Itoophiyaan akka Ertiraan loltootashee 'hatattamaan daangaashee keessaa baastu' akeekkachiiste

MM Abiy Ahmad fi Pirezidant Isaayaas Afaworqii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mootummaaan Itoophiyaa Ertiraan loltootashee daangaa Itoophiyaa keessa seeraan ala jiran akka baastu waamicha dhiheesse.

Xalayaan Ministeera dhimma alaa Itoophiyaan barreeffamee fi mallattoo Ministira dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ofirraa qabu Ertiraan loltootashee Itoophiyaa keessa tursiisuun kan dubbii hammeessu ta'uu ibse.

Xalayaan kun dhugaa ta'uu Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo BBC'f mirkaneessaniiru.

Xalayaan Afaan Ingiliffaan Ministira dhimma alaa Ertiraa Osmaan Saaleeh Mohammadiif barreeffamuu agarsiisu kun ''Ertiraan loltootashee Itoophiyaa keessa qubsiisuun hidhattoota Itoophiyaa keessa socho'anis tumsaa jirti,'' jechuun himata.

Loltoonni Ertiraa wayita waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalu Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa deeggaruun humnoota Tigraayiin lolaa ture jedhamuun himatama.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad kora paarlaamaa biyyattii Kibxata, Guraandhala 3, 2026 taa'amerratti wayita haasawa taasisan loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu himaniiru.

Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa sababa Itoophiyaan ulaa galaanaa gaafatteef osoo hin taane, yeroo waraanaa waan adeemaa tureen rakkoo seenuu dubbatan.

Waraanni Ertiraa Tigraay keessatti badii raawwataa ture mormuun irra deddeebiin jila gara Asmaraa erguu dubbatan Ministirri Muummee Abiy.

Aksum dabalatee ajjeechaa raawwachuun yeroo jalqabaaf waraana Ertiraa kan yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa isaan dura dhaabate himataniiru.

MM Abiy wayita waraanni gaggeeffamaa ture sanatti loltoonni Ertiraa yeroo qabeenya kaan saamaa, kaan ammoo barbadeessaa, akkasumas namoota ajjeesaa turanitti Itoophiyaa waliin wal dhabaa turuu kaasan.

'Baaleenis Booleenis ulaa galaanaa argachuun hin hafu' - MM Abiy [Viidiyoo]

Wadhabdeen keessa keessa hammaataa dhufe sun ammoo gaafa waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'ee waraanni dhiiga dhangalaasaa ture dhaabbate Ertiraan waraanni maaliif dhaabbataan ifatti mormite.

Ertiraan dubbii gaggeessaa Itoophiyaa kanaaf deebii kenniteen, mootummaann Itoophiyaa yeroo waraanichi gaggeeffamu Ertiraa galateeffataafi medaaliyaa badhaasaa ture amma Ertiraa maqaa balleessaa akka jiru ibsite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministiira Odeeffannoo Ertiraa kan ta'an Yamaanaa Gabramasqal X gubbaatti Itoophiyaa qeequun ibsa kennaniin, mootummaan Itoophiyaa paarlaamaa irratti dhiyaatee sobaafi waan dhugaarraa fagaate dhiyeessaa akka ture ibsan.

Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 20 ta'anif nagaanis waraannis hin jirre keessa erga turte booda MM Abiy Ahimadin araara buusaniiru.

Yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa adeemsifame waraanni Ertiraa waraana Itoophiyaa bira goree loleera.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamerratti Ertiraan waraana bobbaasuun yeroo mootummaa Itoophiyaa gargaaraa turtetti, MM Abiy mana maree bakka bu'ootaa irratti dhiyaachuun Ertiraan Itoophiyaaf oolmaa guddaa akka oolte dubbachuun ifatti galateeffatanii turan.

Qondaalonni waraanaafi siyaasaa olaanoon Itoophiyaas irra deddeebiin loltoota Ertiraafi mootummaa Ertiraa jajuun galateeffataa turan.

Waliigalteen Piritooriyaa mootummaa Itoophyaafi TPLF gidduutti mallattaa'uu hordofee walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru laaffatee, wal-jajuurra gara wal-balaaleffachuufi wal-gaarreffachuutti cehe.

Xalayaan Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa Guraandhala 7, 2026 akka barreesse ibsu kun ''humnoonni Ertiraa erga karaa daangoo waloo keenyaan lafa keenyatti ce'anii qubatanii turaniitu. Mootummaan Ertiraas hidhattoota adda addaa Itoophiyaa keessa socho'an tumsaa tureera, tumsaas jira,'' jechuun himata.

''Sarbamni daangaa fi birmadummaa biyya keenyaa kun akka dhaabbatu, haalonni akka sirratan waamicha dhiheessaa turreerra. Garuu Ertiraan waamicha kanaaf bakka hin kennine,'' jedha xalayaan kun.

Guyyoota dhihoo as taateewwan mudataa jiran ammoo Ertiraan dubbii qabbanneessuurra dubbii hammeessuu filachuushee mul'isa jedha.

Loltoonni Ertiraa karaa kaaba baha Itoophiyaan seenuu fi kallattii kaaba lixaan ammoo hidhattoota faana shaakallii fi leenjii waraanaa gaggeessuu himate xalayaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa kun.

''Gochi Ertiraa kun dubbii kakaasuu qofa osoo hin taane weerara kallattiin raawwatamaa jiruudha,'' jechuun himata.

Gocha fudhatama hin qabne kana hambisuuf mootummaan Ertiraa loltootasaa hatattamaan akka daangaa Itoophiyaa keessaa baasuu fi deeggarsa hidhattootaaf taasisu kamiyyuu akka dhaabu gaafateera xalayaan kun.

Seenaan hariiroo biyyoota lameenii walakkaa jaarraaf waraanaan kan walqabatu ta'uu kan eere xalayaan kun rakkoo waggootaaf hundee jabeeffate kanas marii fi marabbaadhaan furuun akka danda'amu eere.

Mootummaan Itoophiyaa akka walabummaan daangaa fi birmadummaan biyyasaa kabajamuuf gaaffii gaafateef yoo deebii sirrii ta'e argate dhimmoota dantaa biyyoota lamaa ta'an hundarrattuu mari'atee waliigaluuf qophii ta'uus ibsa xalayaan kun.

Mariin taasifamu kan karaa buufata Asabiin Galaana Diimaatti bahuullee akka dabalatu ibse xalayaan mootummaa Itoophiyaa kun.

Hariiroo fi michummaa walkabajuurratti hundaa'e kan uummata biyyoota lamaanii waan hedduu waliin qooddatu akka mirkanaa'uuf mootummaan Itoophiyaa kutannoo akka qabu xalayaa kanarratti ibsameera.

Mootummaan Ertiraa xalayaa kana miira gaariin simachuun haalonni rakkoo hammeessan soroorfamuun gara nagaa fi badaadhinaatti akka ce'amu abdii qabu ibseera Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa xalayaa kanaan.

Xalayaa kanarratti gama Ertiraatti hanga ammaatti deebiin hin kennamne.