US wabii nageenyaa waggoota 15 Yukireeniif kennite, Kiiv kan hangamii barbaaddi?

Marii nagaa Yuukireen gaggeeffame bu'aa qabeessa tahuu Tiraamp hime garuu dubbiin 'qoree' isaanitti tahe ammas jira. Tiraampii fi Zeleniskiin qabxiilee nagaaf dhiyaatan irratti mari'ataniiru.

Guduunfaa

  • Oduuf xinxalaaf Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenya mil'adhaa
  • Sagaleen dhohiinsaa guddaan magaalaa guddoo Venezuweelaa keessatti dhagahame
  • Iraan akeekkachiisa Tiraamp hiriira mormii biyyattii ilaalchisuun dabarse kuffiste
  • Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta'an du'an
  • Al-Shabaab Sumaalonni Israa'el loluuf akka qophaa'an waamicha dhiheesse
  • Iraanitti hiriirtonni gamoo waajjira mootummaa humnaan cabsanii seenuuf yaalan
  • Turkiin handaara galaaaa Somaaliyaatii hojii boba'aa baasuu eegaluuf
  • Israa'el gartuuwwan gargaarsaa 37 Gaazaa keessaa ugguruuf
  • Maallaqni biyyattii gatii dhabnaan mormiin Iraanitti cime
  • Tiraamp mariin nagaa Gaazaa marsaan lammataa ''hatattamaan hojiirra oola'' jedhe
  • Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuun Itoophiyaaf maal jechuudha?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ispoortessaan buunyaa Antoonii Jooshuwaa balaa konkolaataan miidhame

    Antoonii Jooshuwaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ispoorteessaan buunyaa beekamaa Antoonii Jooshuwaa balaa konkolaataa Naayijeeriyaatti isa mudateen miidhame.

    Balaa lammiin Biriitish miidhame kanarratti namoonni lama du'aniiru.

    Odeeffannoo dhihoo baheen balaa kana keessatti namoonni shan qooda fudhachuu aangawoonni ibsaniiru.

    Qondaaltonni nageenya daandii Naayijeeriyaa akka ibsanitti lama du'an alatti, lama miidhamaniiru.

    Miidhamni Antoonii Jooshuwaa ''xiqqaa'' ta'uufi eegasii mana yaalaa geeffamuu ibsaniiru.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, Jooshuwaan duuba konkolaachisaa taa'ee ture.

    Balaan kan qaqqabe konkolaattotni walitti bu'uu isaaniin ta'uun ibsameera.

    Suuraa balaan miidhaa agarsiisu

    Madda suuraa, Federal Road Safety Corps

    Ibsa waa'ee suuraa, Ispoorteessaan kuni xiqqoo miidhameera jedhameera
  2. US Yukireeniif wabii waggoota 15 kennite jedhan Zeleniskiin

    Tiraampiifi Zeleniskii

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin US wixinee waliigaltee nagaa haaraa wajjiin walqabatee biyyasaaf wabii waggoota 15 kennuu hime.

    Zeleniskiin Dilbata Filooridaatti Tiraamp waliin erga mariyatee booda Tiraamp dhimma wabii nageenyaa wajjiin walqabatu irratti waliigalteen 95% gahuu ibse.

    Zeleniskiin ammoo wabiin US irraa barbaadan kan waggaa 50 ta'uu hime.

    Tiraamp waliin dhimmoota irratti mariyatanii garuummoo murtee dhumaa hin arganne keessaa ijoon dhimma to'annoo lafaa fi buufata niikuleeraa Zapoorizhiyaan jedhamu kan Raashiyaan qabattee jirtu ta'uus ibse.

    Wixinee haaraa Yukireeniifi US irratti waliigalan kana Raashiyaan duraan hin fudhadhu jettee ture.

    Wiixata ammoo yaadni dubbii himaa Kireemiliin irraa bahe yaada Tiraamp nagaan dhiyaachaa jira jedhutti kan waliigaluu miidiyaan Raashiyaa gabaaseera.

  3. Mikeel Arteettaa Amajjii kana keessa gabaa taphattootaarratti si'oominaan akka hirmaatu ibse

    Mikeel Arteettaa, leenjisaa Arsenaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Arsenaal jijiirraa taphatttootaa ganna darbeen paawundii miliyoona 250 baasuun taphattoota haaraa saddeet gara Emireetsitti fideera. Gareen Mikeel Arteettaa ijaare iddoo miidhamniifi adabbiin jirutti filannoo akka qabaatu godheera.

    Bara dorgommii darbe gara dhumaatti miidhamni taphattootaa itti hammaatee, hiree waancaa injifachuu dhabeera.

    Ammaan tana taphattootni ittisaa Arsnaal sadii miidhamarra jiru Timber, Kalaafiyooriifi Maaskuweera.

