Ashaboon qaama keenya keessatti maal raawwataa?

Nyaanni ashaboo hin qabne waan dhama hin qabneef ashaboon nyaata keenya hedduu keessaa hin dhabamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nyaanni ashaboo hin qabne waan dhama hin qabneef ashaboon nyaata keenya hedduu keessaa hin dhabamu

Ashaboon sooranni soorannu dhandhama gaarii akka qabaatu taasisa. Jireenya dhala namaafiis baay’ee barbaachisaadha.

Albuudni Soodiyeemii ashaboo keessatti argamu qaama keenya keessa hammi bishaanii sirrii ta’e akka jiraatu taasisa. Seelonni keenya qabiyyeewwan soorataa qaama keenyaaf barbaachisaa ta’e akka fudhatanis gargaara.

Sagantaan ‘BBC World Service’ Za Fuud Cheyin jedhamu shoora guddaa ashaboon qaama keenya keessatti qabufii hammi ashaboo baay’eedha jedhamu hagami kan jedhu ilaaleera.

Barbaachisummaa ashaboo

Yunaayitid Isteetis Yunivarsiitii Ratgarsitti Pirofeesara Saayinsii Soorataa kan ta’an Pool Bireezlin “Ashaboon jireenyaaf barbaachisaadha” jedhu.

Omishtoonni UK keessaa hamma ashaboo sooratawwan omishan keessa jiru akka hir’isan seerri biyyattii dirqisiisa.

Oomishtoonni UK nyaataa oomishan keessatti ashaboo akka xiqqeessaniif seeraa daangeeffameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Oomishtoonni UK nyaataa oomishan keessatti ashaboo akka xiqqeessaniif seeraa taa'eera

“Ashaboon keessattuu seeliiwwan dammaqoo (active) ta’an kunneen akka niwurooniiwwan, sammuu keenya, lafee dugunguruu akkasumas maashaa keenya maraaf barbaachisaadha. Gogaafii lafee keenya keessattis gahee guddaa qaba.”

Gabaabumatti qaama keenya keessatti hammeentaa albuuda Soodiyeemii gahaa hinqabnu taanaan lubbuun jiraachuu akka hindandeenye Pirofeesar Bireezlin himu.

Hanqinni Soodiyeemii qaama keenya keessatti bishaan akka baay’atufii taatee haayponatireemiyaa (hyponatremia) jedhamuuf akka saaxilamnu taasisa. Kun immoo bitaacha’uuf, aariif, dandeettiin deebii kennuu keenya akka dadhabu, hoqqisuu akkasumas of wallaaluuf fida.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa /WHO/ namni tokko guyyaatti ashaboo giraama shan, kan Soodiyeemii giraama lama ofkeessaa qabu akka sooratu gorsa. Kunis ashaboo fal’aana shaayee tokko akka jechuuti.

Haa ta’u malee sadarkaa addunyaatti giddugaleessaan namni tokko guyyaatti ashaboo giraama 11 soorata. Kunimmoo carraa dhibeewwan akka onnee, kaansarii garaachaa, furdina hin malle, dadhabbii lafee akkasumas dhukkuba kaleen qabamuu guddisa.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti waggaa waggaan namoonni miliyoona 1.89 sababa ashaboo hamma barbaachisuu ol fudhachuun lubbuusaanii dhabu.

Biyya ashaboo baay’inaan soorachuun addunyaa dursitu

Biyyoota baay’ee keessatti namoonni sababa nyaatawwan warshaa keessatti omishamanii saamsamanii gurguramaniin hamma ashaboo barbaachisuu ol sooratu.

Haa ta’u malee iddoon seenaa wajjin walqabatee ashaboon hamma barbaachisuu ol itti sooratamus ni jira.

Kaazaakistaan keessatti namoonni guyyaatti ashaboo giraama 17 ta’u sooratu. Kunis hamma Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gorsu dacha sadi ol jechuudha.

Mariyaam magaalaa guddoo Kaazaakistaan kan taate Astaanaa keessa jiraatti.

“Seenaa keenya wajjin walqabata. Jaarraawwaniif lafa margaa bal’aa keessa foon ashabootti fayyadamuun tursiisuun jiraachaa turre.”

