Fayyaa onnee keenyaa akkamiin eeguu dandeenya?

Nama qomasaa qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Onneen fayyaalessi qaamni kee hojiisaa sirnaan akka dalagu godha. Dhiiga raabsuun oksijiinii dabalatee qabiyyeewwan murteessoon qaama kee waliin gaha.

Dhukkubni onneen wal-qabatu waggaa, waggaan akka addunyaatti nama miiliyoona 18 ajjeesa jedha gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.

Dhukkubooti kunneen keessaa sababa kantaruu dhiigaan onneen dhiiga tamsaasuu gaafa dadhabuufi istirookiin warreen miidhaa guddaa geessisanidha.

Ga'eessi taa'ee jiru onneesaa daqiiqaa tokko keessatti al 60-100 dhikkifachuu qaba. Kaardiyoolojistoonni onnee akkasii qabaachuuf ammoo waan guyyaa, guyyaan irratti hojjechuu dandeessu dha jedhu.

''Ga'eessa yeroo jirru nyaata madaalawaa soorachuu, sochii qaamaa taasisuufi tamboo aarsuu dhiisuun, fayyaa onnee keenyaa eeguu dandeenya,'' jedhan Dr Evaan Leevaayin.

Yoo mala kana fayyadamne dhugumaan onnee keenya dhukkuba onneeerraa eeguu dandeenyaa?

Dhukkubbni onnee tasaa maali?

Dhukkubni onnee tasaa(heart attack) jedhamu yeroo dhiyeessiin dhiigaa cufamuu ujummoo irraan kan ka'e onnee seenuu gaafa dadhabu mudata.

Dhiigni gara onneetti oksijiinii fidu gaafa addaan citu maashaan onnee ni miidhamaa ykn ni du'a.

Yaalii hatattamaa yoo hin arganne maashaan onnee haala hin bayyananneen miidhama. Qaamni onnee harka jireessi yoo miidhame ammoo onneen dhikkifachuu dhaabuun du'atti nama geessa jechuu dha.

Dhukkubni onnee kuni mudatee sa'atii sadii ykn afur keessatti nama ajjeesuu danda'a kanaaf mallattoo arginaan battaluma mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.

Dhukkubbiin onnee tasaa kuni akka mudatu kan godhu ujummoo artarii kan onneef dhiiga dhiyeessu sababa cooma itti marsee jiruun qaawwisaa yeroo dhiphachuun dhiiga dabarsuu yeroo rakkatu dha.

Waggaa, waggaan namoonni 805,000 Ameerikaa keessatti dhukkuba onnee tasaa kanaan qabamu.

Dhukkuba onnee tasaa qabaachuu akkamiin barra?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukkubni onnee tasaa kuni mallattoo garagaraa qabaachuu danda'a inni baramaan garuu qomarra dhiibbaa guddaa qabaachuufi onnee keenyarraa muddamni nutti dhagahamuu fa'a tahuu danda'a.

Dubartoonni gariin ammoo qoma isaaniirra dhukkubbiin cimaa itti dhagahamuu danda'a.

Dr Eliin Baasahaayin Kaalifoorniyaatti hakiima onnee(kaardiyoolojistii) yoo tahan dhukkubni onnee tasaa jalqabarra nyaatni daakamuu yeroo didu miira nutti dhagahamu fakkaata jedhu.

Haa tahu malee dhukkubni kuni iddoowwan qaama keenyaa biroo irree isa bitaa, laagaa, dugdaa fi garaa dhukkubbiin akka nutti dhagahamu godha.

Mallattoon biraa ammoo mataan lafaan maruu, dafquu, hafuurri ciccituu fa'i dabalata.

Dhukkubni kuni yeroo baayyee akka tasaa kan mudatu tahus yeroo kaan ammoo guyyoota dursee mallattoo akeekkachiisaa agarsiisuu danda'a. Dhukkubbiin qomaa yeroo teessanillee kan hin deemne mallattoo tahuu danda'a.

''Yeroo dhukkubni kuni tasa mudatu dhiyeessiin dhiigaa yoo dafee bakka hin buunee maashaan onnee du'aa deema. Hamma mana hakiimaa gahamutti namni mallattoo dhukkubbii kanaa arge qoricha asprinii alanfachaa haa turu,'' jedhu Dr Eliin.

Mallattoo dhukkuba tasaa onnee kanaa arginaan hatattamaan mana hakiimaa akka deemuun akka barbaachisu himu.

''Ulfaatina gara malee, amala tamboo aarsuufi dhugaatii qabda taanaan dhukkuba onnee tasaaf saaxilamuuf carraa guddaa qaba,'' jedhu Dr Eliin.

Suuraa onnee

Madda suuraa, Getty Images

Dhukkuba onnee tasaa akkamiin ittisu?

Saaxilama dhukkuba onneef qabdu karaa garagaraan hir'isuu dandeessa. Kunis dhiibaa dhiigaa hir'isuu fi hamma koolestiroolii nyaata madaalawaafi sochii qaamaan to'achuudhaani.

Koolestirooliin waanta dhiiga keenya keessatti argamuufi seelii fayyaalessa tahe ijaaruuf waan barbaachisu dha. Haa tahu malee gosti koolestiroolii gariin ammoo dhukkuba onneef nama saaxiluu danda'a.

Haala jireenyaa fayyaalessa tahe qabaachuun waan guyyuu fayyaa onnee keenyaa eeguuf taasisnu dha jedhu.

Nyaata cooma xiqqaa, qaccee baayyee of keessaa qabu soorachuu akkasumas ashaboo guyyaatti giraama 6 ol soorachuu dhiisuu gorsu.

Kana malees gosoota nyaataa cooma qaban kanneen koolistiroolii dabaluu danda'an keekii, biskuutii, dadhaa, foon fa'i hir'isuun barbaachisaa tahuu hakiimni kuni gorsu.

Gosti nyaataa madaalawaa koolestiroolii gosa gaarii dabaluufi arteerii keenya cufame kan banu zayiita qurxummii, avookaadoo, looziiifi zayiita kuduraati.

Nyaata madaalawaa sochii qaamaa guyyuu wajjin taasisuun fayyaa onnee waliigalaa eeguuf murteessaa dha. Ulfaatinni qaamaa fayyaalessa tahe akka dhiibbaa dhiigaa hin qabaanne si gargaara jedhu Dr Evaan.

Dr Evaan guyyaa keessatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30f torbeetti guyyaa shaniif sochii qaamaa gochuu gorsu. Hunda caalaa garuu 'tasumaa' hin xuuxiin kan jedhu dha gorsi isaanii.

Namoota takkaa dhukkuba onnee tasaa qabaman keessaa kanneen tokko shanaffaa tahan waggaa shan keessatti deebi'anii hospitaala galu jedha Waldaan Onnee Ameerikaa.

Dr Evaan dhukkubsatoonni kunneen yeroo hsopitaala seenan qoricha istaatiins fi ezeetiimbee jedhamutu kennamaaf kunneenis kooleestiroolii qaamaa kan hir'isanii dha.

Qorannoon waggoota kurnan darban keessatti taasifaman ''hammuma koolisterooliin qaama keenyaa hir'ise dhukkuba onneef carraan saaxilamuu keenyaas hanguma kana hir'isa,'' jedhan Dr Evaan.