    ''Haala qabatamaa jiru ni hubanna, yeroo taphattoota keenyaas beekna'' kan jedhe Arteettaan, Amajjii kanas ni qophoofna, achii booda ni ta'aafi hin ta'uu argina jedheera.

  4. Kiristiyaanoo Ronaaldoo hanga gooliinsaa 1000 gahutti akka taphatu ibse

    Kiristiyaanoo Ronaaldoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Dursaan taphattootaa garee Poorchugaal Kirsitiyaanoo Ronaaldoo hanga lakkoofsa gooliisaa 1000n gahutti kubbaa miilaa taphachuu akka hin dhaabne beeksise.

    Liigii Arabaa keessa taphachaa kan jiru Ronaaldoon Sambata darbe gareensaa Al-Nassir, Al Akduudiin 3-0n yoo injifatu goolii lama lakkoofsiseera. Kunis lakkoofsa goolii biyyaafii kilaboota taphateef galche 956n gaheera.

    Ronaaldoon ji'oota dura Al- Nasiir waliin kontiraata qabu waggaa lamaan dheeresseera. Kontiraatnisaa umriinsaa 42 booda raawwata jechuudha.

    Ronaaldoon Dilbata darbe Dubaayitti badhaasa taphataa cimaa Baha Giddugaleessaa the Globe Soccer Awards irraa fudhachuu booda dubbii godheen taphachaa itti fufuun ulfaataadha, garuu ''ani kaka'umsan qaba'' jedhe.

    ''Hawwiin koo guddaadha. Itti fufuun barbaada. Bakkin itti taphadhu badaa barbaachaasaa miti. Baha Giddugaleessaa haa ta'uu Awurooppaa. Yeroo mara kubbaa nan taphadha, isuman itti fufa.

    ''Galmikoo maal akka ta'e beektaa, injifannoo argachuu fi lakkoofsa gooliikootii 1000n gahuudha. Kana hundi keessanuu beektu. Yoo miidhamni na mudachuu baate achiin gahuun koo hin oolu.''

    Gaaffiifi deebii ji'a darbe gdhe tureen ammoo dhiyootti soorama akka bahu ibsee ture. Ulfaataa ta'us Itti qophaa'aa akka jiru hime. ''Tarii nan booha'' jechuunis hime.

  5. 'Iraanitti bara 2025tti adabbiin du'aa dachaa dabale'

    Alabaa Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan keessatti lakkoofsi murtii du'aan adabaman bara 2024 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu bara 2025 dachaa ol akka ta'u gareen mirga namoomaa ibseera.

    Dhaabbanni Mirga Namoomaa Iraan kan teessoo isaa Noorweey godhate BBC'tti akka himeetti, jalqaba Muddeetti yoo xiqqaate namoonni 1,500 ajjeeffamuu isaanii mirkaneessee jira.

    Ergasii namoonni hedduun ajjeefamuu hin oolanii jedheera.

    Dhaabbanni mirga namoomaa kun bara darbe qofa namoonni 975 ajjeefamuu jedhan

    Anga'oonni Iraan odeeffannoo idilee ta'e waan hin baafneef eenyu akka ajjeefame sirriitti beekuun rakkisaadha.

    Haa ta'u malee, garichi bara kana lakkoofsi olaanan galmaa'eera jedha.

    Mootummaan Iraan kanaan dura dhimmicha haalee ture.Tarkaanfii adabbii du'aa ''yakkoota ciccimoo'' qofaaf raawwata turuu isaa hima.

    Haa ta'uu malee, dubartootni ''hijaaba ishee sirnaan uffachuu dhabuu''namootni diddaa mootummaa irratti agarsiisan ykn basaasummaan shakkaman irratti murtiin du'aa fudhata.

    Falmitootni Iraan keessatti adabbiin du’aa dabaluun sodaa ummata keessa ka’uu fi mormii ummtaa ukkamsuuf ta'uu dubbatu.

  6. Marii Netaaniyaahuu fi Tiraamp irratti maaltu eegama?

    Suuraa MM israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Yerusaalemitti ka'an

    Madda suuraa, Reuters

    Tarkaanfii waliigaltee dhukaasa dhaabuu hanga yoonaa jiruu fi egeree Gaazaa irratti mari’achuuf pireezidaantiin Ameerikaa fii MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu har'a Filooridattii wal arganii mari'atu jedhamee eegama.

    Netaaniyaahuun bara kana daawwannaa yeroo 5ffaa Ameerikaatti kan taasisan yoo ta’u, dhimmoota naanawa baha giddu galeessa, dhimma Iraan dabalatee, waliigaltee nageenyaa Israa’elii fi Siiriyaa gidduutti taasifamuu, Libaanos keessatti Hizbullaah waliin dhukaasa dhaabuu fi Gaazaatti maaltu akka itti aanu Tiraamp waliin mari'atu.

