Qajeeltoo sirna nyaataa fi sochii qaamaa Ramadaana keessa

''Kuduraaleen filannoo jalqabaa ta'anii hin beekan, garuu yeroo hunda pirootiinii fi kaarboohaayidireetii xabareessaa irratti argina,'' jetti ogeettiin sirna soorataa Qureeshiin
Ibsa waa'ee suuraa, Kuduraalee nyaachuunis ni gorfamu

Wayita sooma Ramadaanaa qaamni namaa itti baruuf akkasumas anniisaa qaamaa irratti jijjiiramni waan uumamuuf, sochii qaamaa idilee itti fufanii hojjechuun dhimma xiyyeeffannaan ilaalamu ta'a.

Leenjisaa ispoortii kan ta'e Bilaal Hafiiz fi ogeettii sirna soorataa kan taate Naziimaa Qureeshiif kun dhimma ijoodha.

Abbaa warraa fi haadha warraa kan ta'an namoonni kunneen akkaataa sirna soorataa fi sochii qaamaa Ramadaana keessaa irratti kitaaba mata dureensaa - Healthy Ramadan Guide jedhu barreessaniiru.

''Kaayyoon Ramadaanaa qaamaa qalbiin kadhannaarratti xiyyeeffachuudha. Ji'a kana keessa duratti ba'anii si'oominaan hojjechuudha.

''Akkaataan soorataa fi wanti soorannu kana milkeessuuf akkaan murteessaadha. Dhiphinaa fi dadhabbii nurraa kaasa. Hojii keenya jaallannee maatii waliin gammachuun akka jiraannu nu gargaara,'' jedha Hafiiz.

Guyyoota 30 kana keessatti fayyaa fi jabina qaamaa ga'aa qabaachuun akkamiin dabarsuun akka danda'amurratti qabxii kunneen kaa'aniiru.

Qaamni kee bishaan ga'aa argachuu qaba

Bishaan ga'aa dhabuun mataa-bowwuu namatti fida
Ibsa waa'ee suuraa, Bishaan ga'aa dhabuun mataa-bowwuu namatti fida

''Namoonni hedduun wayita sooma Ramadaanaa eegalan mataa-bowwuu himatu. Kun sababa bishaan ga'aa hin dhugneefidha,'' jetti Qureeshiin.

''Bishaan ji'a kana keessa dhugnu kan yeroo kaaniin gadi ta'uu hin qabu. Yeroo hunda ganama wayita sooma eegallu bishaan liitira tokko dhuguu keenya mirkaneeffachuun dansaadha. Yoos qaamni keenya nagaa argata.''

Dhugaatii kaafeenii of keessaa qabu (kan akka bunaa) baayyinaan kan fayyadamnu yoo ta'u, bishaan qabiyyeedhaan sanaa ol ta'e ammoo dhuguu qabna jette Qureeshiin.

''Garuu qabiyyee bunaa fayyadamnuu hir'isuu yoo dandeenye baay'ee filatamaadha,'' jette.

Soomana miira qajeelaa ta'een eegali

Soorati galgala soorannu murteessaadha

''Yeroo lama- Ifxaar fi Suhuur qofa waan soorannuuf soorata guyyaa guutuu anniisaa nuuf kennu filachuu qabna,'' jedha Hafiiz.

''Namoonni hedduun dadhabbii jalaa dandamachuuf osoo hirriiba rafanii nyaati ganamaa- Suhuur isaan darba. Garuu soorati yeroo sanaa akkaan murteessaadha,'' jetti Qureeshiin.

Ganamarratti kaarboohaayidireetii, pirootiinii fi cooma fayyaalessa ta'e akkasumas ammoo kuduraalee fi fuduraalee itti daranii soorachuun fayyaa keenyaaf gaarii akka ta'e gorsu.

''Shorbaan galgala- Ifxaara irratti dhugamu qabiyyee soorataa eeraman kunneen hunda of keessaa waan qabuuf baay'ee gorfama. Kanarratti pirootiinii argachuuf baaduu (areera), akkasumas soorata cooma muraasa qabuu fi fuduraalee dabaluudha.''

Hanga qaamni itti barutti obboroo ka'anii nyaachuun cimuu danda'a kan jettu Qureeshiin, ''gara jalqabaa yoo sitti cimellee ka'ii muraasa nyaadhu. Guyyaa afur yookiin shan booda yeroo sanatti beela'uu eegalta,'' jetti.

Galgala gar-malee nyaachuu dhaabi

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa guutuu soomaa oolanii galgala wayita yeroon ga'u soorata hedduu soorachuun miidhaa qaamarratti qaba.

''Keessattuu wayita maatii waliin galgala sooma hiiknu osoo hin beekin baay'ee sooranna,'' jedha Hafiiz.

''Soorati muslimoonni hedduu waqtii soomaa fayyadaman ulfaataa waan ta'eef salphaatti qaama namaan ol ta'uu danda'a.''

''Fakkeenyaaf kan yeroo baayyee sooratamu sambuusaadha. Sambuusaan tokko yoo xiqqaate kaaloorii 250 qaba. Namni tokko, lama, sadi nyaachuu danda'a.

''Haala kanaan kaaloorii qaama keessa jiraachuu male irra harka hedduu dabarsita jechuudha,'' jedhe Hafiiz.

