Iyyerusaalem Getaahun fi Qaalkidaan Getaahun: Doktoroota lakkuu

Madda suuraa, Dr. Kalkidan Getahun
Doktorronni lakkuu Qaalkidaan Geetaahuun fi Iyyaruusaalem Geetaahuun dhalatanii kan guddatan magaalaa Shaashamanneetti yoo ta'u, barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaas achumatti hordofan.
Achi booda qabxii ol'aanaa galmessisuun yuunivarstii meedikaalaa Hawaassaatti gosa barnootaa Laaboratooriidhaan qabxii ol'aanaan eebbifaman.
Booda Finfinneetti yuunivarsitii meedikaala Haayaatitti muummee barnoota fayyaa keessa 'medicine' baratan.
Ammas qabxii ol'aanaadhaan kan eebbifaman.
Jireenya Yuunivarstii…
Yeroo yuunivarsitii jrru waluman dubbisaa turre.Mudannoon hin daganne baayyeetu jiru.
Qormaata wayita qoramnu gaaffii wal fakkaata arganna,wal fakkaataa dhabnas.Kutaa qormaataa garagaraatti qormaatamnus waluma qixa arganna.
Yeroo qormaata ga'umsaa qormaatamnu barsiisonni qoruudhaaf dhufan yuunivarsitoota garagaraa irraa dhufu ture.
Yeroon qormaataa ga'ee ani dursee kutaa qormaataa seene qormaatamee bahe.
Anatti aansitee Qaalkidaan turte kan seentu.
Eega seentee booda barsiisonni qormaata qoraan "ati maal taate kan si'a lama qormaatamtu. Bahi dura qormaatamtee jirta."naen jedhan.
Booda barsiisonni nu barsiisan waan achi turaniif lakkuu akka taane itti himan.
Achiis akkan dhufu godhame, isaanis akka lakkuu taane mirkaneeffatan.
'Kan nu jaalatus adda nu baasuuf rakkata'
Kan biraa immoo yeroo waggaa lammaffaa barannu yeroo hedduu ergaan gabaabaan bilbila koo irratti ergama ture.
Tasa guyyaa tokko ani doormii ciisee Qaalkidan immoo gara mana kitaabaa osoo deemtuu,barataan tokko suuta jedhe gara koo dhufuudhaan "Iyyaruusalaam akkam?
Namni yeroo hunda eerga gabaabaa sii ergaa ture ana.
Yeroo baayyee waan waliin deemtaniif akkan sitti himu dhabeeti.
Har'a garuu kophaa kee waan sii argeefi osoo sitti hin himin hin darbu jedheeti. Siin jaallaadha" naan jedhe jetti Qaalkidaan.
Akkan Qaalkidaaniin ta'e osoo itti hin himin gara mana kitaabaa deeme.
Booda doormii galee Iyyaruusalaamitti hime.

Addunyaa hojiittis walumaan seenan
Shaashamanneetti Hoospitaala waliigalaa Malkaa Odaatti ramadamanii yeroo muraasa hojjatanii jiru. Yeroo ammaa kanatti 'Kiilinika Tiwiins' jedhamu banuudhaan hojjataa jiru.
'Kiilinika Tiwiins' tti Iyyaruusalaam hoggantuu wayita taatu, Qaalkidaan immoo itti aantuu ta'uudhan tajaajilaa jiru.
Iyyaruusaalem angafa daqiiqaa 5ti.
Sagaleen, hojjaan, ulfaatinni, qabxiin barnoota isaanii, fedhiin, lakkoofsi kophee isaanii daran wal fakkaata.
Hiriyoonni, maatiin, yaalamtonni isaanii fi namoonni biroos isaan adda baasuuf baayyee rakkatu.
Qixa gammadu, qixaa gaddus. Yoo namni tokko dhukkubsate isheen biroos qixuma naati.
Uffannaan isaanii, haalli rifeensaa isaanii, akkasumas faayaan isaan godhatan wal fakkaataa ta'uun isaanii namoonni akka isaan adda hin baasne godhee jira. Akka isaan jedhanitti garaagarumma amalaa hin qabani.
Garagarummaa isaani maali?
Haadha isaan deesseefuu gargar isaan baasuun itti ulfaata.
Yeroo hedduu eega dogongoranii booda kan eenyummaa isaani beekan. Obbolaawwan isaanii biyya ormaa jiraatanis yeroo bilbila dubbisaniin eenyummaa isaanii yoo hin himane, beekanii adda hin baasan.

