Lakkuu Naayijeeriyaa: Lakkuu Naayijeeriyaa walfakkeenya adda ta'e qaban

Lakkuleen lamaan kun paastarota yogguu tahan, walitti dhufeenya isaanis Jannatatti akka itti fufan amanu.
Ibsa waa'ee suuraa, Lakkuleen lamaan kun paastarota yogguu tahan, walitti dhufeenya isaanis Jannatatti akka itti fufan amanu.

Dubartoonni ganna 55 Florence Taiwo Olawoyin fi Eunice Kehinde Adeniran walitti dhufeenya lakkuu tahanii dhalachuurra dabre qabu.

Guyyaa tokkotti heeruman, guyyaa tokkottis dahan.

Kana qofaa miti guyyaa tokkottis bataskaana dhaaban - abbootii warraasaanii dabalatee hunduu paastaroota.

Ega guyyaa dhalootaa isaanii kaasee wanti adda isaan baasu dhabame. Wayita ammaa kibba-dhiha Naayijeeriyaa Ibaadaan keessaa qe'ee tokko keessa jiraatu.

''Wayita guddannutti yeroo hedduu atakaaroo keessa galla ture. Keessattuu hojii manaan walqabatee. Garuu namni nu gidduu galee nu hin araarsu, maatiin keenyas yoo tahan,,'' jedhu Aadde Olawoyin, isaan angafti.

Akka aadaa Yorubaatti, yeroo mara lakkuun maqaa Taiwo ''angafa' fi Kehinde ''quxisuu'' jedhu argatu.

Haatahu malee Kehinden lammeessoo dhalattus, akka angafaatti ilaalamti.

Kunis aadaa Yorubaan ka jalqaba dhalatu, gara addunyaa kanaatti kan ergamu akka addunyaa ilaalee hubatee, kan lammeessoo dhalatuf nagaa tahuusaa akka mirkaneessuuf.

line

Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

line

''Sadarkaa lamaaffaatti wayita balleessinee adabamnu, alangaa walqixa hiranna turre,'' jetti Aadde Adeniran.

Alangaa walqixa qooddachuu callaa osoo hin taane, lakkuuleen kunniin wayita qormaataas osoo barsiisaan hin hubatin, waliif qoramu turan.

Abbootiin warraa isaanii maatiin lamaan waliin jiraachuuf waliigalteen akka tahe himu.

Madda suuraa, Image Concepts

Karooraan taheefi kaan ifa gochuu baatanis, lakkuuleen kun guyyuma tokko dahan - isheen tokko mucaa dhiiraa, isheen kaan ammoo intala.

Daa'imman kunis gaafuma tokko akka amantaa Kiristaanaatti cuuphaman.

''Lamaan keenya keessaa isheen tokko mana hinjirtu taanaan, isheen kaan ijoollee lamaanuu harma hoosifti,,'' jetti Olawoyin.

Ijoolleen isaanii Adeniran Adesola fi David Olawoyin amma umrii gaheessummaa keessa kan jiran yogguu tahu, yeroo bilbilaan haasa'an, ammayyuu haaadha isaanii waljala akka dhahan dubbatu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Magaalaa Biraazil namoota lakkuu baayyee qabdu