WBO ji'a darbe maaliif abbootii alangaa Oromiyaa akka bute ibse

Abbootii Alangaa hidhattootaan butamanii ture, bitaa irraa gara mirgaatti; Naggasaa kabbadaa kan ajjeefame, Yirgaalem Mittikkuu fi Alamaayyoo Massalaa]

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo abbootii alangaa Oromiyaa afur ji'a darbe Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti butaman duuba kan ture hidhattoota isaa tahuu amane.

Abbootiin Alangaa Oromiyaa afur konkolaachisaa waliin A.L.Itti gaafa 17/03/2018 magaalaa Jimmaa irraa ka'uun gara magaalaa Naqamteetti osoo imalaa jiranii aanaa Jimmaa Arjoo keessatti butamanii ture.

Akkuma hidhattootaan butamaniin abbaan alangaa tokko Obbo Naggasaa Kabbadaa jedhaman dhukaasa ture gidduutti ajjeefamaniiru.

Abbaan alangaa biraa Obbo Addisuu Laggaas jedhaman ammoo rasaasaan dhahamanii lubbuun ooluun guyyoota booda argamanii yaalarra turuu BBC'n odeeffateera.

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan tahan Obbo Jireenyaa Guddataa abbootii alangaa kanneen kan bute hidhattoota isaanii tahuu BBCtti himan.

''Abbootiin alangaa qaamuma mootummaati'' kan jedhan Obbo Jireenyaan sababa itti qabanis himaniiru.

''Abbootiin alangaa qaama mootummaati. Qaamolee mootummaa sadan [Seera tuman, seera hiikanii fi seera raawwachiisan] keessaa abbootiin alangaa isa seera raawwachiisu gargaaru jechuudha,'' jedhan.

''Gama keenyaan eeruu nu gahetu jira. Gaafa eeruu argannu qaama nu miidhuu dhufemoo qaama hojii uummataa hojjetu kan jedhu adda baafachuun dirqama taha. Kanaaf to'atamanii ture,'' jedhan Obbo Jireenyaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyuma abbootiin alangaa hidhattootaan butaman sana abbaan alangaa tokko Obbo Naggasaa Kabbadaa jedhaman dhukaasa ture gidduutti ajjeefamuun sirni awwaalcha isaanii naannoo dhaloota isaanii Godina Shawaa Kaabaatti raawateera.

Obbo Jireenyaan erga hidhattoonni WBO abbootii alangaa kanneen butanii ''humni nageenyaa mootummaa harkaa baafanna jedhanii dhukaasa bananii ture. Meeshaa waraanaa gurguddaatu dhukaafamaa ture. Yeroo sana ajjeefame'' jedhan.

BBC'n eeruun abbootii alangaa kanneen ilaalchisee isin dhaqabe maali jedhee Obbo Jireenyaa gaafateera.

Obbo Jireenyaan ''ammaaf waa'ee isaa keessa galuu hin barbaadu. Waan bal'aadha'' jechuun kallattiin deebisuu irraa of qusatan.

Qaama eeruu kana kennes hin ibsine. Konkolaachisaan abbootii alangaa kanneenii guyyuma sana harkaa bahuun gara magaalaa Naqamtee galee ture.

Abbootiin alangaa siyaasa keessa hin jiran. Seera kabachiisuu fi hojiirra oolchuu, uummata tajaajiluu malee miseensa paartii tokkoo miti.

Maaliif gochaan kun isaan irratti raawwate isa jedhuuf, ''mootummaan yeroo adda addaa qaamolee garaagaraa uummata keessa bobbaasa. Nuyis eeruu qabnaaf to'anne'' jedhan.

Abbootiin alangaa lama Obbo Addisuu Massalaa fi dargaggoo Yirgalem Mitikkuu guyyoota sagal harka hidhattootaa turuun gadhiifamaniiru.

Isaanis erga harka hidhattootaatii bahanii BBCtti akka himanitti hidhattoota WBO torba tahantu isaan to'achuu ibsan.

Namoonni lama isaan waliin turan keessaa Obbo Naggaasaan ajjeefamuu osoo harka hidhattootaa jiranii dhagahuu himuun kan Obbo Addisuu Laggaas ammoo hin mirkaneesine jedhanii ture.

''Garuu dhukaasatu hidhattoota WBO fi humnoota nageenyaa mootummaa birmachuun harka nu baasuuf yaalan gidduutti gaggeeffamaa ture. As gidduutti rukutamuu hin hafne jedhan.

Abbootiin alangaa lameen erga guyyaa sagal harka hidhattootaa turanii miidhaan homaa osoo isaan irra hin gahiin qabeenya isaanii harkaa fuudhanis deebisaniifii akka gadhiisan himan.

Ergasii Shawaa Kibba Lixaatti abbaan alangaa biraa qaroo dhabeessa tahe hidhattootaan butamuun boodarra gadhiifameera.

