Yoo sochii qaamaa taasifnuutti qaamni keenya yoom cooma gubuu jalqaba?

Namni maanguddoon harkatti bilbila qabatanii osoo fiiganu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ciminni sochii qaamaa fi jiraachuun annisaa qaamni humnaaf cooma fayyadamuu isaa murteessuu keessatti gahee olaanaa qaba

Namoonni baay'een kaayyoo tokko yaada keessa galchuun gara mana jiimii deemu: innis cooma qaamsaanii keessaa gubuudha.

Haata'u malee, oggeessoonni qaamni namaa battalumatti gara haala cooma gubuutti hin jijjiiramu jedhu.

Sochiin qaamaa fayyaa waligalaa fooyyeessuuf gahe qaba.

Sochiin qaamaa ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta'e akka jiraatu, dhukkuba onnee fi kalee dabalatee dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaa fi kolestiroolii jiran ittisuuf akka gargaaru oggeessoonni ni gorsu.

Cooma qaama keessaa gubuun, cimina sochii qaamaa, yeroo fi bobaʼaan argamu irratti hundaaʼuudhaan sirna itti fayyadama anniisaa walxaxaa taʼe irratti hundaaʼun kan raawwatamudha.

Qaamni attamiin annisaa fayyadama?

"Kuusaan anniisaa qaama keenyaa saffiisaan gilaakojiinidha. Innis gosa kaarboohaayidireeti maashaa fi tiruu keessatti kuufamuuti. Gochaawwan akka fiigicha meetira 100 fi ulfaatina kaasuu cimina barbaadaniif anniisaa kenna'' jechuun ibsu, Biraaziliitti pirofessarri saayikolojii 'Federal University of São Paulo' Paawuloo Koririiyaa.

Gilaayikojiniin nyaata soorannu kan akka kuduraa, muduraa fi dheedhii dabalate dhugaatiiwwan lallaafaa shukkaara qabaniifi daabboo adii irraa argama.

Garaagarummaan isaa guddaan filannoowwan fayya-dhabeessa ta'an kaalorii baay'ee ol'aanaafi soorata gadi aanaa qabaachuu isaaniiti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akksumas cooma gubnu caalaa kuufama kaalorii yeroo nyaannu kuufama anniisaatu caala. Molakiyuulii tokkoof anniisaa gilaayikojiin caalaa kenna haata'u malee, qaamni coomaa sana gara anniisaa itti fayyadamuu danda'utti caccabsuuf yeroo dheeraa fudhata.

"Fakkeenya shaamaa fi mukaa fayyadamuun ibsuu jaalladha," jedha Yunivarsiitii Saawuz Weestern, Teksaas keessatti Piroofeesara Kinsiiyoolojii, Ed Meriit.

''Shaamaan cooma bakka bu'a. Suuta jedhee baqa. Mukni gamasaatiin dafee ni gubata. Haata'u malee dafee bada. Qaamni keenyas haala walfakkaatuun hojjata. Yeroo sochii cimaa raawwannuutti anniisaa saffisaan yoo nu barbaachisu, kaarbohayidireetii gubna. Yoo anniisaa gadaanaa barbaadnu cooma gubna'' jedhan.

Meeriit kun yaada ''zoonii cooma gubuutiin'' bakka itti sochiin qaamaa suuta taasifamuutti qaamni cooma fayyadamuuf filatuutiin akka walfakkaatu ibsan.

''Zoonii akkasii keessa seenuuf ammoo taa'u fi TV ilaaluun qafaan ni danda'ama. Kana jechuun ammoo ulfaatinni hir'ataa jira jechuu miti,'' jedhan.

"Kanaaf, ulfaatina qaamaa hir'isuuf zoonii cooma gubu qofarratti hirkatanii hojjechuun dogoggora. Seenaa kana keessaa waan baay'eetu jira," jechuun Ed dabalata.

Dubartii sadarkaa ol bahaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun itti fayyadama coomaa kan fooyyessuu yoo ta'u, maashaaleen baay'een yeroo boqonnaa kaalorii gubuu guddisa akka argatan taasisa

Sochii qaamaa kam filachuu qabna?

Yaadni dogoggoraa baay'inaan mul'atu jira. Innis, cooma hir'isuuf karaa bu'a qabeessa ta'e muraasa (cardio) qofadha jechuun yaadudha.

Sochiileen akka fiigichaa fi biskileetii oofuu kaalorii gubuuf kan gargaaran yoo ta'u, leenjiin humnaa cooma hir'isuuf akkuma kana barbaachisaadha.

Maashaa ijaaruun boqonnaa meetaabolii ni dabala, sababiin isaas tishuun maashaa cooma caalaa anniisaa guddaa waan barbaaduufiidha.

Kana jechuun yeroo sochii qaamaa hin goonellee qaamni kee guyyaa guutuu kaalorii baay'ee guba jechuudha.

Hangi maashaalee fayyaa waliigalaa keenya keessatti gahee olaanaa kan qaban yoo ta'u, haalawwan yeroo dheeraa kanneen akka dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onneefi dhukkuba lafee ittisuuf gargaara.

Sochii qaamaa cimaan adda durummaan gilaayikoojinii kan gubu yoo ta'u, yeroo dheeraaf deemsa cimina giddu galeessaa qabu keessatti coomni madda anniisaa isa guddaa ta'a.

Gilaayikoojiiniin akka dhumutti yeroo dheeraa ta'us hamma humna saffisaa sochii sana itti fufsiisuuf barbaachisu akka hin dhabneef gargaara.