“Maatiiwwan foon sa’aa, hoolaa yookiin fardaa ashaboon sukkuumanii waqtii gannaatiif tursiisu” jechuun himti.

Foon qilleensaan gogsuuf fanniifame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaazaakistaaniitti foon yeroo gannaatiif gogsuuf ashaboo baayyeetti fayydamu

Naannoo waggaa saddeet baranaa intalli Mariyaam rakkoon fayyaa ishee mudatee ture. Doktorrishees sooratawwan sukkaara, cooma fi ashaboo baay’ee qaban soorachuu akka hir’istu ishee gorse. Maatiin Mariyaamis soorata isaaniitti ashaboo gochuu battalatti dhaaban.

“Bariitu sana soorata ashaboo hinqabne soorachuu yemmuu eegallu baay’ee jibbisiisaa ture. Sooraticha ni nyaatta garuu dhandhamasaa hinbeektu” jette.

Haa ta’u malee maatiin Mariyaam yeroo keessa soorata ashaboo hinqabneen walbaran.

Qaama keenyaafii ashaboo

Wayita ashaboo soorannu jalqaba dhandhamnisaa arraba keenyafii keessoo afaanii gara oliin jiruun beekama.

“Ashaboon qaamafii sammuu keenya gammachiisa” kan jedhan Pirofeesar Bireezlin, “ayoononni Soodiyeemii ashaboo keessatti argaman gorora keessatti bulbulamu” jedhu.

Sana boodas ayoononni kunneen seeliiwwan dhandhamaa bira gahuun seelicha dammaqsu. Kunis balaqqee elektiriikii xiqqaa uuma” jechuunis himu.

Ashaboon dambaliiwwan elektiriikii yaadafi miiraaf dammaqsan uuma. Kanaafis qaamni fi sammuun keenya baay’ee gammadu.

Ashaboo hagamiituu ‘baay’eedha’ jedhama?

Miidhaan ashaboon qaamarratti qaqqabsiisuu danda’u ijaarsa qaccee nama dhuunfaa sanarratti hundaa’a.

Addunyaarratti namoonni biliyoona tokkoo ol ta’an dhibee dhiibbaa dhiigaa waliin jiraatu. Hamma ashaboo sooratan hir’isuun immoo dhiibbaa dhiigaa ittisuufii yaaluuf gargaara.

“Qaama keessatti ashaboo baay’eetu jira taanaan qaamnikee jalqaba isa bulbula. Kunis qaamni bishaan akka kuusu taasisa. Dhangala’aa hinbarbaachifnefii qaama keessatti kuufame kana asiifi achi sochoosuuf immoo dhiibbaan dhiigaa ni dabala” jedhu Awustiraaliyaa Yunivarsiitii Niwukaasil keessatti Pirofeesara Sirna Soorataa kan ta’an Kileer Kolins.

Rakkoon sababa kaanan dhufus hammaataa akka ta’e Pirofeesarri kun himu.

“Ujummoowwan dhiigaa keessa dadhabbiitu jira taanaan dhoohanii istirookiin akka uumamu gochuu danda’u” jedhu.

Gama biraatiin qorannoon fincaan irratti taasifamuun hamma ashaboo qaama keenya keessa jiru baruun ni danda’ama.

Nyaataa ashaboo baayyee qabu hir'isuun barbaachisaa ta'utu gorfama

Madda suuraa, Getty Images

Hamma ashaboo soorannu hir’isuuf

Hamma ashaboo soorannu hir’isuun salphaa ta’uu dhiisuu mala. Fakkeenyaaf Mariyaam nyaata aadaa biyyashee kan ta’efii foon paastaa waliin affeelame yemmuu agartu soorachuu dhiisuun itti ulfaata.

Maatiinshee dullumarra jiranis miidhaa ashaboo baay’inaan soorachuun qaqqabsiisu osoo beekanuu ashaboo dhiisuuf heeyyamamoo miti.

Haa ta’u malee Pirofeesar Kolins, daabbo, paastaas ta’e nyaata kamiyyuu yemmuu soorannu hamma ashaboo xiqqaa qabu ilaallee soorachuu akka qabnu gorsu.

“Soorata mataa keetiin qopheessita taanaan bakka ashaboo baalawwan fi mi’eessituuwwan itti dabaluun gaaridha” jedhu.