Faayidaalee fayyaa ajaayibsiisoo luka tokkoon dhaabachuu qofaan argaman

Madda suuraa, Getty Images
Akkuma umriin keenya dabalaa deemuun madaala keenya eeguun nutti cimaa deema. Luka tokkoon dhaabachuunis akkasuma.
Garuu shaakalli yeroo dheeraa akka cimnee dhaabannu nu gargaara. Cimina qaamaa qofaaf osoo hin taane akka waa yaadannuu fi sammuun keenya akka fayya buleessa ta'uuf bu'aa guddaa qaba.
Dhalli namaa hanga umriinsaa waggaa soddoma gara digdama ta'utti luka tokkoon salphumatti dhaabachuu danda'a. Isa booda garuu dandeettiin kun hir'achuu eegala.
Umriin kee waggaa 50 ol ta'ee sekendiiwwaniif luka tokkoon dhaabachuu dandeenyaan fayya buleessa ta'uu kee agarsiisa. Dullumis si miidhaa akka hin jirre sitti hima. Mee yaali!
Luka tokkoon dhaabachuun sammuu fi qaama keenya guddoo fayyada. Baayyee waan nu jabeessuuf tasa akka hin kufnellee nu gargaara. Akkasumas sammuu keenya gabbisuun yaadannoo keenya guddisa.
Jijjiirama umrii keessatti akkuma gara dullumaatti siqaa deemnu shaakalli salphaan kun nu ijaaraa deema.
Dhaabbata barnootaa Ameerikaa Physical Medicine and Rehabilitation jedhamutti ispeeshaalistii kan ta'e Tracy Espiritu McKay ''luka tokkoon dhaabachuu shaakaluun yoo sitti cime, yeroo itti madaala eeguurratti hojjechuu qabdu akka ta'e hubadhu,'' jechuun gorsa.
Doktaroonni dandeettii luka tokkoon dhaabachuu akka ulaagaa fayyummaa ykn safartuu fayyummaatti fudhatu. Sababni isaa wayita umriin keenya dabalu maashaaleen keenya dhumaa jiraachuu fi fayyaa jiraachuu waliin waan wal hidhatuuf.
Umrii dabaluu faana maashaaleen namaa dhumaa deemuun Sacropenia jedhama.
Umrii waggaa soddoma booda maashaaleen keenya waggaa kurnatti dhibbeentaa saddeetiin hir'ataa deemu.
Namoonni dhibbeentaa 50 ta'an wayita umriinsaanii waggaa 80 galu dhumaatii maashaa Sacropennia jedhamu kanaaf ni saaxilamu.
Garuu namoonni luka tokkoon dhaabachuu shaakalan carraan dhibee kanaaf saaxilamuusaanii xiqqaadha.
Sababni isaa shaakalli kun lukaa fi sarbaa namaa cimsuun akka fayya qabeessa ta'u gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dandeettiin luka tokkoon dhaabachuu umrii faana hir'ataa deema,'' jedha dhaabbata Mayo Clinic jedhamu kan Minesootaatti argamutti daarekatara damee sochii qaama namaa kan ta'e Kenton Kaufman.
Dandeettiin luka tokkoon dhaabachuu sammuu keenya waliinis hidhata cimaa qaba.
Shaakala kana hojjechuun cimina maashaa fi dandeettii sosocho'uu keenya qofaan hin murtaa'u, dandeettii fi ga'umsi sammuun keenya hojiisaa hojjechuurratti qabus murteessaadha.
Akkaataa sammuun keenya odeeffannoo ija keenyarraa fuudhee gara keessoo gurra keenyaa, iddoo giddugala madaala qaama keenyaa eegutti dabarsuu fi achirraa ammoo gara hojiitti jijjiiru adeemsa shaakala kanaa keessatti bu'uura.
Narviiwwan sammuu keenya keessa jiran hojiisaanii akkaan walxaxaa ta'e qixeessanii hojjechuu yoo danda'an qofa luka tokkoon qaama keenya baannee madaala eegnee dhaabbachuu dandeenya.
Sammuun hin hojjetu taanaan madaala eegnee dhaabachuu hin dandeenyu.
''Sirni sammuu fi qaama keenyaa madaala eeguu kanaaf nu gargaaru hunduu akkuma umriin dabalaa deemuun hir'ataa deema,'' jedhe Kaufman.
Kana jechuun dandeettiin luka tokkoon dhaabachuu waa'ee fayyaa sammuu keetii waan hedduu himuu danda'a jechuudha jedha Espiritu McKay.
Hundi keenyayyuu akkuma umriin keenya dabalaa deemuun ga'umsi sammuu keenyaa dadhabuun nu mudachuun waan hin oolle.
Garuu rakkoon kun dafee kan nu jalqabu yoo ta'e ga'umsa sammuu keenyaarratti dhiibbaa qaba.
Rakkoon kun umrii keenya gara dhumaarratti of dandeenyee jiraachuu dadhabna, akkasumas salphaatti bakkumatti akka kufnu nu gochuu danda'a.
Ragaan Giddugala Ittisaa fi To'annoo Dhibee US akka mul'isutti Ameerikaa keessatti namoonni umriinsaanii waggaa 60 keessa gale osoo hin beekin akka kufanii miidhamaniif rakkoon madaala eeggachuu dadhabuu isa ijoodha.
Qorattoonni akka jedhanitti shaakalli miilla tokkoon dhaabachuu balaa kufuu namarraa hir'isuu danda'a.
Shaakala luka tokkoon dhaabachuu kana deddeebinee hojjechuun rakkoo ykn dhibee dulluma faana mudatu hir'isuun ni danda'ama akka qorannoon mul'isutti.
Sochiin saayintistoonni ''shaakala luka tokkoon dhaabachuu'' jedhaniin kun dhuka lafee, lukaa fi sarbaa keenya jabeessuu qofa osoo hin taane, dhibee fayyaa sammuu keenya mudatellee irraa salphisuuf humna qaba.
Luka tokkoon madaala eeganii dhaabachuun kutaa sammuu keessaa kan hojii waa yaadachuu hojjetu jabeessuun dandeettii waan darbe yaadachuu keenya gabbisa jedhan qorattoonni.
Qorannoon tokko akka agarsiisutti sammuu dulloome qofaaf osoo hin taane sammuu dargaggeeyyii sirriitti hojjechiisuufillee baayyee fayyada.
Espiritu McKay namoonni umriinsaanii waggaa 60 keessa gale shaakala kana torbanitti yoo xiqqaate yeroo sadi hojjechuu akka qaban gorsiti.
Garuu ammoo shaakalliin raawwii guyyuu dhala namaa keessaa tokko ta'uu qaba jette.
Shaakala kana umrii ijoollummaatti jalqabuun itti fufuun baayyee bu'a qabeessa jetti.
Dhaabbata qorannoo Clinimex clinic kan Rio de Janeiro keessatti argamutti qorataa kan ta'e Claudio Gil Araujo namoonni umriinsaanii 50 keessa jiru yoo xiqqaate sekendii 10f luka tokkoon dhaabachuu danda'uu qabu jedhe.
''Kun taatee guyyuu raawwattu keessatti waan hojjettuudha. Fakkeenyaaf ilkaan kee rigachaa luka kee wal jijjiirtee dhaabachuu dandeessa. Shaakala kanas luka duwwaa fi kopheedhaanis gochuun faayida qaba.''

Madda suuraa, Getty Images












