Mohammad Deewijii: Dargaggeessi sooressa Afriikaa ta'e Taanzaaniyaa keessatti ukkafame

Dargaggeessa dureessa Taanzaaniyaa Mohammed Deewijii
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggeessa dureessa Taanzaaniyaa

Duressoota Afriikaa keessaa umuriin xiqqaa kan jedhamu Mohaammed Deewijii magaalaa guddittii Taanzaaniyaa Daar es Salaam keessatti hidhatootaan ukkaamsamuu poolisiin beeksise.

Namni ganna 43 Mohaammed Deewijii, akkumma amaleeffatee ganamaan gara gymii hooteela Siwaankii ol seenuuf utuu jedhuu alatti ture kan ukkaamfame.

Gochaa ukkaamsuu kanaan shakkamuun namoonni sadii kan to'anno jala oolan wayita ta'u, lamaan isaanii lammiilee biyya biroo ta'utu amanama, jedha poolisiin.

Sababni Mr. Deewijii ukkamfameefis hanga yoonaatti ifa hintaane.

Mohaammed Deewijii eenyuu?

Akka Faasyinaanshal magaaziin ka'uutti, nama qabeenya doolaaraa biliyoona 1.5 qabaachuun tujaara lammii Taanzaaniyaa tahedha.

Gabaasaa bara 2017 keessattis dargaggeesa biliiyoonara Afriikaa jedhamuunis gabaafameera.

Bara 2016 keessa yoo xiqqaate walakkeessa qabeenyasaa tola ooltummaaf gummaachuuf waada seenuu barruun Forbees barreeseera.

Maqaa mogoo Mo jedhamuun kan beekamu Mohaammed Deewijii, daldala maatii suuqii juumlaa irraa gara dhaabbata daldaala olaanaatti guddisuun biyyyota garagaraa keessatti illee baneera.

Kaampaaniinsaa METL oomisha huccuu, midhaan daakaanii saamsanii gurguuru, dhugaatii lallaafaafi zaayitii (dibata) nyaataa biyyoota Afriikaa ja'a keessatti oomishuurratti kan boba'eedha.

Hiriyaa Mohaammed Deewijiifi Ministirra Eegumsa Naannoo biyyatti kan ta'an Makaambaan abbaa Mr. Deewijiitti haasa'uun ukkaafamuu isaa akka adda baafatan twiiteera isaaniirratti barreessaniiru.

Waa'ee ukkaafamuu isaa ilaalchisee kan biroo maaltu dhagahame?

Ukkamsani utuu fuudhanii hin deemiin dura gara samiitti raasaasa dhukaasa akka turanis namoonni ijaan argan dubbataniiru.

Ispoortii hojjechuu kan jaalatu Mohaammed, eegdoota nageenya kan waliin hun turreefi konkoolaatasaa ofiin ooffataa gara gymii dureeyyii qarqara magaalichaa akka deeme ajajaan poolisii naannoo Daar es Salaam Pool Maakoondaa gazeexxeessotatti himaniiru.

Kanneen ukkamsanii fudhatan keessas lama namoota adii (faranjoota) ta'us itti dabaluun ibsaaniiru.