Abbootiin alangaa Oromiyaa hidhattootaan Wallagga Bahaatti butaman maal irra gahan?

Madda suuraa, Biiroo Abbaa AlangaaWaliigalaa Oromiyaa/ Feesbuuk
Sirni awwaalchaa abbaa alangaa hidhattootaan Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaatti butamuun ajjeefamee har'a naannoo dhaloota isaa Godina Shawaa Kaabaatti gaggeefamuu himame.
Abbootiin Alangaa Oromiyaa afur hojiif osoo imalanii konkolaachisaa waliin lixa Oromiyaatti hidhattootaan butamanii tokko keessaa ajjeefameera.
Itti Gaafatamaan Komunikeeshinii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Geetaachoo Xaasoo sirni awwaalcha abbaa alangaa ajjeefamanii [Obbo Naggasaa Kabbadaa] naannoo dhaloota isaanii Shawaa Kaabaatti gaggeeffamuu himan.
Sirni awwaalcha isaanii kun Shawaa Kaabaa Gadaamii Dabre Libaanoositti gaggeefamuu himan.
Obbo Naggasaan ''abbaa ilmaan dhiiraa lamaati. Nama siyaasaa miti. Daariktera Wixinee seeraa tahuun hojjetu. Hojiima kana hordofuuf ture kan bahaniiran,'' jedhan Obbo Geetaachoon.
Abbootii Alangaa harka hidhattootaatti hafan haala akkamii keessa jiru jedhee BBC'n gaafateera.
- Oduufi xiinxala keenya kallattiin argachuuf Chaanaalii WhatsApp asiin seenaa.
Obbo Geetaachoon ''abbootiin alangaa lama maatii isaanii dubbisuu dhageenyeerra. Sadarkaa odeeffannootidha malee waan qulqullaa'aa ammayyuu argachuu hin dandeenye,'' jedhan.
Garuu maal jedhanii maatii waliin akka dubbatan hin qulqulleeffanne kan ejdhan Obbo Geetaachoon isaan hafan keessaa tokko garuu maatii isa ahin qunnamne jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Sadan isaanii harka hidhattoota isaan butanii jiru. Konkolaachisaan garuu harka hidhattootaatii baheera.''
Obbo Geetaachoon konkolaachisaa waliin namoonni shan hidhattootaan himanii konkolaachisaan haala akkamiin akka harkaa bahe odeessa guutuu hin arganne jedhan.
''Namoonni tokko tokko harkaa miliqee bahe jedhu. kaan ammoo Birrii fi moobaayila qabu harkaa fudhatanii gadhiisan jedhu.
Bilbila harkarraa waan hin qabneef isa qunnamuu hin dandeenye. Amma magaalaa Naqamtee jira,'' jedhan.
Hidhattoonni erga Abbootii alangaa kanneen butanii deemanii gara sa'a lamaa erga bosona keessa deemsisanii booda abbaan alangaa ajjeefame [Naggasaa Kabbadaa] deemuu dadhabe jenaan ajjeesan kan jedhus jira.
Garuu maaliif isa adda baasanii ajjeesan kan jedhu hin barre jedhan. Gama biraan isaanumaanuu kallattii adda addaan fuudhanii deeman odeeffannoo jedhu jira jedhan Obbo Geetaachoon.
Konkolaachisaakana ilaalchisee ''kaan haa du'u jedhanii kaan ammoo lakki hin ajjeefamiin jedhanii qabanii osoo deemanii harkaa bahe jedhu'' jedhan.
Konkolaataan ittiin imalaa turanis daandii irra dhaabbatee waan tureef amma gara Magaalaa Naqamteetti geeffamuu himan Obbo Geetaachoon.
Hidhattoonni abbootii alangaa kana maaliif qaban?
Obbo Geetaachoon hidhattoonni amma abbootii alanga qaban maaliif akka tahe haga ammaatti hin barre jedhan.
Kaleessaa fi har'a sirna awwaalchaa abbaa alangaa miidhamee gaggeessaa turre. Maatii warra hafanii irraa sichi kan odeeffannu taha.
Dubbisuu isaanii malee maal akka jedhan hin dhageenye jedhan.
Obbo Geetaachoon ogeessonni seeraa siyaasa keessa hin jiran. Hojii ogummaa isaanii irratti xiyyeefate hojjetu.
Waan akkasiis kana dura mudatee hin beeku. Amma maaliif akka hidhattoonni gochaa kana raawwatan hin baramne jedhan.
Gama mootummaan abbootii alangaa lubbuun jiran nagaan gadhiisisuuf maaltu hojjetamaa jira jedhee BBC'n yoo gaafatu Obbo Geetaachoon, ''gama lamaaniinuu qaam hidhate jira.
Gama mootummaanis tahe waraana mootummaan jechuudha. Haala akkasiin yoo itti deemame inumaayyuu lubbuu abbootii alangaa kanneenii gaaga'uu danda'a.
Kanaaf karaa nagaa jaarsummaadhaan akka gadhiifamaniif hojjetamaa jira. Karaa jaarsolii biyyaa fi Abbootii Gadaa itti deemaa jirra,'' jedhan.
Namoonni kunneen siyaasa irraa bilisa waan taheef akka nagaan gadhiifamaniif jaarsoliidhaan itti deemaa jirra.
Akkamiin butaman?
BBC'n abbootii alangaa Oromiyaa garagaraarraa akka odeeffateetti, abbootiin alangaa kuni hojiif Godina Jimmaa deemanii turan.
Achii ka'anii ALI Sadaasa 17, 2018 Bunnoo Beddellee keessa bahuun konkolaataan gara Naqamtee imalaa osoo jiranii naannoo sa'aatii sagaliitti ukkaamfaman jedhan ogeessi dubbifne.
Ogeessi dubbifne badii kanaaf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo himatani.
Ogeessi BBC'n dubbiseefi yaaddoo nageenyaaf maqaa isaanii dhoksine waan mudate akkanaan BBC'tti himan.
''Humna hidhatee socho'uun konkolaataan isaanii dhaabsifamee akka butamanidha odeeffannoon nuti dhageenye.
''Namoonni butaman shanidha konkolaachisaa dabalatee. Sana keessaa Obbo Naggasaa Kabbadaa jedhamu [ kan ajjeefaman].
''Daandii asfaaltiirra karaa dheeraa miilaan deemsisanii fageessanii lafichi caccabaadha bu'aa ba'i bakka qabudha jedhani.
''Deemsa hanga sa'aatii lamaa erga deemsisani booda abbaan alangaa kuni ajjeefamuu dhageenye.
''Warri kaan, namoonni sadii butaman harka warra butetti danqamanii kan jiran ta'u isaaniiti,'' jedhan.
Ogeessii kuni ogeeyyiin kuni ''sababa amma yeroodhaaf hin beekamne'' jedhaniin butamuu himan.
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa bakki namoonni kuni butaman Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjoo Ganda Haraa jedhamee waamamutti ta'uu ibsa baaserratti beeksiseera.
Waldichi ibsa isaa keessatti ''Obbo Naggasee Kabbadee Fayyee haala sukaneessaan'' ajjeefamuu ibse.
Bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti namoonni hidhattootaan butamanii ajjeefamuun waggoota muraasa darban irra deddeebiin mudataa jira.
Gochaa kana raawwachuun kan himataman hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo deebii hin kennine.












