Guyyaatti yeroo 7,000 tarkaanfachuun rakkoolee fayyaa ni qolata- Qorannoo

Namoota saree waliin imala ajiran

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaattii yeroo 7,000 qofa tarkaanfachuun sammuu jabeessuun rakkoolee fayyaa nama mudachuu malan akkaan xiqqeessa jedhe qorannoo haaraan.

Amma dura hubannaan waliigalaa jiru guyyaattii tarkaanfiin 10,000 fayyaa namaaf gaarii ta'uudha.

Qorannoon haaraan barruu Fayyaa Hawaasaa Laanset gubbaa bahe guyyaatti tarkaanfiiwwan 7,000 rakkoolee fayyaa akka kaansarii, dimeenshiyaafi dhibee onnee ittisuuf ni gargaara.

Bu'aan qorannoo kun namoonni baayyeen tarkaanfiisaanii akka hordofaniifi fayyaasaanii eeguuf akka itti gargaaraman godhaa jedha qorannichi.

''Hubannaan jiru guyyaatti tarkaanfii 10,000 gochuu qabna kan jedhuudha'' jedhu barreessaan barruu kanaa Dr Melodiiy Diing. Ammoo ''kun ragaaratti kan hundaa'e miti'' jedhan.

Tarkaanfii 10,000 kan jedhu jalqabnisaa gara bara 1960ootaatti boodatti nu geessa. Mala beeksisaa Jaappaanitti hojiirra oole ture. Olompika Tookiyoo bara 1964 gaggeeffamuuf jecha duulli ''manpo-kei'' jedhamu fi hiikkaan isaas tarkaanfii meetira 10,000'' ta'etu gaggeeffamaa ture.

Dr Diing jechi kun akka malee fudhatamee, qajeeltoo fayyaa namni hedduun hordofu ta'e jedhu. Warri shaakala qamaatti nama leenjisaniifi aappiiwwan adda addaas namni akka raawwatu gorsuu jalqaban jedhu.

Qorannoon Laanseet gubbaa bahe kun namoota gaheeyyii ta'an 160,000 addunyaa guutuutti ooltiifi sochiisaanii qorateera.

Namoota guyyaattii tarkaanfii 2,000 deeman waliin walbira yoo qabamu warri tarkaanfii 7,000 guyyaattii adeeman rakkoo fayyaa mudachuu danda'uu sadarkaa olaanaan akka xiqqeessan ibseera.

Fakkeenyaaf:

  • Rakkoo fayyaa onnee - 25%
  • Kaansarii - 6%
  • Dimeenshiyaa - 38%
  • Mukaa'uu (Depression) - 22%

Qorattoonni kun hammi rakkoo fayyaa sababa sochii kanaan xiqqaachuu danda'uu saamuda fudhatamurratti hundaa'uun garaagara ta'uu akka danda'u dubbatu.

Haata'u malee 7,000 gadittis tarkaanfiiwwan giddugaleessaa akka 4,000 guyyaatti gochuun guyyaatti tarkaanfii 2,000 gochuudhaan olitti fayyaa buleessa nama godha jedha qorannichi.

Guyyaatti tarkaanfii 7,000 ol adeemuun ammoo fayyaa onnee dabalatee fayidaawwan fayya abiroo olaanaa qabaachuus eereera.

Kanneen shaakallii qaamaarratti nama leenjisan hedduun sa'aatii sochiisanarratti dabarfame malee tarkaanfii lakkaa'uurrati hin xiyyeeffatan.

Fakkeenyaaf Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa gaheessi tokko eroobiksii (sochii qaamaa) torbanitti sa'aatii 150 gochuu qabuu jedha. Sochii jabaa yoo ta'e ammoo turtiin inni xiqqaan torbanitti sa'aatii 75 ta'uu gorsa.

Dr. Ding bu'aan qorannoo haaraa kanaa namni shaakala qaamaa haala salphaan akka hubatu godhaa jedhu.

Deemsa miilaan alatti namootni bishaan daakan jiru, kan saayikilii oofan jiru, kanneen miidhama qaamaa qabanirraa kan ka'e deemsa miilaa kana hin dandeenyes jiruu jedhu Dr Ding.

Aappii tarkaanfii lakkaa'u

Madda suuraa, Getty Images

Tarkaanfiin miilaa kunis sochiilee qaamaa biroo godhamanitti dabalataan ilaalamuu akka danda'us himti. Kaayyoonsaa ammoo namni hunduu sochii qaamaa guyyaatti godhu dabaluu akka ta'e himan.

Yunivarsiitii Landan jirutti ogeessa kan ta'an Dr Daani'eel Beeliiy qorannoon kun jette jettee tarkaanfiin 10,000 fayyaaf gaariidha jedhugaaffii keessa galcheera jedhan.

Namootni danda'an guyyaatti hanga tarkaanfii 10,000 deemuun gaariidha kan jedhan ogeessi kun namoota kaaniif garuu an dhugoomuu danda'u guyyaatti tarkaanfii 5,000-7,000 ta'uu dubbatu.

Ogeessi waldhaansa shaakala qaamaa Dr Andiriiw Iskoot gama isaan hammi lakkoofsa tarkaanfii inni sirriin hangas mara barbaachisa ata'uu dhiisuu danda'aa jedha. Ammoo ''baayyachuunissaa gaariidha'' jedhu. Namootni hamma lakkoofsa jedhamee socho'uu hanqatanis badaa yaaddahuu hin qaban jedhan.