Madda suuraa, Dr. Kalkidan
Garaagarumma baayyee mul'atu qabaachuu baataniis, wantoonni muraasni jiru.
"Qaalkidaan anarra namaan walii galti. Ni taphatti. Ni kolfiti. Ani immoo ishee irra xiqqoo nan cal'isa," jetti Dr Iyaruusalaam.
Dr Qaalkidan immoo gama isheetiin "baayyee ta'uu baatus ani isheerra xiqqoo furdoodha. Isheen xiqqoo qal'oodha.
Amalli keenya wal fakkaataa ta'uus ani xiqqoo nan jarjara. Faallaa kanaan immoo Iyyaruusaalem obsa qabdi. Wantoota kanneeniin namoonni akka gargari nu baasan nutti himu.
"Morma koo irra waanti gurraachi jira. Iyyaruusaalem irra garuu hin jiru. Kanaan alatti qaama keenya irratti waanni garagar nu godhu hin jiru." jetti Qaalkidaan.
Isaan akka jedhanitti yeroo hedduu waliin oolu, yeroon gargara itti bahanii oolan daran miti.
Ta'us garuu yeroo ijoollumma isaanii obbolaawwan isaanii sobuun akka ture Iyaruusalaam yaadatti.
Mudannoon Qaalkidan hin daganne tokko jira. Akka isheen jettutti haati isaanii Iyyaruusaaleemin akka isheerra caalchifte jaallattu shakkiti. Isheenis dhugaa haadha isaanii irraa dhagahu barbaadde. Iyyarusaaleem akka taate fakkeessuun haadha bira dhaqxe.
Qaalkidaan: "Garuu maalif anaan kan Qaalkidaan irraa na caalchiftuuf? (kan gaafattu Qaalkidaani)
Haadha: "ani isiin lamaanuu qixa isin jaalladha. Isin lachuu naafwalqixa. Tokkoon keessani caalchisee hin jaalladhu."
Qaalkidan: "Garuu ishee narra ni jaallata."
Haadha: "Iyyaruuskoo waan sii dhukkubuf xiqqoo sin caalchisa," jechuudhan itti himaan. (Dhuguma yeroo san Iyaruusaalem xiqqoo dhukkubsatti ture).
Booda haati yoo dhugaa isaa beekan baayyee nahan. Mudannoo kana haati isaanii yomuu hin dagatan.
Yaalamtonnis isaan gargar baasudhaaf baayyee rakkatu.
Lakkuun kun maaf uffannaa fi faaya wal fakkaatu godhatu?
Qaalkidaan akka jettutti ijoollummaa isaanirraa eegalee waan wal fakkaataa jaalatu. Ijoollumma isaaniti uffata isaanii irratti garaagarummaan xiqqoos yoo jiraate akka hin uffanne dubbatti.
Fedhii isaanii qofa osoo hin taane, dhiibbaan namootaas jira akka uffannaa wal fakkaataa uffataniifi.
Uffata wal fakkaataa bitachuuf yaalu yoo hin arganne garuu rakkoo hin qabu kanuma argatan uffatu.

Madda suuraa, Dr. Kalkidan
Gosni barnoota isaani fi ramaddiin hojii isaanii waan carraadhaan ta'e malee wanni isaan godhaan tokkollee hin jiru.
Haa ta'u malee gaafa rammaddiin hojii ifa ta'u soodataanii turan.
Sodaan isaanii sun hin hafne. Iyyaruusaalem Yuunivarsitii Jimmaatti barsiisummaan ramadamte.
Hojii osoo hin jalqabin leenjiidhaaf gara yuunivarsitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa deemte. Torbe lama qofaaf. Yeroos Qaalkidaan Finfinnee turte.

Madda suuraa, Dr. Kalkidan
Yeroo sun maatii hundaaf yeroo baayyee ulfaataa ture. Amma garuu milkii guddaadhaan bakka tokkotti hojjatu.
Lakkuun kunniin hojiilee tola oltummaa irrattis ni hirmaatu.
Waldaa "Twins Association jedhamu hundeessaniiru. Kaayyoon isaanii baayyee ta'uus hamma ammatti guutummaan guututti hojii hin jalqabne.
Lakkuun kunniin yeroo namni tokko jaalalli isaan qabu, nama kaan irratti inaaffaan jiraa?
Iyyaruusalem: Ulaagaan keenya wal fakkaata waan ta'eef yoo nu keessa namni tokko nama gaarii argate walii gammanna.
Qaalkidan: Waaqni lakku nu haa fiduu jenna (kolfa) Inaaffaadhan wal qabatee garuu yeroo muraasa akka dura walii hin keenninu waan ta'ef hin hafu natti fakkaata.