Obbo Jireenyaan dhimma kana akka quba hin qabneefii fuulduratti qoratan BBCtti himan.

Ajjeechaa abbootii Amantaa Horroo Guduruu duuba eenyu jira?

Jalqaba ji'a Muddeetti abbootiin amantaa Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa lama Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti hidhattootaan butamanii ajjeefamuu gabaafameera.

Gaggeessitoonni Mana-amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa ayyaana waggaa kan Maariyaamii Tsiyoon kabajuuf A.L.I Sadaasa 21 bara 2018 Shaambuurraa gara Haratoo kan imalan.

Osoo ayyaanicha kabajanii deebi'aa jiranii gara magaalaa Shaambuutti akka dhiyaataniin hidhattoonni konkolaataa namoota 20 ol feetee imalaa turte dhaabsisuun isaan keessaa namoota afur fudhatanii akka deeman namni BBC'n dubbise himaniiru.

Isaanis ''Hoji-gaggeessaa kutaa lallaba Horroo Guduruu, Luba Dhugumaa Dhufaa, Luba Qanaasaa Giddiisaa, Luba Dassaaleny Namoomsaa fi Faarfataa Baabush kan jedhamu namoota afur keessaa foo'anii fudhatanii deemani" jedhan namni BBC'n dubbise tokko.

Gaggeesitootaa fi hojjettoota kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa afran hidhattootaan fudhataman kunneen keessaa namootni lama turtii torbee lamaa booda gadhiifaman.

ALI Muddee 3, bara 2018 gaaffii fi hordoffii taasifameen Hoji-gaggeessaan kutaa lallaba Horoo Guduruu Wallaggaa Ergamaa Edoom Qeesis [Luba] Dhugumaa Dhufaa fi Luba Dassaaleny Namoomsaa ajjeefamuu odeeffannoon ergame jedhan namni kun.

Gorsaan Ajajaa Olaanaa WBO Obbo Jireenyaa Guddataa hidhattoonni isaanii dhimma amantaa keessa akka hin gallee fi ajjeechaa kanas akka hin raawwanne himan.

''ABO-WBO dhimma amantaa keessa hin galu. Amantaa tokkos maqaa hin dhahatu. Dhimma amantaa keessa galee qaama miinu tokkos hin qabnu. Ajjeechaa kanas waraanni keenya hin raawwanne,'' jedhan.

''Namni rifeensa guddifatee hidhatee socho'u hundi WBO miti. Kan keenya dhimma amantii keessa hin seenu. Ajjeechaan adda addaa gaggeeffamaa jira. Arsii keessatti ajjeechaan akkasii raawwateera,'' jedhan.

Kana waraanni isaanii akka hin raawwanne ibsuun inumaayyuu mootummaatti quba qaban.

Gochaan akkasii amantaa fi amantaa gidduu, sabaa fi sablammoota gidduutti walitti bu'insa kaasuuf yaadameeti,'' jechuun dubbatu.

Ajjeechaa Arsiitti raawwateefis qaama hidhate jedhamuun WBOtu himatame. Garuu isaan akka harka keessaa hin qabne ibsan.

Mariin nagaa yaalame jiraa?

Mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO marsaa lama Taanzaaniyaatti marii nagaa gaggeessanii ture.

Garuu waligaltee malee adda bahan. Ameerikaa, Noorweyii fi Keeniyaan fa'aa kanneen jaarsummaa sana deeggaraa turanidha.

Marsaa sadaffaaf walitti deebi'uun mari'atu jedhamee eegamaa turus achumaan hafe.

Ergasii mootummaan Itoophiyaa garee WBO irraa adda cite Zoonii Gidduugaleessaa keessa socho'aa turan waliin waliigaltee mallatteessuun gaggeesitoota isaaniifis aangoo kenneera.

Obbo Jireenyaan qaamni kana dura mootummaafi ABO-WBO walitti fiduuf yaalaa turan ammas akka isaan qunnamaa jiran BBCtti himan.

Mootummaan humnoota isaaniif ergamuu danda'an waliin nagaa buusneerra, aangoos qoodneerraafii jechuun hiranii hiranii galchuu malee marii nagaa waraa fidu duubatti dhiisaniiru jedhan.

Namoonni walitti nu fiduuf yaalaa jiran ammas nu gaafatu. Yaadni walitti araaramuu danda'u jiraahoo jedhanii nu gaafatu. Haalli akkasii bakka hin jirretti garuu qabeenyaa fi yeroo isaanii qisaasessuudha jedhan.

Ammatti mariin deemaa jirus tahe fuulduratti qabameeru akka hin jirre ibsan.

Tibbana hidhattoota WBOti kan jedhaman gara 200 tahan Wallagga bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti harka kennachuu gabaafameera.

Haa tahu malee, hidhattoonni kunneen miidhaa guddaa uummata irraan gahuun himatamu. Namoonni BBC'n dubbises mootummaan seeraan nuu gaafachuu qaba jedhan.