Iraan xalayaa ariifachiisaa akeekkachiisa cimaa qabu UN'tti ergite

Ameerikaan humna waraanaa ishee kan akka doonii waraanaa, xiyyaarota waraanaa, fi xiyyaara boba'aa naannoo Iraan qubachiifterti.

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan humna waraanaa ishee kan akka doonii waraanaa, xiyyaarota waraanaa, fi xiyyaara boba'aa naannoo Iraan qubachiifterti.
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Iraan xalayaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereesiif fi Mana-maree Nageenyaa UN'f barreessiteen, weerara waraanaa kamiifuu deebii "murteessaa fi madaalawaa" akka kennitu, mirga ofirraa ittisuu Chaartara UN jalatti qabdu akka fayyadamtu ibsite.

Teehiraan weeraramuun yoo ishee mudate buufataalee, meeshaalee fi qabeenya ''humna diina'' naannicha keessa jiruu waliin hidhata qaban irratti xiyyeeffachuu akka seera qabeessaatti akka ilaalamuuf xalayaa kanaan akeekkachiifterti.

UN'tti ambaasaaddarri Iraan Amiir Sa'iid Iraavaaniin Kamisa xalayaa barreessaan kanaan sochii Ameerikaan Iraan irratti haleellaa waraanaa raawwachuuf taasiftu qeeqaniiru.

Dubbiin Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan irratti dubbate ''balaa weerara waraanaa dhugaa agarsiisa'' jedhan.

Iraan garuu waraana akka hin barbaannes xalayaa kanaan ibsameera.

Yoo weerarri isheerratti baname garuu ''tarkaanfii madaalaawaa fudhachuun '' deebii akka kennitu ibsite.

Ameerikaan bu'aa tilmaamamuu hin dandeenyee fi to'annaa ala ta'e kamiifuu itti gaafatamummaa guutuu fi kallattiin ni fudhattis jedhan.

Pirezdaantiin Ameerika Traamp ''Iraan waliin waliigalteen taasisuuf guyyoota 10 qofa qabdii, guyyoota kana keessatti yoo waligaltee hin taasifne wanti hamaan akka ta'u addunyaan ni ilaalti'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan humna waraan guddaa naannawa Iraan qubachiiftee eeggataa jirti.

Humni waraanaa ishees naannoo Iraanitti doonii waraanaa, xiyyaarota waraanaa fi xiyyaarota boba'aa guutaan dabalatee qubsiifamuun haleellaa itti yeroo dheeraa Iraan irratti raawwachuu haala danddeessisuurra jiraachuun ibsameera.

Waashingitan Doonii xiyyaarota baatu lammataa gara naannichaatti kan ergite yoo ta'u, kan jalqabaa USS Abraham Lincoln fi xiyyaaronni ishee gara 80 ta'an hanga Wiixataatti qarqara galaanaa Iraan irraa gara kiiloo meetira 700 fagaatanii akka argaman suuraan saatalaayitii ni mul'isa.

Humni waraanaa Ameerikaas halellaa raawwachuuf qophii ta'uufi ajaja Tiraamp qofa eeggachaa akka jiru ibseera.

Tiraamp akkataa raawwii haleellaa kanaa gorsistoota isaanii waliin mari'atanis hanga yoonaa ajaja mootummaa hin kennine.

Kamisa kaleessaa sirna jalqabbii Boordii Nageenyaafi Tasgabbii Gaazaa irratti Tiraamp "Iraan waliin waliigaltee hiika qabu gochuun waggoota darban keessatti salphaa akka hin taane mirkanaa'eera. Waliigaltee hiika qabu gochuu qabna, yoo kana hin taane wanti uumamu gaarii miti,'' jechuun dubbatan.

Waashingitan waliigalteen tokkoyoo hin jiraanne ''tarkaanfii tokko fuulduratti tarkaanfachuu qabdi'' jechuun akeekkachiisan.

Dhohinsa yeroo shaakala kibba Iraan keessatti Guraandhala 17, 2026 raawwatame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dhohinsa yeroo shaakala kibba Iraan keessatti Guraandhala 17, 2026 raawwatame

MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun biyyi isaanii michuu Ameerikaa taate yoo Tehran tarkaanfii fudhatte Israa'el haleellaa waraanaan deebii akka kennitu akeekkachiisaniiru.

Neatinahuun ''yoo Ayatollahoonni dogoggora raawwatanii fi nuti haleella duub deebii isaan yaaduu illee hin dandeenye kennina'' jedhanii turan.

Tiraamp Biriteen buufata waraanaa ijoo Ameerikaa fi Biriteen kan ta'e Diyeegoo Garsiyaa kan odola Galaana Indiyaa Chaagoos keessatti argamu kireessuu ishee "dogongora guddaa" jechuun yoo mariin nukilaraa Iraan waliin taasiftu yoo hin milkoofne "Ameerikaan Diyeegoo Garsiyaa fayyadamuun barbaachisaa ta'uu mala" jechuun hubachiisan.

Waliigaltee Caamsaa bara 2025 ifoomeen, Biriteen abbaa biyyummaa Odoola Chaagoos gara Moorisiyaatti dabarsuu irratti walii galtee kan turte yoo ta'u, waggaatti Diyeegoo Garsiyaa waggaa 99f paawundii miiliyoona 101 (Doolaara Ameerikaa miiliyoona 136)n kireessiteetti.

Iraan humna waraanaa ishee agarsiisuuf kan yaalte yoo ta'u, Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa ishee jalqaba torban kanaa shaakala waraanaa sarara ulaa galaana dhiphoo Strait of Hormuz keessatti gaggeessee ture.

Namoonni siyaasaa waldhabdeen Ameerikaa fi Iraan kana hordofee torban kana keessa gatiin boba'aa akka ol ka'u taasisuu akka danda'an eeran.

Iraan duraanuu ulaan kun cufamnaan boba'aan addunyaa yaaddoo keessa akka galu akeekkachiisaa turte.