratame miti.

Madda suuraa, EPA
Mohaammad Deewjiin eenyu?
Akka barruun Foorbis kan dinagdee fi maallaqa irratti xiyyeeffatu jedhutti dureessi kun nama qabeenya doolaara biiliyoona 1.5 qabu horatedha. Biiliyeenara Taanzaaniyaan qabdu isa jalqabaas isa dhumaasii.
Bara 2017'ttis biiliyeenara Afrikaa umurii xiqqaa ittiin jedheera. Amma Deewjiin nama ganna 44 ti.
Isponsara garee kubbaa miilaa Taanzaaniyaa Simbaa Jedhamuutis.
Akka barruun Forbis jedhutti dureessi kun bara 2016tti walakkaa qabeenya isaa hojii gargaarsaaf gumaachuuf waadaa seeneera.












