'Akka Walloo jaalalaan dhufnaan fuula ifaan, lolaan dhufnaanis lolaan deeffanna' - MM Abiy

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaan akka ummata Walloo yoo jaalalaan itti dhufan jaalalaan simatu, yoo lolaan itti dhufan immoo ofirraa dhowwatudha jechuun dubbatan.
''Itoophiyaan akka Walloyyeedha, jaalalaan yoo dhufan 'Arhibu [baga nagaan dhufte]' lolaan yoo dhufe 'Agaalay[ofirraa qolachuu]' jetti,'' jechuun dubbatan.
''Lolli misoomaafi badhaadhinarraa nu danqa, imala keenyas dheeressa.''
Guyyaa har'aa Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti pirojektii 'Rizortii hara Loogoo' yeroo eebbisisanittidha kan kana dubbatan.
Dubbiin isaanii kuni yeroo biyya ollaa Ertiraa waliin muddamni cimeefi humnoota TPLF waliin dhibdeen dhalatee guyyoota muraasa booda dhagahame.
Ummati Walloo Naannoo Amaaraa godinoota garagaraa keessatti kan argamu yoo ta'u, saboonni garagaraa bakkatti nagaan waliin jiraatan jedhamuun jajama.
Waggoota muraasa darban garuu yeroo adda addaatti hidhattoonni maqaa sabaa dhahatan haleellaa irra deddeebiin raawwachuun himatamaniin ajjeechaafi mancaatiin dhaqqabaa ture.
Bulchaan Itoophiyaa Walloon bakka argama "Qinyiitii" muuziqaa afran kan ta'e 'hammataafi daneessummaa keessummeessuu waan danda'uufi' jechuun dubbatani.
''Itoophiyaan akka Wallooyyeeti, Wallooyyeen jaalalaan yoo itti dhufan arhibuu jedhee harka bal'isee fuula ifaan simachuu danda'a.
''Haata'u malee, Walloyyee yoo isa lolan lola hin barbaadu,'' jedhaa jedhan.
Kan nuti barbaannu isa jaalalaan dhufe 'Arhibuu' jennee fuula ifaan simachuu, afaan kaa'uudha.
Lolaan yoo nutti dhufanimmoo akka Walloyyeee ''Agaalay'' jechuun keenya hin hafu jechuun isaanii gabaafameera.
Ministirri Muummee Abiy eebba kanarratti ergaa dhaamaniin Gorgoraatti pirojektiin hawwataa akkuma ijaarame bakkeewwan Gadaamii Haayiq Isxifaanosittis hojiiwwan hojjetamuu qabu jedhan.
Ergaa karaa Facebook isaanii irratti dhaamaniin ''miidhaga qabeenya uumamaa Walloo, bu'uraalee misoomaa ammayyaafi sadarkaa idil-addunyaa eeggate waliin pirojektii of keessatti qabatedha,'' jechuun ibsan.
Pirojektiin kuni mootummaa fi damee dhuunfaa walitti fiduun ijaaramuu isaallee dubbatan.
Pirojektiiwwan akkanaa Wancii dabalatee bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti dura aantummaa bulchaa Itoophiyaan ijaaramaa jiru.
Ijaarsa pirojeektii Rizoortii Hara Loogii eebbifame keessatti dureessi beekamaan Balaayinah Kindee hojii danuu hojjechuu MM Abiy dubbataniiru.
Sababa kanattis rizoortii kana akka hoogganan murtaa'u isaallee himan.
Kana dura deeggarsa maallaqaa sagantaa 'Gabataan biyyaaf' jedhuun rizoortiiwwan afur ijaaraman akka bulchu Daandii Qilleensa Itoophiyaaf kennameee ture.
Kanneenis Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa, Wanciifi Halaalaa Keellaadha.
Booda kana Dambii Ikkoo Looj Midrook Itoophiyaan ijaaramuun ibsameera.
Guyyoota muraasa durammoo bakka dureewwan Jibuutiifi Somaaliyaa argamanitti Shabaleee Rizoort Naannoo Somaaleetti ijaarame eebbifamuun ni yaadatama.












