Dubartiin Hindii ganna 73 durba lakkuu deesse

Mangayamma Yaramati

Madda suuraa, Facebook/Sanakkayala Uma Shankar

Bulchiinsa kibbaa Hindii, Andihra Paradesh keessatti dubartiin ganna 73 durba lakkuu deesse.

Daa'imman lakkuu kunneen yaalii 'IVF' booda Kamisa dhalatani.

Yaaliin IVF jedhamu kan hanqaaquufi ispeermiin qaama gadameessan alatti laabraatorii keessatti akka wal simu taasisu dha.

Dr Umaa Sankar "Harmeefi daa'imman ishee haala gaarirra jiru," jechuun BBC Telugutti himaniiru.

Aadde Mangayammaa Yaramati isheefi abbaan warraa ishee ganna 82, ijoollee horachuu hedduu kan fedhan ta'us hanga ammaatti hin milkaa'in akka hafan dubbatti.

"Baay'ee gammanneera" kan jedhan abba warraan ishee Sitaramaa Rajaarawo, yaalii IVF jalqabanii ji'a lama booda akka ishiin ulfaa'uu dandeesse dubbatu.

"Yeroo hedduu yaallee, ogeessota fayyaa hedduu biras deemnee turre," jedhu Aadde Mangayammaan.

"Kun jireenya koo keessatti guyyaan hedduu itti gammadedha."

Hawaasaafi naannoo isaanii keessatti akka dhiibamte turteefi haadha waan hin turreef sagantaawwan hawaasichatti irratti yeroo tokko tokko akka hin waamamne dubbatti.

Mangayamma Yaramati

"Dubartii dhabduu jedhanii na waamu," jetti.

Daa'imman kun dhalatanii guyyaa tokko booda garuu Obbo Rajarawoon dhukkuba istrookiin hubamanii yeroo ammatti hospitaalatti yaalamaa jiru.

Daa'imman lakkuu kan dhalatan mala baqaqsanii hodhuu 'Caesarean section' jedhamuuni.

Bara 2016tti, dubartiin Hindii biraa ganna 70n keessa taatu, Daljindar Kaawur, ilma deessee turte.