Abbootiin Alangaa Oromiyaa 'WBO'n butamanii ture akkamiin gadhiifaman?

Obbo Alamaayyoo fi Yirgaalem Mitikkuu, harka hidhattoota WBO gadhiifamuu himan.

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Abbootii alangaa Oromiyaa torban darbe hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon butaman keessaa lama gadhiifamuu isaanii BBCtti himan.

Abbootii alangaa afur butaman keessaa tokko ajjeefamuun tokko ammoo rasaasaan dhahamuun lubbuun oolee yaalamaa jiraachuu BBC'n iyyaafateera.

Abbootii Alangaa kunneen gaafa 17/03/2018 magaalaa Jimmaa irraa ka'uun gara magaalaa Naqamteetti osoo imalaa jiranii aanaa Jimmaa Arjoo keessatti butamanii ture.

Namoota gadhiifamuun gara maatii isaaniitti imalaa turan keessaa BBC'n Obbo Alamaayyoo Massalaa dubbiseera.

Isaan abbaa ijoollee sadii tahuu BBCtti himan. Abbootiin Alangaa kunneen kan butaman guyyaa gara sa'a 8:30tti ture.

Obbo Alamaayyoo haala turtii isaanii BBCtti akkas jechuun himan.

''Kan butamne qaama hin beekamneen osoo hin taane Waraana Bilisummaa Oromootiini. Jimma irraa kaanee Beddellee keessa baanee yoo Jimmaa Arjoo naannoo Dhidheessaa geenyu to'atamne,'' jedhan.

BBC: Konkolaachisaan akkamiin isin biraa oole?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Alamaayyoo: Dhugaadha. Konkolaachisaan xiqqoo qaamni isaas furdina qaba. Rakkoo fayyaa dhuunfaa isaas nama qabudha. Baay'eema nama danda'ee deemu hin turre. Kanaaf, achumatti isa dhiisanii nuun fudhatanii deeman.

BBC: Abbaan alangaa tokko akkamiin guyyuma sana isin biraa du'e?

Obbo Alamaayyoo: Akkuma to'atamneen mootummaan odeeffannoo argatani natti fakkaata, dhukaasatu ture. Harkaa nu baasuuf jecha dhukaasa cimaatu ture.

Ijoolleen nu qabanis asii ol dhukaasaa turan. Nuyi nama lama fuuldura isaanii [ hidhattootaa] deemaa turre. Abbootii alangaa lama ammoo duuba keenya turan. Dhukaasa kana gidduutti tokko [Naggasaa Kabbadaa] rukutamuu isaa dhageenye.

Inni tokkos rukutamuu akka hin hafne dhageenye malee hin qulqulleeffanne jedhan.

Namni sadaffaan Obbo Addisuu Laggaas jedhaman rasaasaan dhahamuun erga argamanii booda lubuun oolanii Finfinneetti yaalamaa jiraachuu BBC'n odeeffannoo argateera.

Abbootiin alangaa lamaan harka hidhattootaa turuun Mudde 5 bara 2025 gadhiifaman Obbo Alamaayyoo Ballaxaa fi dargaggoo Yirgaalem Mitikkuu jedhamu.

BBC: Amma eessa jirtu? Haala akkamii keessa jirtu?

Obbo Alamaayyoo: Waraanni mootummaa nu baraaruuf jecha baay'ee dhama'aa turan. Nu marsafaa turan. Nu mimmiliqsanii bakka gahuu qabnu nu geessisan.

Erga waraanni qabbanaa'ee booda kunoo har'a gadhiifamneerra. Karaarra jirra. Gara maatiitti deemaa jirra. Namni biraa homtuu nu waliin hin jiru. Lamuma taanee deemaa jirra.

BBC: Ofumaaf isin gadhiisanii? Maal jedhanii isin gadhiisan?

Obbo Alamaayyoo: Ofumaaf nu gadhiisan. Nuyi abbootii alangaati. Homaa siyaasa keessaa hin qabnu. Hojiin deemaa turreefis hojii uummataaf tahuu mirkaneeffatan.

Hojiima keenya qoratanii adda baasanii nu gadhiisan.

BBC: Geejiba akkamii argattan? Garam deemaa jirtu?

Obbo Alamaayyoo: Gara magaalaa Naqamteetti deemaa jirra. Qaamni mootummaa nu bira hin geenye. Motora arganne ittiin imalaa jirra. Arjootti qabamuu keenya malee amma eessa akka jirru hin beeknu. Tilmaamaan Godinuma Wallagga Bahaa tahuu hin hafu.

BBC: Miidhaan isinirra gahe jiraa? Eessa bulaa turtan?

Obbo Alamaayyoo: Miidhaan nurra gahe hin jiru. Isaanuma [hidhattoota] waliin bosonuma keessa bulaa turre. Waanuma isaan nyaatan nyaannee, waanuma isaan uffatan uffannee bulaa turre.

Waanuma ofii nyaatan nuuf kennaa turan. Guyyaa nyaata foon qabu nuuf kennanis jira. Eessaa akka fidan hin beeknu malee.

Miillaan bosona keessa gara guyyaa lamaafaa deemaa turre.

BBC: Amma akka galaa jirtan maatiin keessan dhagahaniiruu?