    Akka waligaltee sanatti marsaan itti aanu humnoonni Israa’el Gaazaa keessa jiran akka ba’an, bulchiinsi Gaazaa bakka Hamaas abbaa taayitaa bulchiinsa yeroof akka dabarfamuu fi humna tasgabbii idil-addunyaa akka bobbaafamu kan eerudha. Dhimmi kun akkamitti hojirra akka oolu hoggantootni lamaan kan mari'atan.

    MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun bara 2024 mana murtii yakkaa idil-addunyaa ajajni hidhaa irratti bahee osoo jiruu gara Ameerikaa imalaa jiru.

    Tibbana ammoo beekamtiii biyyummaa Somaalilaandiif kennuun Israa'el biyyaa jalqabaa murtee kana dabarsite ta'uun ijoo dubbii ta'aniiru

  7. Chaayinaan Taayiwaan marsaa jirti?

    Doonii waraanaa Chaayinaa

    Madda suuraa, Eastern Theater Command

    Chaayinaan naannoo Taayiwaanitti shaakala waraanaa naannoolee ijoo odola kanaa to'achuu fakkaatu gaggeessaa jirti.

    Kunis akeekkachiisa ''humnoota isheerraa addaa ba'aniif'' akka ta'e ibsite.

    Shaakala dhukaasa kallattiin taasifamu kana keessatti humni raayyaa ittisa biyyaa, humni galaanaa, humni qilleensaarraa fi humni rookkeettii kan dabalatu ta'uu waraanni Chaayinaa beeksiseera.

    Shaakalli waraanaa maqaa ergama haqaa ykn "Justice Mission 2025" jedhuun moggaafame kun gurgurtaa meeshaa waraanaa guddaa kana gatii doolaara biiliyoona 11 baasu Ameerikaan Taayiwaanitti gurguruu beeksisuu hordofeeti.

    Tarkaanfiin sun Beejiingi akka malee kan mufachiisee yoo ta'u, deebii kanaafis dhaabbilee ittisaa Ameerikaarraa qoqqobbii keessatti.

    Shaakalli waraanaa Chaayinaan taasiftu tokko tokko kan jalqabame yoo ta'u, shaakalli waraanna guddaan Kibxata sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 08:00 akka raawwatamu beeksiseera.

  8. Huutiin Yaman Israa'el Somaalilaandii seennan akka irratti qiyyaafatu doorsisa cimaa baase

    Garee loltoota Huuti

    Madda suuraa, Reuters

    Gareen Israa'el waliin wal lolaa ture Huutii Yaman beekamtii Israa’el Somaalilaandiif kennite booda ibsa doorsisa qabu baasera.

    Ibsi hogganaan garee Huutii Yaman Abdulmalik Badaruddin Al-Huthi kenne Israa’el Somaalilaandiif beekamtii kennuu labsuun ishee ejjennoo diinummaa, kan Somaaliyaa fi naannoo Afrikaa tasgabbii dhabsiisuu irratti xiyyeeffate jedhe.

    Kun tarkaanfii Israa'el naannawa gaanfa Afrikaa,Yaman, Galaana Diimaa fi biyyoota Galaana Diimaa gama gamanaa lamaan jiran irratti xiyyeeffatte ta’uu mirkaneessa jechuun ibseera

    Israa’el dachee Somaaliland yoo seente akka ''xiyyeeffannoo waraanaatti'' akka ilaalamu akeekkachiisuu dhaabbati oduu Faransaay AFP gabaaseera.

    Akka hogganaan garichaa jedhutti tarkaanfii kana akka weerara Somaaliyaa fi Yaman irratti raawwachuuti waan ta’eef, nageenya naannichaaf balaa yaaddessaadha'' jedhe.

    Gareen kun “Ummata Somaaliyaa waliin, Israa’el dura dhaabbachuu keenya ejjennoo cimaa qabnu irra deebi’uun ni ibsina” jedheera.

    "Walabummaa fi abbaa biyyummaa Somaaliyaa, nageenya ummata Somaaliyaa, nageenya naannichaa fi Galaana Diimaa sarbuun kutaan Somaaliyaa gara buufata Israa'elitti akka jijjiiramu hin hayyamnus" jedheera ibsi Huutii kun.

    Gareen kun Israa’el waliin wal dhabdee keessa kan ture yoo ta’u, irra deddeebiin misaa'ela Israa’elitti dhukaasu fi dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa keessa qaxxamuran hedduu haleelaa ture

  9. WBO ji'a darbe maaliif abbootii alangaa Oromiyaa akka bute ibse

    Waraanni Bilisummaa Oromoo abbootii alangaa Oromiyaa afur ji'a darbe Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti butaman duuba kan ture hidhattoota isaa tahuu amane.

