Ameerikaan aanga'oota Iraan irratti xiyyeeffachuun ishee himame

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan haleellaa waraanaa Iraan keessatti raawwatuun aanga'oota biyyattii addatti irratti xiyyeeffachuu dabalatee jijjiirraa mootummaa gaggeessuuf karoora baafachuushee aanga'oonni Ameerikaa lama Reuters'tti himan.
Aanga'oonni kunneen icciitii ta'uu karoora kanaarraa kan ka'een maqaan isaanii akka hin eeramne kan fedhan yoo ta'u, odeeffannoo dabalataa dubbachuurraa of qusataniiru.
Haata'u malee, karoorri kun hojiirra kan oolu, pirezidant Tiraamp irraa ajajni yoo darbe qofaa ta'uu ibsaniiru.
Carraaqqiin dippilomaasii gaggeeffamaa jiru bu'aa argamsiisuu baannaan Ameerikaan gara tarkaanfii loltummaatti akka naanneffattu himamaa kan jiru yoo ta'u, dhaabbileen tikaa Iraan, akkasumas wiirtuuwwan nukilaraa irratti haleellaawwan xiyyeeffachuun torbanootaaf itti fufanii gahheeffamaniif loltoonni Ameerikaa qophaa'aa akka jiran gabaafamaa tureera.
Torbanoota darban keessa Tiraamp meeshaalee waraanaa guddaa gara Baha Giddugaleessaatti akka socho'an godheera. Haata'u malee, humnishee guddaan dooniiwwan waraanaa gurguddoofi xiyyaarota waraanaarratti kan hundaa'edha.
Ameerikaan tarkaanfii waraanaa IRaan irratti yoo bante aanga'oonni olaanoo biyyattii akka irratti xiyyeeffatamu himamaa jira. Israa'el waggaa darbe Iraan irratti haleellaa yeroo gaggeessitetti hoggantoota waraanaafi siyaasaa irratti miidhaa guddaa geessifteetti.
Karoora duula Iraan irratri gaggeeffamu Reuters'f kan ibsan aanga'oonni kunneen, Ameerikaan hoggantoota Iraan irratti xiyyeeffannaa gochuuf kan ishee dandeessisu odeeffannoo madda amansiisaa akkamii akka qaban hin ibsine.
Karoora Ameerikaa ilaalchisee Reuters Waayit Hawusiifi Miinisteera Ittisaarraa adeebii argachuuf gaaffii dhiyeessee battalumatti deebii hin argatiin jira.



