Obbo Alamaayyoo: Jalqaba yeroo nu gadhiisan maatii keenya waliin wal nu qunnamsiisaniiru. Ani abbaa ijoollee sadiiti. Ijoolleen lama yuunvarsiitii barachaa jiru. Tokko kutaa saddet barata.

Maatiin koo magaalaa Asallaa jiraatu.

BBC: Maaliif isin qaban? Maallaqa isin gaafatan jiraa?

Obbo Alamaayyoo: Lakki maallaqni nu gaafatan hin jiru. Isa nurraa fuudhaniyyuu nuuf deebisaniiru. Laaptooppii, moobaayilii, waraqaa eenyummaa, Birrii [1,200] naaf deebisaniiru.

Isaan riphee lolaadha. Kaayyoo nu qabaniif isaantu beeka. Nuyi hojiif deemaa turre. Isaanis osoo deemaa jiranii tasa walirra dhufne. Nuyis maaliif jennee hin gaafanne.

Isaanis kana jedhanii nutti hin himne.

BBC: Yeroo harka isaanii turtan miira akkamii keessa turtan?

Obbo Alamaayyoo: Hidhannoo guutuudhaan nama torba tahanii nu qaban. Ala taanee waan dhagahaa turres waan jiruuf yaaddofneerra. 'Garaa jabaatu',

'nama ajjeesu' kan jedhus yaada keenya keessa jira. Gaafa turru ammoo homaa rakkoon nurra gahe hin jiru. Anaaf ijoolleman ani godhachuu danda'udha.

Humni mootummaas nu baasuuf baay'ee dhama'aa ture. Yeroo harkaa nu baasuuf yaalan gidduutti lubbuun keenya gaaga'amaa laata jennee yaaddofnee ture.

Dhuma irratti humni mootummaa bakka geenye hin beeku. Ofumaaf nu gadhiisan.

Abbaan alangaa biraa harka hidhattootaatii gadhiifame dargaggoo Yirgaalem Mitikkuu jedhama.

Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Waliigalaatti abbaa alangaati.

Qorannoo wagga waggaan hojiirra oolmaa seeraa gaggeeffamu gaggeessuuf gara Naqamtee deemaa turre jedhe Yirgaalem.

BBC: Mee turtii hidhattoota waliinii fi waan si mudate nutti himi.

Yirgaalem: Riphee loltoota WBO nu qabe. Akkuma bosonatti nu galchaniin dhukaasni guddaan ture. Dhukaasni meeshaa waraanaa guddaa ture.

Nuyi fuuldura turre. Lama nu biraa boodatti hafan. Dadhabani tahee hin beeku. As gidduutti miidhaan isaan irra gahuu hin oolle.

Erga achii fagaanneeti isaanuma irraa boqataniiru oduu jedhu dhageenye. Odeeffannooma dhagahaniin 'warri isin waliin turan boqotaniiru' nu jedhan.

[Haata'u malee, namoota lama isaan biraa boodatti hafan ajjeefamuu akka hin oolle isaanitti himame keessaa abbaan alangaa tokko lubbuun oolee mootummaan Finfinnee geessee wallaanamaa akka jiru BBCn odeeffateera.]

Erga qabamnee miidhaa nurraan gahan hin qaban.

Nyaata ofumaaf nyaatan irraa nuuf kennaa turan. Erga of bira nu tursiisanii amma ofumaaf nu gadhiisan. Kana dura maatiikoo akkan qunnamu godhanii nagaa tahuu keenya itti himeera.

Har'as akka gadhiifameerru obboleettiikotti himeera.

BBC: Eeessan isin gahanii isin gadhiisan?

Yirgaalem: Ofumaaf karaatti nu baasanii nu gadhiisan. Motora akka qabannee deemnu godhan. Gara Naqamteetti deemaa jirra. Har'a Naqamteen ni geenya.

Abbootiin alangaa Oromiyaa hidhattootaan butaman kunneen guyyaa sagal booda gadhiifaman.

Isaan waliin kan butame Obbo Naggasaa Kabbadaa guyyuma sana ajjeefaman.

Itti Gaafatamaan Komunikeeshinii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Geetaachoo Xaasoo sirni awwaalcha abbaa alangaa ajjeefamanii [Obbo Naggasaa Kabbadaa] naannoo dhaloota isaanii Shawaa Kaabaatti gaggeeffamuu himaniiru.

Sirni awwaalcha isaanii kun Shawaa Kaabaa Gadaamii Dabre Libaanoositti gaggeefamuu himan.

Obbo Naggasaan abbaa ijoollee dhiiraa lamaa yoo tahan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala IOromiyaatti daariktera wixinee seeraa tahuun hojjetaa turan.

Waggoota jahan darban kana naannoo Oromiyaa keessatti rakkoon nageenyaa hammaateera.

Namoonni butamuun kan jalqabaa miti. Qondaalonni mootummaas naannoo Oromiyaa bakka adda addaatti qaama hidhateen ajjeefamaa turan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo fi mootummaan Itoophiyaa yeroo lama marii araaraa Taanzaaniyaatti gaggeessuun waliigaltee malee adda bahan.

Ergasiis rakkoo nageenyaa naannichaa furamuu dhabuun lubbuu namoota nagaas galaafachaa jira.