''Osoo torbeetti ta'ee haata'u. Garuu guyyuu haala kanaan guyyoota 30f soorachuun miidhaa qaba. Kanaafuu wayita soomaa kan yeroo kaanii caalaa sooranna.''

''Jalqaba bishaan, tamirii fi fuduraalee muraasatti sooma akka hiiktan gorsina. Soorata biraa eegaluun dura gara salaataa[kadhannaa] deemaa!

''Wayita soorata aadaa keessanii eegaltanis muraasa fayyadamaa! Hanga danda'ametti soorata madaalawaa ta'e qopheeffachuu qabna.

''Pirootinii, kaarboohaayidireetii, kuduraalee walitti makuun bifa shoorbaan yoo fayyadamne bayeessa,'' jechuun gorsiti Qureeshiin.

Hanga qaamni sirriitti itti barutti sochii qaama sasalphaa ta'an hojjechuutu gorfama
Ibsa waa'ee suuraa, Hanga qaamni sirriitti itti barutti sochii qaama sasalphaa ta'an hojjechuutu gorfama

Suuta suuta sooradhaa!

Soorata qabdurraa wayita namaaf qooddu waan qoodde hunda akka sooratanii fixan feeta.

Garuu soorata hunda fixi jedhanii dhiibbaa namarratti uumuun sirrii miti jedhu ogeeyyiin kunneen.

Hafiiz akkas jedha: ''Wanti guddaan namatti himuu feenu wayita sooratan akka suuta jedhaniidha. Yeroo kee fudhu, waliin haasa'aa sooradhaa.

''Yoo osoo kaan qabanii ati dursitee soorata kee fixxe akka dabalattuuf dhiibbaa sirratti uumu, kanaafuu suuta jedhi.''

''Kuduraaleen filannoo jalqabaa ta'anii hin beekan, garuu yeroo hunda pirootiinii fi kaarboohaayidireetii xabareessaa[baay'inaan] irratti argina,'' jetti ogeettiin sirna soorataa Qureeshiin.

''Wayita sooma hiikanii soorata gareedhaan sooratan, keessaa filatanii soorachuun hin jiru. Waan dhihaate hunda nyaachuun dirqama.''

Yeroo siif mijatutti sochii qaamaa hojjedhu

''Namoonni hedduun wayita ifxaaraaf [sooma hiikuuf] sa'aatiin tokko yookiin lama hafu shaakala qaamaa taasisu. Yeroo xumuranitti bishaan fi nyaata ga'aa fayyadamuuf jechuudha,'' jedha Hafiiz.

''Haata'u malee yeroon kun kan siif mijatu miti taanaan yeroo siif mijatu irratti sagantaa qabadhu. An bara darbe waaree boodan shaakallii qaamaa hojjechaa ture.''

Jalqabarratti ni ulfaata kan jedhu Hafiiz, ''garuu qaamni dafee waan tokkotti waan baruuf boodarra itti baraan deeme,'' jechuun muuxannoosaa hime.

Akka filannootti ammoo erga sooma hiiktee shaakallii qaamaa hojjechuu akka dandeessu gorsa.

''Garuu sa'aatii sanatti ammoo salaati halkanii waan jiruuf rakkisaa ta'a,'' jedhe.

Of dadhabsiisuu osoo hin taane ciminaa fi tasgabbiirratti xiyyeeffadhu

Kun yeroo itti qaama keenya jabeessinuudha malee yeroo of dadhabsiifnu miti

Guyyaa keessatti yeroo itti shaakala qaamaa hojjettu erga filattee booda isarratti qaama kee barsiisuu qabda.

''Ji'a Ramadaanaa kana keessa hamma shaakallii hojjettuus murteessi,'' jedha Hafiiz.

''Irra caalaa sochii, jabina qaamaa fi tasgabbii qaama kee irratti xiyyeeffadhu.''

Halkan hirriba ga'aa rafuun fayyummaa fi jabina qamaaf murteessaa ta'uu eere, garuu hirriiba baayyisuun qaama namaa akka laaffisuu fi fayyaarratti dhiibbaa qabaachuu hime.

Kanaafuu ji'a Ramadaanaa kana keessa gosoota ispoortii humna guddaa gaafatan osoo hin taane kanneen qaama keenyaaf jabinaa fi tasgabbii uuman filannee hojjechuu qabna jedha.

Akeeka kee irratti xiyyeeffadhu

Sababa sooma Ramadaanaa qaamni kee hanqina anniisaaf yoo saaxilame of dhiphisuurra kaayyoo Ramadaanaa irratti xiyyeefadhu jedha Hafiiz.

''Waanuma soomuu qabnu qofaaf miti kan soomnu, hiikni isaa sanaa oli. Hunda kan caalu faayidaa hafuuraa inni qabuudha. Sanarratti xiyyeeffachuudha,'' jechuun gorsa.

''Kaayyoo ji'a kanaa ilaallee jabaachuun barbaachisaadha. Wayita laafnu akka of jabeessinuuf miira nu gargaaruudha. Anaaf dadhabbiin ji'a Ramadaanaa na hin mufachiisu. Kanatu barbaachisas waan ta'eef,'' jedhe.