    Abbootiin Alangaa Oromiyaa afur konkolaachisaa waliin A.L.Itti gaafa 17/03/2018 magaalaa Jimmaa irraa ka'uun gara magaalaa Naqamteetti osoo imalaa jiranii aanaa Jimmaa Arjoo keessatti butamanii ture.

    Akkuma hidhattootaan butamaniin abbaan alangaa tokko Obbo Naggasaa Kabbadaa jedhaman dhukaasa ture gidduutti ajjeefamaniiru.

    Abbaan alangaa biraa Obbo Addisuu Laggaas jedhaman ammoo rasaasaan dhahamanii lubbuun ooluun guyyoota booda argamanii yaalarra turuu BBC'n odeeffateera.

    Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan tahan Obbo Jireenyaa Guddataa abbootii alangaa kanneen kan bute hidhattoota isaanii tahuu BBCtti himan.

  10. Balaa baaburaa Meksikootti ga'een lubbuun namoota 13 darbuun, kanneen 100tti dhiyaatan madaa'an

    Garee baraarsaa bakka baaburri daandii isaarra maqetti gargaarsa kennaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Garee baraarsaa bakka baaburri daandii isaarra maqetti gargaarsa kennaa jiran

    Kibba dhiha Meksikoo bulchiinsa Oaxaca keessatti baaburri daandii irraa maquun yoo xiqqaate namoonni 13 du’uu fi kanneen gara 100 ta'an madaa’uu humni galaanaa Meksikoo beeksise.

    Baaburri Galoo Galaana Meksikoo fi Galaana Paasifik gidduutti imalaa ture kun imaltoota 241 fi hojjettoota baaburichaa sagal fe'ee ture.

    Walumaagalatti namoonni 98 kan miidhaman yoo ta’u, isaan keessaa 36 hospitaalatti yaalamaa ajiru.

    Baaburri kun naannoo magaalaa Nizaandaatti marfata tokkotti osoo naanna'aa jiruu sarara isa gadhiisuun kufuu daandii irraa maqee jedhan qondaaltonni.

    Abbaan Alangaa Waliigalaa Meksikoo qorannoon gaggeeffamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

    Pireezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbahum namoota madaa’an keessaa shan haala yaaddessaa keessa akka jiran himaniiru.

    Suuraan bakka balaan kun itti dhaqqabe irraa argame akka agarsiisutti hojjettoonni baraarsaa imaltootni baabura irraa akka bu'an gargaaraa jiru.

  11. Gaggeessitoota Awurooppaa fi Yuukireen waliin marii guddaa gaggeesine-Tiraamp

    'Doonaald Tiraamp gaggeesitoota Awurooppaa fi jila Yuukireen Zeleniskiin durfamu waliin marii jabaa gaggeessuu himan.

    Tiraamp isaa fi Zeleniskiin addatti gaggeesitoota Awurooppaa waliin dubbataniiru.

    ''Hundi isaanii gaggeesitoota ciccimoodha. Kanaaf marii guddaas waliin gaggeesineerra'' jedhe.

    Waraana Yuukireen dhaabuuf jijjiirama guddaa taasisaniiru jedhe Tiraamp.

    Tiraamp ''waliigalteerra gahaa jirra'' yeroo jedhan Zeleniskiin ammoo %90 waliigalleerra jedhe.

    Gaaffii guddaan garuu dhimma murtee daangaa Yuukireen, wabii nageenyaa Yuukireeniif kennamuu fi dhimmoota dinagdeeti.

    Raashiyaan naannoo Dooneski gara bahaa nuusa isaa tahuu fi amma loltoonni ishee to'achuu dadhaban Yuukireen akak dabarsitee kennituuf barbaaddi.

    Haa tahu malee Raashiyaan, yaada Zeeleniskiin loltoota isaa KM 40 tahu gara duubaatti deebisa, Raashiyaanis yoo kana gooti tahe jedhu fudhachuu hin barbaaddu.

    Kun bakka sochii waraanaa irraa bilisa tahe ykn zoonii dinagdee hundeessuuf karoorfameeti.

    Raashiyaan loltoota ishee achii baasuu hin barbaaddu. Zeleniskiin ammoo yoo rifirendamiin murtaa'e malee akkasumaan dabarsee hin kennu jedhe.

    Ammas kun wlaiigalticha danquu danda'a jedhu xiinxaltoonni.

    Itti aanaan ajajaa waraanaa duraanii Raashiyaa Volodmiir Haariiloov, Puutin yoo qabxii tokkollee araaraaf jecha akka dhiisu gaafatame ''akka waan siyaasaan mo'ameetti waan lakkaa'uuf tole hin jedhu'' jedhan.