Cooma tiruu lubbuu baayyee galaafataa jiru akkamitti ofirraa ittisna?

Madda suuraa, Getty Images
Dhibeen cooma tiruu ykn fatty liver jedhamu dhibee mallattoo yeroo dheeraaf otoo hin agarsiisiin lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa kaanittis dhibee tiruu bal'inaan mul'atu keessaa tokko akka ta'etu himama.
Namoonni wal'aansa dhibee biroo yaalamuuf mana yaala wayita dhaqan cooma tiruu qabaachusaanii baay'inaan ofirratti hubatu jedhu hakiimni dhimma kanarratti BBC'n dubbise.
Miidiyaalee hawaasarratti dhimma fayyaarratti hubannoo hawaasaaf kennuun kan beekaman Dr Naafyaad Geetuu, namoota wal'aansaaf isaan bira dhaqan keessaa 20-30 irratti torban tokkotti dhibee cooma tiruu kana akka argan ibsu.
Garuu sadarkaa dhibeen kun irratti argamu gargari: salphaa, giddugaleessaa fi cimaatti qoodama.
Dhibee kanaarraa fayyuunis kan danda'amu sadarkaa inni irra qaqqaberratti akka hundaa'u ibsu hakimni kun.
Kana jechuun coomni tiruu sadarkaa gadaanarratti yaalamnaan carraan fayyuu isaa olaanaadha. Yoo sadarkaa olaanaarra gahemmoo rakkoon fayyaa kanarra fayyuun ulfaachuu mala.
Coomni tiruu maali?
Coomni tiruu akkuma maqaasarraa hubatamutti coomni garmalee tiruu keessatti kuufamuudha.
Yeroo hedduu garmalee furdachuu waliin hariiroo qaba.
Coomni kuufame kulkula (inflammation) uumuun hojii tiruun dalagu danqu.
Kulkulli uumamu godaannisa ykn madaa (fibrosis) tiruurratti uuma.
Dhibeen cooma tiruu kun baay'inaan mallattoo hin agarsiisu jedha hakiimni kun.
Dhibeen kun harka caalu sadarkaa olaanaarra erga qaqqabee booda mallattoo agarsiisa.
Tiruun yoo garmalee madoofte sadarkaa 'cirrhosis' jedhamurra geessi.
Mallattoolee ijoo dhibee cooma tiruu
- Dadhabsiisuu
- Mukaa'uu
- Dhukkubbii garaa harka mirga
- Haqqisisuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhibeewwan biroos mallattoolee kana fakkaatan agarsiisuu danda'u jedha miidyaa hawaasarraatti dhimma fayyaa hawaasaa barsiisuun kan beekamu Dr Naafyaad.
Dhibeen kun gosa gurguddoo lamaatti hiramu.
Dhibeen cooma tiruu inni tokko qaamonni sirna bullaa'insa soorataa miidhamuu waliin hariiroo qaba. Ogeeyyiin 'Metabolic dysfunction-associated steatotic liver disease (MASLD)' jechuun waamu.
Coomni tiruu gosti kun namoota ulfaatina garmalee qaban, dhibee sukkaaraa gosa lammaaffaa fi dhibbaa dhiigaa olaanaa qaban miidha.
Inni lammaffaan ammoo dhugaatii alkoolii waliin hidhata qaba.
Erga tiruun dadhabee booda mallattoon mul'atan ammoo: bishaan garaa keessatti kuuufamu, qaama ykn nafa nama dhidhiitessuu, ijji gara keellootti geeddaramu, dhiiga haqqisiisu fi sammuu miidhullee danda'a.
Tiruun soorata bulleessuu, waantoota summaa'oo qaama keenya keessaa qulqulleessuu, hormoniwwaani fi inzaayimoota soorata bulleessuuf oolan maddisuu dabalatee hojii 500tti dhiyaatan akka hojjetu ragaaleen qorannoo ni agarsiisu.
Sababa kanaaf, tiruun yeroo miidhamu dhibbaan qaamolee kaanirras gahuu danda'a, gara kaansariitti geeddaramurraa hanga lubbuu namaa galafachuutti miidhaa qaqqabsiisuu akka danda'u hakiimni kun himaniiru.
Maaltu dhibee kanaaf nama saaxila?
Namoonni dhibee sukkaaraa gosa lammaffaan qabamanii wal'aansa hin argannee fi namoonni furdina garmalee qaban rakkoo fayyaa akkasiif saaxilamoo ta'uu hakiimni kun akeekkachisaniiru.
Kana malees, dhugaatiin alkoolii coomni akka tiruu keessatti kuufamuun hanga tiruu dadhabsiisutti gahuu akka danda'us eeran.
Kana qofas miti, dhiibbaan dhiigaa wal'aansa yoo hin argannee rakkoo fayyaa kanaaf nama ni saaxila.
Akka hakiimni kun ibsanitti, garmalee soorachuunis ta'ee hanqinni soorataa rakkoo fayyaa kanaaf nama saaxiluu keessatti qooda qabu.
Coomni tiruu dhibee nama tokkorraa nama biraatti kallattiin daddarbu miti.
Dhibee kana namoonni sodaachuurra irraa of eegurratti akka xiyyeeffatan gorsu ogeessi dubbisne.
Of eeggannoo gorfaman
- Ulfaatina qaamaa ol ka'aa namoonni qaban hir'isuu
- Dhugaatii alkoolii lagachuu ykn xiqqeessu
- Gosa nyaataa filachuu fi ammasaa madaalawaa gochuu, soorata madalaawaa ta'e soorachuu.
- Sosocho'uu (exercise)
- Otoo hin dhukkubsatiin haala fayyaa qaama ofii yoo xiqqaate waggaatti si'a tokko sakatta'amuu.
- Namoonni dhibee sukkaaraa qaban hamma sukkaara qaamasaanii to'achuu qabu.
Maaltu coomni tiruurra akka kuufamu taasisa?
Ogeeyyiin sababa maaliif coomni tiruu namoota kaanii keessatti kuufamee, namoota biroo keessatti otoo hin kuufamiin hafuuf sirriitti hin beekamu jedha barruun dhimma fayyaarratti hubannoo kennuun beekamu Maayoo kilinki.
Garuu sababoota ijoo gumaacha qabaachu malu jedhu tarreesseera.
- Qaccee
- Garmalee gabbachuu ykn furdachuu
- Qaamni keenya insulinii ofirraa lolu ykn jibbuu (Insulin resistance)
- Dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa
- Coomni olaanaan dhiiga keessa jiraachuu, keessattuu qabiyyeen 'triglycerides' waanta jedhamuu dhiiga keessatti baay'achuun walqabata. Kunneen walitti ida'amanii tiruu keenya balleessuu danda'uu jedha barruun dhimma fayyaarratti hubannoo kennuun beekamu kun.