Daangaan ciminaa kun 'zone 2' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kunis naannoo %60-70 dha'annaa onnee keessanii isa guddaa ta'a. Faayidaa akka gahumsa onnee fi ujummoo dhiigaa fooyyessuu fi oksaayidii coomaa dabaluu kan kennu ta'us, cooma hir'isuuf hunda caalaa bu'a qabeessa miti.

Yoo sochii qaamaa gochaa jirta ta'e, furtuun kaalorii gubuudha, eessaa akka dhufan hanga kana dhimma hin qabu. Akkuma armaan dura ibsame qaamni cooma kan kuusu yoo kaalorii fudhatamu baasii caaludha. Faallaa kanaatiin ammoo, yeroo nyaattu caalaa gubdu ulfaatina qaamaa hir'isa.

"Yeroo sochii qaamaa xiqqaa ta'een cooma baay'ee gubda garuu, kaalorii waliigalaa xiqqaatu gubata. Yeroo sochii qaamaa cimaan hojjatamuutti kaalorii dhibbeentaan xiqqaan cooma irraa argama, garuu walumaagalatti baay'eetu gubda," jedha Meerit.

Tibba sochii qaamaa taasifnuutti HIIT (High-Intensity Interval Training) dabalatee, yeroo keessa coomni akka hir'atuuf gumaacha taasisa.

''Erga sochii qaamaa dhaabdanii booda, fayyadamni annisaa ni hir'ata. Kunis ''bu'aa gubannaan booda (afterburn effect)'' jedhamuun beekama. Sochii qaama keenya bakka idileesaatti hanga deebii'uutti, gilaayikoonii maashaafi tiruu irraa argatu itti fayaydamu itti fufa'' jedhu Kooreeyaan.

Sababiiwwan dhunfaa nama tokkoos haala dandeessiit cooma hir'isuurratti dhiibbaa qabaata. Innis sanyii, umurii fi sadarkaa gahumsa qaamaa dabalata.

Namoonni tokko tokko sababii umamaatiin meetaabolizimii saffisaa qabu. Kunis fayyadama kuusaa comaa anniisaaf fayyadamu ni salphisa.

Ammuma umuriidhaan deemnu metabolizimiin ni hir'ata. Baayyinni maashaas ni hir'ata. Jijjiramni hormonis kuusaa coomaa fi waliigalarratti dhiibbaa taasisa.

Yeroo hunda sochii qaamaa taasisuun fayyadama coomaa ni fooyyeessa. maashaa hedduu jiraachuun amma kaaloorii yeroo boqonnaa gubatuu dabala.

Sochii qaamaatiin booda soorachuun cooma hir'isuu irratti dhiibbaa qabaa?

Sochii qaamaa booda akkamitti ykn haalli itti soorattan murteessaadha.

"Sochii qaamaatiin booda qaamnikee boba'aa itti fayyadame saffisaan (gilukoosii) guutuuf hojjeta. Yoo battalumatti nyaachuu baatte qaamnikee cooma kuufame fayyadamee sadarkaa duraatti deebisuu danda'a," jechuun isiti Meeriit.

Haataʼu malee, galmi keessan gaʼumsa guddaa gochuu yoo taʼe, jechuunis ulfina kaasuun, saffisaan fiiguu ykn cimina fooyyessuu yoo taʼe, sochii qaamaa erga gootanii booda battalumatti nyaachuun murteessaadha.

"Bayyanachuuf gargaaruun alattis yeroo itti aanutti irra deebitee cimtanii leenji'uu ni dandeessisa. Dhumarratti, galma keessan irratti hundaa'a. Ulfaatina qaamaa hir'isuu fi raawwiin hojii yeroo baayyee wal faalleessu," jechuun Meeriit hubachiisa.

Kaarboohayidireetii hir'isuun qaamni cooma baay'ee akka gubu jajjabeessuuf mala gaarii fakkaachuu danda'a, yeroo tokko tokkos bu'a qabeessa ta'uu danda'a.

Haata'u malee, sochii qaamaa yeroo hunda gochuu wajjin yoo walitti makamu, kun bu'aa faallaa qabaachu danda'a.

Yeroo itti qaamni cooma qofaadhaan fedhii kaarboohayidireetii guutuu hin dandeenyeetti, maashaaleen gulukosii qaamaa gubuu yoo eegalu, dadhabbii ykn kaarbohayidireetii gadaanaa fudhachu, gara dadhabbii maashaatti geessa.

Akkasumas, gilaayikoojiiniin fayyuu fi hojii qaama ittisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf sirna ittisa qaamaa miidhuu danda'a.

Cooma gubuudhaaf sochii qaamaa caalaa maaliif nyaanni barbaachisaa ta'a?

Sochii qaamaa gochuun cooma akka kuufamne ni taasisa, garuu sochii qaamaa qofti kaalorii meeqa gubuu akka danda'urratti hir'ina qaba, keessumaa namoota atileetii hin taaneef.

"Coomni kan kuufamu yeroo anniisaan garmalee osoo hin fayyadamin hafe qofadha," jechuun ibas Kooreeyaan.

Kana wal madaalchisuudhaan ibsuuf, coomni kiiloo tokko tilmaamaan kaalorii 7,000 waliin wal gitu.

Daqiiqaa 30'f biskileetii oofuun hanga kaalorii 300 gubuu danda'a, garuu kun salphaatti piizaa tokko nyaachuudhaan deebi'uu danda'a.

"Sochii qaamaa gochuun fayyaa waliigalaatiif barbaachisaadha, garuu kaalorii yeroo sochii qaamaa gubatu salphaatti nyaataan bakka buufamuu danda'a," jechuun xumurte Meeriit.