Hidhattoonni Abbootii Alangaa Oromiyaa afur butanii, tokko akkamiin ajjeesan?

Madda suuraa, Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa
Abbootii Alangaa Oromiyaa afur hojiif osoo imalanii konkolaachisaa waliin lixa Oromiyaatti hidhattootaan butamuu, keessaa tokko ajjeefamuu BBC'n odeeffate.
Biiroon Abbaa Alangaa Oromiyaafi Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa ajjeechaa raawwateen gadduu ibsa baasaniin beeksisaniiru.
BBC'n abbootii alangaa Oromiyaa garagaraarraa akka odeeffateetti, abbootiin alangaa kuni hojiif Godina Jimmaa deemanii turan.
Achii ka'anii ALI Sadaasa 17, 2018 Bunnoo Beddellee keessa bahuun konkolaataan gara Naqamtee imalaa osoo jiranii naannoo sa'aatii sagaliitti ukkaamfaman jedhan ogeessi dubbifne.
Ogeessi dubbifne badii kanaaf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo himatani.
Gareen paarlaamaa Itoophiyaan tarree shoororkeessummaa jala seeneefi nama butuun irra deddeebbiin himatamu, himannaa tibbanaarratti waan jedhe hin qabu.
Haa ta'u malee, himannaa kana dura turan waakkata.
- Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo seenuuf asiin seenaa.
Ogeessi BBC'n dubbiseefi yaaddoo nageenyaaf maqaa isaanii dhoksine waan mudate akkanaan BBC'tti himan.
''Humna hidhatee socho'uun konkolaataan isaanii dhaabsifamee akka butamanidha odeeffannoon nuti dhageenye.
''Namoonni butaman shanidha konkolaachisaa dabalatee. Sana keessaa Obbo Naggasaa Kabbadaa jedhamu [ kan ajjeefaman].
''Daandii asfaaltiirra karaa dheeraa miilaan deemsisanii fageessanii lafichi caccabaadha bu'aa ba'i bakka qabudha jedhani.
''Deemsa hanga sa'aatii lamaa erga deemsisani booda abbaan alangaa kuni ajjeefamuu dhageenye.
''Warri kaan, namoonni sadii butaman harka warra butetti danqamanii kan jiran ta'u isaaniiti,'' jedhan.
Ogeessii kuni ogeeyyiin kuni ''sababa amma yeroodhaaf hin beekamne'' jedhaniin butamuu himan.
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa bakki namoonni kuni butaman Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjoo Ganda Haraa jedhamee waamamutti ta'uu ibsa baaserratti beeksiseera.
Waldichi ibsa isaa keessatti ''Obbo Naggasee Kabbadee Fayyee haala sukaneessaan'' ajjeefamuu ibse.
Bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti namoonni hidhattootaan butamanii ajjeefamuun waggoota muraasa darban irra deddeebiin mudataa jira.
Kanneen butaman keessa ogeeyyiin seeraallee jiru.
Ogeessi BBC'n dubbise abbootiin alangaa kana dura yeroo adda addaa butamanii gadhiifamaa turan jedhan.
''Abbootiin alangaa hedduun butamaniiru. Haa ta'uuti garuu, rakkoon lubbuu isaarratti aggaamame kan jirreefi inni kuni isa jalqabaa ta'u hubanna,'' jedhan waan beekanirraa yoo dubbatan.
Haala akkamii keessa jiru?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaa Alangaa du'un isaanii ibsameen alatti abbootiin alangaa Obbo Addisu Laggaas, Obbo Alamaayyoo Massalee fi Yirgaalam Mitikkuu namoonni jedhaman butamanii akka jiran ibsameera.
Ogeessi BBC'n dubbise ''Abbaan alangaa ogeessadha. Miseensa dhaaba kamiyyuu miti, bilisadha, seeraaf heera qofaaf bitama,'' jechuun gocha raawwate mormaniiru.
Haala irra jiranis yoo ibsan ''Odeeffannoo gahaa hin qabnu,'' jedhan.
Ta'us, ''hawaasni naannoo sanaa guyyaa har'aallee nagaa akka ta'aniifi qaama isaan bute harka akka jiran odeeffannoon tokko tokko dhagahama,'' jechuun himan.
Akkasumas, '' Karaa jaarsolii biyyaafi abbootii amantii akka hiikaman'' sochiin eegaluullee himani.
Abbootiin Alangaa kunneen hojiif olii gadi kan deemaa jiran dhimma wixinee seeraatiin walqabatee jiru irratti ''qorannoofi xiinxala gaggeessuudha'' jechuun ibsan.
Ogeessi kuni ''Namoonni kuni sochii siyaasaa kamirrayyuu bilisa ta'un isaanii hubatamee'' akka gadhiifaman gaafataniiru.
''Qaamni abbootii alangaa kana to'ate jiru akka gadi nu lakkisullee waamicha keenya dhiheessina.'' Waldichis waamicha wal fakkaataa taasise.
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa ibsa fuula Facebook isaarratti baaseen haala namoota butamanii yoo ibsu ''hanga yoonaatti eessa akka jiran akka hin beekamne'' ibse.
Dabaluunis, ajjeechaa raawwateen waldichi ''gaddaa guddaatu itti dhagahamee jira'' jechuun akka balaaleeffatu ibse.
''Ajjeechaan sukkaneessaa fi seeraan alaa butamuun Abbootii Alangaa kana irratti raawwatamuun isaa bilisummaa ogummaa Abbaa Alangaa kan sarbu ta'uu bira darbee gochaa ol'aantummaa seeraa cabsu akka ta'e ni hubata.''
Dabaluunis, ''… ajjechaan fi butamuun irratti raawwatamuun isaa gochaa fudhatama hin qabnee fi balaaleffamuu qabudha,'' jedheera.
Obbo Naggasaan eenyudha?
Ogeessi ajjeefaman, Obbo Naggasaan, Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti ogeessa wixinee seeraati (legal drafting).
Ogeessi BBC'n dubbiseefi itti dhiheenyaan isaan beekan akkanaan isaan ibsu.
''Sochii siyaasaa kam keessayyuu hin Jirani. Hojii idileef bobba'anii kan isaan dirree jiran. … Sababni qaama kamiiniyyuu haa ta'u isaan ajjeesisu tokko hin jiru.''
Dabaluunis, ''Nama hojii isaaniitti cimaa, amanamaa, nama qajeelaafi garraamummaa qabu.
''Nama namaaf yaadu, abbaa maatiiti,'' jechuun ''hariiroo gaarii nama hundaa waliin qabudha,'' jedhan.
Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti nama butanii maallaqa gaafachuu hammaachaa dhufe, mootummaan akka dhaabsisu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kan dura gaafatee ture.












