Raashiyaa fi Yukireen Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun dhukaasa dhaabuuf waliigalan

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaa fi Yukireen Ayyaana Faasikaa Ortodoksiitiif dhukaasa dhaabuuf waliigalan. Pireezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin sanbattan Faasikaa loltootni Raashiyaa "kallattii hundumaanuu" dhukaasa akka dhaaban ajajuu himan.
Labsiin Mooskoo kun waamicha yeroo dheeraaf irra deddeebiin Pirezdaantiin Yukireen Volodimir Zeleniskiin dhukaasa dhaabuuf gochaa turee fi Kireemliin fuula dhoowwachaa turtee booda dhagahame.
Pirezdaant Puutiin Sanbat-duraa Bitootessa 11, 2026 waaree booda sa'aatii 10:00 kaasee hanga guyyaa Faasikaa Dilbataatti hojiirra akka oolu beeksisan.
Puutiin Yukireen "fakkeenyummaa" Raashiyaa kana akka hojiirra oolchitu eegna jedhan.
Puutiin loltoonni isaa "qoccolloo" fi "weerara diinaa" dhalachuu malu kamuu qolachuuf qophii akka ta'an ajajan.
Raashiyaan Dursitee kaka'umsi agarsiisfe kun Yukreenota akka tuffatamuun akka itti dhagahamu godha.
Garuu Zeleniskiin fuula X isaarratti "tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuuf qophii ta'uu" ibse.
"Uummanni Ayyaana Faasikaa bilisaan yaaddoo malee fi sochii naga- qabeessaan," kabajajuu fedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Raashiyaan Ayyaana boodas haleellaa dhiisuuf carraa qabdi."
Jalqaba torbee kanaatti, Zelenskiin akka tarkaanfii dhukaasa dhaabuu jalqabaatti karoora Ayyaana Faasikaatiif sanbattanirra dhukaasa dhaabuu Raashiyaaf akka dabarsitu Ameerikaatti ergee turuu hime.
Loltoota Yukireen gama adda waraanaa bahaarratti argamaniif, yeroo xiqqoofis taatu dhukaasni dhababachuun aar-galfii dha. Haleellaa diroonii walirraa hin cinnetu irratti raawwatamaa oola.
Uumata biyyattii guutuuf kan haleellaa qilleensaa fi sagalee akeekkachiisaa haleellaatiin bir'achaa ooluufis akkanuma aar-galfii dha.
Guyyuu Raashiyaan misaayelootaa fi diroonotaan namoota nagaa ajjeesaa fi madeessaa oolti.
Dhiyoo haleellaa Raashiyaan kibba bahaa iddoo Nikoopool jedhamutti haleellaa diroonii atoobisii irratti raawwatteen namoota baay'eetu dhume.
Lixa magaalaa Kiyiiv, Zaaytomir keessatti, gara ganamaa misaayelli ollaa mana isheetti furgugfame dubartii takka ajjeeseera.
Kiyiiv keessatti dhukaasa sanbattan dhaabbatu kana sababeeffachuun sagaleen akeekkachiisaa (siren) balleeffameera.
Yukreenis haleellaa diroonii Raashiyaarrati raawwattu dabalteerti. Haleellaa walirraa hin cinneen buufataalee anniisaa Raashiyaarratti qiyyaafattee haleelaa jirti.
Manneen jireenyaa lammiilees rukutaa turte.
Sanbat-duraa yoo dhukaasni hin dhaabbanne, Yukireenonni dhukaasni akka itti fufuu malu shakku.
Jalqaba waggaa kanaatti, Raashiyaan dhukaasa dhaabbilee anniisaa haa dhaabe jettee turte.
Haleellaawwan dhaabbilee anniisaa Yukireen irratti gootus dhaabde. Garuu dhukaasni kun kan dhaabbate hanga misaayeloota haleellaa hamaa kan birootiif qopheeffattutti ture.
Caamsaa darbe, injifannoo Raashiyaan Naazii Jarmanii irratti gonfatte wagvgaa 80ffaa sababeeffachuun gam-isheen lola dhaabdee ture. Yukireen garuu Raashiyaan ofumaa yeroo dhibba hedduu sarbuushee himti.
Kiyiiv, irra deddeebiin, karaa guutuu fi tasgabbaawaan dhukaasni akka dhaabbatuu fi lolli kun mariin akka hiikkatu yaada dhiyeessiteerti.
Mooskoon garuu dura waliigaltee haa goonu jetti. Kiyiiv kana garaarraa dhukaasa dhaabuuf miti jetti.
Mariin marsaa hedduu carraaqqiin US'tiin godhame hin milkoofne. Amma fuulleffannaan Donaald Tiraamp Baha Jiddu-galeessaa ta'eera.











![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)



